Miseensi mana maree UK Sir Deevid Ames waraanamuun ajjeefame

Miseensi mana maree warra konsarvaativ Sir Deevid Amees naannoodhuma irraa filatamee Essex keessatti waraanamuun lubbuun darbe.

Poolisiin namni tokko yakka ajjeechaa kanaan shakkamee to'annaa jala oolfamuu beeksiseera.

Poolisoonnis haaduu argachuufi nama gara biraa taatee kanaan hidhata qaba jedhamu barbaachaa akka hinjirree himan.

Miseensi mana maree meeshaa qara qabuun waraanamuun lubbuun dabarte Sir Deeviid nama umuriin waggaa 69 yoo ta'an, erga bara 1983 irraa kaasee miseensa mana maree ta'uun hojjataa turan.

Sir Daavid gaa'ila kan qabaniif abbaa ijoollee shanii turan jedhameera.

Barreessaan Barnootaa Naadhim Zahaawuu toora tiwitara isaanii irratti: ''Sir Deeviid nagaan boqadhaa'' jedhan.

''Atis ummta Southend West fi dhimma nageenya beeladootaaf cimsite falmaa turte. Duutii kee baayyeedhuma nu hir'isa,'' jedhan.

Sir Deeviid Ameess eenyuu?

Sir Deeviid garee konservaatiivii bakka bu'uun gara waggoota 40f miseensa mana maree turan.

Maanguddoon waggaa 69 kunis abbaa ijoollee shanii yoo ta'an yeroo jalqabaatiif paarilaamaa kan galan bara 1983tti Baasildoon bakka bu'uun ture.

Bara 1992tti ammoo Paartii Toorii keessatti teessuma argachuudhaan sadarkaa kabajaa argatanii ture.

Haata'u malee filannoo bara 1997tiin ammoo gara bulchiinsa ollaa Southend West'tti geeddaratan.

Amantaa Roomaan Kaatolikii keessatti kan guddatan namni siyaasaa kunis ulfa baasuu mormuufi mirga beeladootaaf falmuun beekamu.

Akkasumas duula bara dheeraa sadarkaa magaalaa argachuuf taasifamu dabalatee, ummata Southend'f falmuunis ni beekamu ture.