Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Saayintistonni qorannoo haaraa ka'umsi koronaa simbira halkanii ta'uu akeeku ifoomsan
Koronaavaayirasiin Sars-CoV-2 wajjin walfakkeenya qabu Eeshiyaa keessa tamsa’uu mala jedhan saayintistoonni.
Vaayirasiin Sars-CoV-2 wajjin walfakkeenya qabuufi Covid-19 nama qabsiisu simbira halkanii daggala Baha Taayilaand keessa jiraattuurratti argameera.
Qorattoonni vaayirasiin koronaa waliin walfakkeenya qabu kun simbirroota halkanii biyyoota Eeshiyaa hedduufi naannichatti argaman irratti akka argamuu danda’u raagan ni agarsiisa.
Naannoon vaayirasiin koronaavaayirasii wajjin hidhata qabu keessatti argame lafa bali’na km 4,800 qabu dhuunfata.
Iddoo vaayirasichi itti argame kun Jaappaan, Chaayinaafi Taayiland akka of keessatti hammatu bu'aa qorannoo ‘Nature Communications’irratti maxxanfame kan agarsiisu.
Qorattoonni iddoon saamudni qorannoo kun fudhatame Taayilaad qofa ta’uu ibsuun, vaayirasiin qaccee Sars-CoV-2tti hidhata qabu garuu biyyoota Eeshiyaafi naannichatti argamanitti tamsa’uu eeran.
Qorannoowwan duraanii Sars-CoV-2 bineensarraa ka’uu eeru, sirumayyuu otoo namatti hin darbiin simbira halkaniirraa ka’uu akeeku.
Iddoon vaayirasichichi ka’e sirnaan adda bahee beekamu dhabus, gartuun qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hidhata qabu qorataa tureera.
Qorannoon yunvarsiitii Singaappoor Lin-Fa jedhamuun durfamu Sars-CoV-2 simbirroota halkanii holqa Taayilaanditti argamu keessa jiraataniirratti tibbana vaayirasicha arguu ibse.
Vaayirasichi caaseffama qaccee SARS-CoV-2 wajjin 91.5% wal fakkaata.
Kana malees, koronvaayirasii maqaa RmYN02 jedhamu simbirroota halkanii Chaayinarratti argame Sars-CoV-2 wajjin caseeffamni qacceesaatii 93.6% wal fakkaata.
Qorattoonni biyyoota Taayilaand, Singaappoor, Chaayinaa, Awustiraaliyaafi Ameerikaa farreen qaamota alagaa Simbirroota halkaniifi Pengoliini Kibba Taayilaand keessatti argamuu sakatta’aniiru.
Qorattoonni kun farreen qaama alagaa weerara vaayirasichaa qolachuu akka danda’an kan akeekan wayita ta’u, vaayirasiin SARS-CoV-2 wajjin hidhata qabu biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa keessa tamsa’uuf ragaan dabalata argamuu eera.