Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetonni Itoophiyaa dorgommiiwwan maraatoonii Amistardaam, Paaris fi Liizban mo'atan
Dilbata kaleessaa, Onkoloolessa 17, 2021 magaalota Awurooppaa Paaris, Amistardaam fi Liizban keessatti dorgommii maraatoonii gaggeeffame atileetonni Itoophiyaa injifatanii milkiin galaniiru.
Maraatoonii Hoolaand, Amistardaam keessatti gaggeeffame dhiiraan Atileet Taammiraat Tolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 03 fi sekoondii 37n xumuree mo'ateera.
Dorgommii kana Atileetiin Keeniyaa Barnaand Kooyeech lammaffaan yoo xumuru, atileetiin biraa Itoophiyaa Li'ul Gabrasillaasee sadarkaa sadaffaan dorgommicha xumure.
Dorgommii maraatoonii Dilbata kaleessaa Amistardaam keessatti gaggeeffame kanaan lammiileen Itoophiyaa, Keeniyaa, Eertiraa fi Yugaandaa sadarkaa tokkoffaa hanga kurnaffaa dhuunfataniiru.
Dubartootaan ammoo Atileetiin Keeniyaa Angelaa Taanuyee sa'atii 2፡17፡57n xumuruun injifatteetti, sa'atiin isheen ittiin xumurtes rikordii haaraa bakkichaa ta'uun galmaa'eera.
Atileet Maarwiin Cheepkewaay lammaffaan yoo xumurte, lammiin Itoophiyaa Atileet Heevan Haayiluu sadaffaa baateetti.
Gabayaanash Haayiluu fi Warqinash Alamuu ammoo afraffaa fi shanaffaan xumuran.
Dorgommii Paarisiin ammoo dubartootaan Atileetonni Itoophiyaa olaantummaan xumuraniiru.
Atileet Tigist Maammuyyee sa'atii 2፡26፡12n xumuruun irra aanteetti.
Atileetoonni kaan Yaneenash Dinqeessaa, Faantuu Jimaa fi Waagaanash Makaashaa sadarkaa lammaffaa hanga afraffaatti jiru dhuunfataniiru.
Atileetiin Keeniyaa Jaaneet Ruuguuruu shanaffaa, Atileetiin Itoophiyaa Yeshii Chakkole ammoo ja'affaan xumuran.
Dorgommii Paaris kana dhiiraan Atileetiin Keeniyaa Elishaa Rooteech sa'atii 2:04:21n xumuruun mo'ateera.
Atileetiin Itoophiyaa Haayilamaaram Kiroos lammaffaa, Atileetiin Keeniyaa Hilarii Kisaambuu sadaffaan xumuran.
Poorchugaal, Liizban keessatti dorgommii gaggeeffameenis atileetonni Itoophiyaa olaantummaan xumuraniiru.
Dhiiraan Atileet Andu'aalam Balaay sa'atii 2:05:52n xumuruun mo'ateera.
Yihunilign Adaane fi Baalaw Yihune sadaffaa fi afraffaan yoo xumuran Atileetiin Keeniyaa Hosee Kaappiliimoo itti aanuun dorgommicha xumure.
Dubartootaan ammoo Asaayyach Ayyaalaw sa'atii 2:25:07n xumuruun mo'attetti.
Almaaz Naggade lammaffaa yoo baatu, Jeen Jeelaagaat ammoo sadaffaan xumurte.