Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ka'umsa Covid-19 baruuf carraa isa dhumaa' - WHO
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gareen haaraa ijaare ka'uumsa Covid-19 baruuf carraa isa dhumaati jedhe.
Garee 'the Scientific Advisory Group on the Origins of Novel Pathogens (Sago)' jedhamee moggaafame kana keessatti ogeeyyiin 26 hammatamaniiru.
Vaayirasichi magaalaa Chaayinaa Wuhaan jedhamtu keessatti erga argamee waggaa tokkoo fi walakkaa ta'us, ka'uumsi vaayirasichaa ammallee hin baramne.
Gareen haaraan kun vaayirasichi gabaa bineensotaa Wuhaan keessatti bineensotarraa namatti darbe moo, laboraatoorii keessaa miliqee bahe kan jedhu qorata.
Chaayinaa yaada isa laaboraatoorii keessaa miliqee bahe jedhu jabeessitee balaaleffatti.
Guraandhala darbe gareen WHO ka'uumsa vaayirasichaa akka qoratu Chaayinaatti ergame, yaada guduunfaa vaayirasichi simbira halkanii irraa namatti darbuu hin oolle jedhurra gahe. Garuu ammoo hojiin dabalataa hojjetamuu qaba jedhe.
Boodarra hogganaan WHO Dr Teediroos Adihaanoom qorannichi ragaa gahaa dhabuu fi hanqina iftoominaa gama Chaayinaatiin jiruun danqameera jedhanii dubbatan.
Namoota 26 garee haaraa keessa jiran keessaa jaha ogeeyyii garee amma dura gara Chaayinaa imalee ture keessas turan.
Koronaavaayirasiitti dabalataan gareen kun ka'uumsa vaayirasiiwwan hamoo biroos ni ilaala jedhameera.
"Ka'uumsa vaayirasii ykn paatojinii baruun weerara gara fuuladuraa uumamuu malu ittisuuf murteessaadha" jedhan Dr Teediroos.
Yaadni vaayirasichi laboraatoorii keessaa miliqee bahe jedhu 'yaada gatamu ykn dhugaa ta'uu hin dandeenye miti' jedhan Dr Teediroos fi ogeessi WHO tokko barreeffama Joornaalii Saayinsii irratti baheen.
WHO'tti direekatrri balaa tasaa Maayikil Raayan hojiin garee haarawa kanaa 'ka'uumsa vaayirasiicha baruuf carraa isa dhumaati" jedhan.
Gareen kun gara Chaayinaa kan imalu wayita akka gabaasa CNN'tti, Chaayinaan saamuda dhiigaa kumaatamaan lakkaa'amu baatilee jalqabaa weerarichi mudate fudhataman qorachuuf jirtutti.
UNtti ambaasaaddarri Chaayinaa Cheen Shuu, hojiin garee haarawa kanaa dhimma siyaasaaf oolfamuu hin qabu jedhan.
Gareen ka'uumsa vaayirasichaa qoratu bakka biraattis ergamu qaba jedhu qondaalli Chaayinaa kun.