Chaayinaa: Daldalaan lammii Kaanaadaa basaasummaan himatame hidhaa waggaa 11n adabame

Maayikil Ispaavoor

Madda suuraa, Reuters

Manni murtii Chaayinaa tokko daldalaa lammii Kaanaadaa tokko ragaa dabarse kennuun balleesseera jechuun hidhaa waggaa 11 itti murteesse.

Daldalaan lammiin Kaanaadaa, Maayikil Ispaavoor bara 2018'tti ture dippilomaatii duraanii waliin to'annoo jala kan oolfame.

Murteen kunis walitti dhufeenya Kaanaadaa fi Chaayinaa badaa dhufe caalaa kan harbeessuudha jedhamaa jira.

Adeemsi mana murtii hojii gaggeessaa dhaabbanni teknooloojii Chaayinaa guddichaa Hiwaawee, Meengi Waanshuu ammoo Kaanaadaa keessatti ilaalamaa jira.

Qeeqxoonnis Chaayinaan Ispaavoorii fi Koviriingi akka meeshaa siyaasaatti itti fayyadamaa jirti jedhu.

Manni murtii Chaayinaa kan Daandoongiitti argamu ibsa Roobii baaseen, ''Ispaavooriin yakka basaasuu fi icciitii biyyaa dabarse kennu raawwateen hidhaa waggaa 11 fi addabbii Yuwaanii Chaayinaa kuma 50 akkasumas biyyaa akka hari'atamu murteesseera,'' jedheera.

Ibsa bahe irratti namtichi yoom akka biyyaa ari'atamu kan jedhe jiraachu baatulleen, Chaayinaan lammiilee biyya biraa murteen irratti dabarfame erga addabiisaanii xumuraniin booda kan biyyaa baaftu.

Chaayinaatti Ambaasaadarri Kaanaadaa Domiiniik Baartan murtee kenname akka morman beeksiisaniiru. ''Ol iyyachuuf carraan jira'' jechuusaaniilleen AFP gabaaseera.

Ispaavoon waggaa sadiin dura to'annoo jala kan oolfame wayita hojii gaggeessaan Hiwaawee Kaanaadaatti to'atame ture.

Innis yeroo jalqabaatiin baatii Bitooteessaa keessaa mana murteetti dhiyaatee kan ture ta'ulleen murtee malee deebi'ee ture.

Yeroo sanattis dippilomaatonni Kaanaadaa akka mana murtee hingalleef dhorkamanii ture.

Ministirri Mummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo dhaddachu cufaatti gaggeeffamuun, ''gonkumaa fudhatama hinqabu'' jedhanii ture.

Chaayinaan Ispaavorii fi dippilomaatiin kaaniin alattis lammiilee Kaanaadaa kaanilleen yakka adda addaatiin shakkeera jechuun to'annoo jala oolchitee turte.

Xinxaltoonni siyaasaas Chaayinaan kana kan raawwattuuf Kaanaadaan akka hojii Gaggeessaa Hiwaawee gadhiiftuuf dirqisiisuuf jedhu.