'Arrabaa miliqee waa dubbachuu waan danda'uuf Tiraampitti icciitiin biyyaa hin himamu' Baayiden

Joy Baayiden Waashingitan irraa gara Delawaretti yeroo bahan Guraandhala 5 bara 2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Joy Baayiden Waashingitan irraa gara Delawaretti yeroo bahan Guraandhala 5 bara 2021

Jooy Baayiden pirezidaantii US kan turan Doonaaldi Tiraampi sababa ''amalasaanii dhaabbii hin qabne'' irraa kan ka'e odeeffannoo nageenya biyyaa hin argatan jedhan.

Akka aadaa hojii UStti pirezidaantotni duraan biyya bulchan dhimmoota nageenya biyyaa irratti odeeffannoon ni kennamaaf. Amma kun Doonaaldi Tiraampiif hin hojjetu jedhan.

Garuu CBS News maaliif haaluma wal fakkaatuun Tiraampiifis hin himamu jechuun yoo gaafatu, pirezidaanti Baayiden '' natti hin fakkaatu'' jedhan.

Amalli Tiraampi ''dhaabbii dhabuu'' sun sababa akka tahe dubbatan.

Pirezidaantichi yoo Tiraampi odeeffannoo argate sodaan uumamuu malu maali kan jedhu dubbachuu hin barbaanne. Haa tahu malee pirezidaantiin duraanii kun icciitii ofiisaatti qofa qabachuu hin danda'u jedhan.

''Akkan yaadutti odeeffannoo nageenya argachuun waan isa barbaachisu miti'' jedhan gaaffiif deebii erga pirezidaantii tahanii taa'anii gaggeessan jalqabaa irratti.

''Odeeffannoo nageenyaa kennineefii bu'aa akkamii argata? Walumaagala bu'aa maalii qaba, arraba jalaa miliqee waa jechuuf yoo taheen ala?''

Tiraampi yeroo turtii saa waggaa afur keessatti hawwaasa dhimma nageenyaa irratti hojjetan waliin akka walitti bu'anitti turan. Daarikteroota nageenya biyyaalessaa jahas jijjiiraniiru.

Gabaasa dhaabbilee Ameerikaa, Raashiyaan filannoo bara 2016 gidduu galteetti kan jedhu irratti gaaffii kaasaa turan. Hoggantootni nageenyaa dhimma Iraan irratti harkifachuu isaaniinis ceepha'aa turan.

Bara 2017 odeeffannoo cimaa tahe waa'ee oppireeshinii 'Islamic State' ministeera dhimma alaa Raashiyaaf qooduun hawwaasni dhimma nageenyaa Ameerikaa irra hojjetan hedduun amanamummaa akka cabsetti ilaalaa turan.

Baayiden gaaffiif deebii CBS waliin taasisan irratti waa'ee fonqolchamuu Tiraampii fi hookkara Kaappitaal Hiil ilaalchisuun seenetii duratti qoratamuu gaafatamuuniiru.

Tiraampi filannoo mo'uuf qofa ''fiigaa ture'' jedhanii itti dabalauun ''sababni isaa inni pirezidaantii tahuuf nama gahaa miti jedheen yaada.''

Garuu namni paartii Rippaabilikaanotaa irraa tahe kun lammaffaa akka aangoo uummataa qabachuuf hin dorgomne dhorkuuf seeneetiifan dhiisa jedhan.