Cimdiiwwan Ameerikaa iccitii nikuleeraa gurguruun shakkaman himataman

Cimdiiwwan kun icciitii meeshaalee waraana nikulaaraa humnootii biyya alaatti gurguruuf yaalaniiru jedhamun to'ataman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Cimdiiwwan kun icciitii meeshaalee waraana nikulaaraa humnootii biyya alaatti gurguruuf yaalaniiru jedhamun to'ataman

Namni Humna Galaanaa Ameerikaa keessatti injinara niikularaa ta'ee fi haatii warraan isaa icciitiiwwan meeshaa niikulaaraa humnootii biyya alaatti gurguruuf yaalaniiru jedhamuun himataman.

Joonaataan Toonee fi haatii warraa isaanii Daayaanaan Sanbata darbe ture lixa Varjiiniyaa keessatti to'annaa jala oolfamusaanii Waajjirri Haqaa kan beeksiise.

Cimdiiwwan kunneenis odeeffannoo dizaayina humna galaanaa, humna biyya alaa jedhameetti gurguruuf mari'ataniiru jedhameera.

Odeeffannichis saanduuchii dhadhaa loozii keessatti dhokfamee akka ture gabaasaaleen mul'isan.

Haata'u malee dhumaratti namni bakka bu'aa biyya biraati jechuun icciticha bituuf dhiyaatee tures basaasaa dhaabbata FBI ta'uun argame jedhame.

Ibsichi akka mul'iseetti, gaheessa umurii 42 kan ta'e Mr Toobee fi haatiiwarraa isaa kan waggaa 45, amma haaluma Seera Atoomiikiitiin himatamaniiru.

Injinarichi sagantaa nikularaa humna galaana Ameerikaa keessa hojjataa kan ture yoo ta'u, hayyama odeeffannoowwan icciiitii argachuu isa dandeessisu qaba.

Waajjirri haqaa akka jedhetti, namtichi Ebla 2020 keessa qaama kan motummaa biyya alaati jechuun yaadetti odeeffannoo dhorkamuu qabate dabarse kan kenne yoo ta'u, ergaawwanis odeeffannoo dabalataa irraa bituuf akka danda'an mul'isa jedhe.

Kana malees nama inni qaama biyya alaatirraa jedhee yaadee waliin jijjirraa iimeelii paaswordiidhaan cufamuutiin taasisaa ture jedhameera.

Haata'u malee namni injinarichi waliin odeeffannoo jijjiraa ture, kan biyya biraa irraa osoon hintaane qondaala dhaabbatta qorannoo yakkaa kan ta'e FBI irraa ta'ee argame.

Baatiiwwan hedduun booda cimdiiwwan kunneen yoo doolaarri gara kuma 100 bifa kiriiptookaransiitiin kanfalameef odeeffannoo niikulaaraa dabarsanii keennuuf waliigalaniiru jedha ibsichi.

Toobee fi haati warraasaa Biiyaanaan baatii Waxabajjii darbe odeeffannicha dabarsuuf lixa Varjiniyaa deemanii turan.

Haatii warraa isaa Diyaanaan namoota darbaa jiran yoo to'attu, abbaan warraa sihee ammoo odeeffannoo 'memory card' keessa gochuun saanduuchii keessatti dhadhaa looziin makee bakka dhoksaa kaa'eera jechuu isaa galmeen himannaa isaa himeera.

Babaasaan sunis erga odeeffanichaa irraa fuudheen booda maallaqicha kanfaluun paaswordii odeeffannichii ittiin cufamee irraa fudheera. Memory Card sana keessaayis icciitii niikulaaraa argateera jedheera himannichi.

Inijinarichi isaan booda yeroo lammaffaatiif odeeffannoo gara biraa saamsaa maastikaatiin maruun dabarsee kannuu himannichi kaaseera.

Qondaaltonni FBI namticha to'annoo jala kan oolche Sanbata darbee yoo ta'u, kunis osoo yeroo sadaffaa odeeffannoo dabarsee kennuuf qophaa'aa jiruuti jedhameera.

Cimdiiwwan kunneenis Kibxata boruu mana murtiitti dhiyaatu jedhameera.