Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadaafi seenaa Oromoo: 'Gaddii' - fiilmii seenaa Gaaddisaa Hirphasaa irratti fuulleffate
Fiilmiin mata-dureen isaa 'Gaddii' jedhuufi seenaa Gaaddisaa Hirphasaa irratti xiyyeeffachuun hojjatame Dilbata har'aa akka eebbifamu daarektarri fiilmichaa BBCtti himeera.
Gaaddisaan barataa cimaa Yunvarsiitii Finfinnee kan ture yoo ta'u, mormii barattootaa qindeessiteetta jedhamuun mana hidhaa Maa'ikalaawwiitti dararamuun A L I bara 1998'tti lubbuun isaa darbe.
Fiilmiin 'Gaddii' jedhu kunis seenaa barataa kanaa ka'umsa godhachuun hojjatamuun A L I Onkolooleessa 28, 2014'tti Finfinnee, Galma Aadaa Oromootti akka eebbifamu daarektaraafi taatoon filmichaa Fiqaaduu Daadhii BBCtti hime.
Fiqaaduun filmicha keessatti Gaaddisaa bakka bu'uun akka taatoo ijootti kan taphatee yoo ta'u, walumaagalatti taatoota 70 ol ta'an fiilmii kana keessatti qooda fudhachuu dubbata.
Yoomessa fiilmii Gaddii
Fiilmiin mudannoo Gaaddisaa, kan dararama irra gaheen lubbuu isaa dhabe ka'umsa godhate kun iddoo gara garaa dhaquun kan waraabame.
'Taatota 14 wajjiin iddoo Gaaddisaan itti dhalate, Dirree Incinnii guyyoota afur bullee waraabne," jedhe Fiqaaduun.
Kana malees, fiilmiin kun Yunvarsiitii Amboofi magaalota iddoo gara garaatti waraabame akka Fiqaaduun jedhutti.
Seenaa Gaaddisaa bu'uura godhachuun cinaatti, bifa diraamaatiin waanti itti dabalame jiraachuu ibsa daarektarri fiilmii 'Gaddii'.
Fiilmichi dheerina sa'aatii lamatti siqu kan qabuufi ulaagaa fiilmii barbaachisoo guutee kan hojjatame ta'uus dubbata Fiqaaduun.
Fiilmicha keessatti qabiyyeen jaalala, jiruu baadiyyaa, aadaafi siyaasaa akeekan hammatamaniiru.
Seenessi filmichaa turtii A L I bara 1996 jalqabee hanga bara 2014tti yeroo goolabamu qaba.
'Taane hojjachuuf yaalle'
Iskiriiptii fiilmiichaa kan barreesse Bisraat Geetahuun yoo ta'u, daarektingii ammoo waayila isaa Fiqaaduu Daadhii wajjin waltumsuun hojjatame.
Bisraat ogummaa Sinimaatograafii biyya Jarmaniitti kan barate yoo ta'u, ejjannoo Gaaddisaan qabsoo ture sanarratti qabu qalbii isaa hawwachuun barreessuu hime Fiqaaduun.
Taatummaadhaan immoo artistoonni gameeyyiifi haaraan leenji'an itti hirmaataniiru. Artistoota kanneen keessaa Abaaboo Warqinaa, Hiruut Damisee, Mintiwwaab Damisee fa'aa ni eeramu.
''Yeroo dheeraaf iskiriptiin fiilmichaa qo'atamee, shaakaluun waraabame. 'Fakkeessuuf otoo hin taane, taanee hojjachuuf yaalleerra,'" jedhe Fiqaaduun.
Filmichi qulqullina suuraa '4k standard' warabaamuu eeree, hojii filmichaaf baasii hanga birrii 600,000 baasuun hojjatame jedhe Fiqaaduun.
Hojii fiilmicharratti garuu ispoonsara barbaadan hin argatiin akka hafanillee kaase daarektarri fiilmichaa.
Fiilmiin kun erga eebbifamee booda magaalota Oromiyaa keessa imaluun agarsiisuuf karoorfatan.
Fiqaaduu Daadhii gaazixeessaafi barsiisaa Yunvarsiitii Riifvaalii yoo ta'u, tiyaatira 'Dungoo bilisummaafi Cancallii cite' jedhu qopheessuun kanaan dura hawaasa biraa gahuu BBC himeera.
Gaaddisaan eenyu?
A.L. I bara 1996 Gaaddisaan Yuunvarsiitii Finfinnee muummee Siivili Injinariingiitti barataa qaroo ture.
Wayita Yunvarsiitii Finfinnee seenus qabxii 4.00 galmeessisee ture Yunvarsiiticha kan seene akka maatiin isaa himanitti.
Bara 1997 teessoon mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneerraa gara Adaamaatti wayita geeddaramu barattoonni mormanii turan. Mormii barattootaa ture sana hordofee barattoota 300 ol Yunivarsitii Finfinneetii ari'ataman keessaa Gaaddisaan tokko ture.
Gaaddisaan sana booda mormii barattootaa qindeesseera jedhamee qabamuun Maakalaawiitti hidhame.
Yunivarsitii Finfinneetti Muummee Teekinolojii waggaa 5ffaa osoo baratuu akka qabamee hidhame obboleessi isaa hangaftii Taayyee Hirphasaa BBCtti himeera.
Gaaddisaan wayita hidhaa turetti, ''iddoo cinqiifi rakkisaadha'' jechuun akka itti himee tures ni yaadata Taayyeen.
Boodarra lubbuu kan dhabe miidhama mana hidhaatti irra gaheef yaalii otoo hin argatiin turuusaatin ta'uu dubbata obboleessi Gaaddisaa kun.
Mana hidhaa Maa'ikalawiifi 'Alam-Baqqaa' iddoo jedhamee waamamutti A. L .I ji'a Adolessaa bara 1996 hamma bara 1998 lubbuun isaa darbutti hidhamee ture Gaaddisaan.
Hidhamtoonni kan keessatti dararamaa turan manni hidhaa Maa'ikalaawii cufamuun gara goda-hambaatti wayita jijjiiramee banamutti Gaaddisaan akka nama jabaatti yaadatamaa ture.
Barreeffamni 'Anamoo warra ana himatetu yakkamtoota?' jedhu keenyani mana hidhaa Maa'ikalaawii gubbaatti wayita daawwannaaf baname argame qalbii namoota hedduu hawwatee ture.
Mana hidhaa kanatti namoonni hiraarfaman keenyan manarratti dhaamsa gargaraa qaban barreessaa turaniiru.
Isaan keessa Gaaddisaan tokko ture.
Barataa qaroo kan ture Gaaddisaan A L I bara 1998tti du'aan darbuus, barreeffama Afaan Amaaraatiin maqaan isaas jalatti barreeffame miidiyaa hawaasummaa irratti namoota heddu dudubbisuun, haala du'asaa namoota yaadichisee ture.