Indiyaan oomisha Chaayinaa lagachuun ishee baasaa?

Madda suuraa, STR
Erga biyyooti hidhannoo niwkilaaraa qaban lameen torbee darbe daangaa irratti wal-haleelaniin booda miirri farra-Chaayinaa dabaleera.
Daangaa biyyoota lameenii naannoo sulula Gaalwaanitti lola uumameen loltootni Indiyaa 20 ajjeefamaniiru, kunimmoo Indiyaatti dheekkamsa kaasera.
Lammiileen Indiyaa naannoo magaala Ahimeedabaad jiraatan Televizyinii Chaayinaa baalkonii isaaniirraa yoo caccabsan,magaala guddoo Delihiitti immoo meeshaalee Chaayinaarraa galan guggubaniiru.
Ministerri gidduugalaa biyyattii namoonni nyaata reestoraantii Chaayinaa Indiyaa jiru fayyadamuu akka lagatan waaamicha dhiyeessaniiru. Gaggeessaan mormitootaa immoo biilboordii beeksisaa, bibila Chaayinaa gurraacha dibeera. Gareewwan mormiif bahan keessaa suuraa hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-Un hogganaa Chaayinaa Zyiyaan Jiinpiing se'anii gubaniiru.
Mootummaan Indiyaan ifatti lagannaa bittaa meeshaalee Chaayinaa labsuu baatus seektaroonni dhaabota mootummaa waliigaltee bittaa fi gurgurtaa biyyattii waliin akka hin raawwanneef gaafatamaniru.
Akka gabaasoti himanitti ijaarsi karaa baaburaa bara 2016tti dhaabbata Chaayinaaf kenname waliigalteensaa akka haqamu taasifameera.Kanamalees mootummaan dhaabotni daldalaa oomisha isaaniirratti maqaa oomishaa akka maxxansan gaafateera.
Daldalli biyyoota lameenii bara 2018 irraa kaasee harka 15 hir'isaatu jira. Indiyaan miyoota biyyattii irratti taarifa dabalataa kaa'us ni dandeessi.
Ogeessonni garuu lagannaa akkanaa gara jiruufi jireenyaatti geeddaruun akka jedhamu salphaa mitii jedhu.
Chaayinaan ala filannoo biraa qabdii?
Tokkoffaa, Chaayinaan Ameerikaattii aanuun michuu daldalaa Indiyaa guddoo dha. Kana malees miya al-ergii Chaayinaa kanneen akka keemikaalaa,konkolaataa,elektirooniksii fi qoricha harka 12 Indiyaan biyyatti galchiti.
''Oomishni qorichaa Indiyaa harki 70 Chaayinaadhaan deeggarama,'' jechuun pireezidaantiin Dhaabbata Faarmaasii Indiyaa ni dubbatu.
Indiyaan gama qoricha oomishuun of danda'uuf imaammata haaraa baastus inni yeroo akka fudhatu himu.
Daldalli 'smartphone' Indiyaa bilbiloota rakasaa kanneen akka Oppoo' Chaayinaan dhiyeessituun deeggarama.Dhaabotni bilbilaa Indiyaa jajjaboon jiraatanillee jechuu dha.
Warreen mi'oota kana fayyadamtootaaf tolchan Chaayinaarraa meeshaalee galtee yoo hin fichisiisne daldalli isaanii akka qorru himatu.
Abbaan qabeenyaa Biluu Istaar meeshaalee, ho'a to'atan, qulqulleessaniifi bishaan qabanneessan oomisha.
Taagaarjaan,''biyya keessatti cancala dhiyeessii meeshaalee kana diriirsuun yeroo fudhata, miyoota gariiniif immoo filannoon baayyee hin jiru,'' jedha.
Chaayinaa fi Indiyaan yeroo dhiyootiin asitti tokkummaa daldalaa guddaa uumaniiru. Fakkeenyaaf maallaqni Chaayinaa karaa dhaabota teekinolojii Aliibaabaa fi Teenseent jedhaman dhaabota reef biqilan Zomaatoo,Peeytam,Biig Baaskeetii fi Olaa jedhaman irratti doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu dhangalaasaa jiru jedha dhaabbanni dhimmoota kana Xiinxalu Geetweehaawus.
''Indiyaa keessa inveestimantiiwwan Chaayinaa 90 ol tahantu jiru. Baayyeen isaanii waggaa shanii asitti jalqaban. Kanneen keessaa 18 inveestara Chaayinaatu doolaara biiliyoona 1 itti baase,'' jedha Amiit Bahaandaariin, Geetweehaawusirraa.
Inveestmentiin kallattii Chaayinaa doolaara biiliyoona 6.2 tahu Indiyaa keessatti iddoo xiqqoo qabaata.
Bahaandaariin, dhaabota kanneen akka Aliibaabaa biyyattii keessa olaantummaa akka hin qabanne gochuun dhibbaa akka malee uuman to'achuuf gargaara jedhu.
Indiyaan dhimma kana foyyeessuuf danbiiwwan inveestimantii kallattii alaa ilaallatan foyyeessiteetti.
Chaayinaan qajeelfama Dhaabbata Daldalaa Addunyaa cabsite jechuun komatti.

Madda suuraa, NurPhoto
Of danda'uun filmaata tahuu malaa?
Oomishni biyya keesssaa Indiyaa kan Chaayinaa irraa dhufu harka 25 qofa bakka bu'uu danda'a, akka dhaabi qorannoo Akiyuutii jedhutti. Kuni immoo qarshii meeshaa biyyatti galchuuf kaffalamu biiliyoona 8 hir'isa.
Bara 2020tti meeshaalee harkaan hojjetaman Indiyaan doolaara miiliyoona 431 baasuun biyyatti galchiteetti. Bakkasaa garuu waan madaalu hin ergine.
Bahaandaariin meeshaalee Chaayinaa lagachuurra appiiwwan ishee TikTok faa lagachuutu irra nama baasa.Kanarras filannoowwan biro jiru jedha.

Madda suuraa, NurPhoto
Lagannaan kun Indiyaaf dhiibbaa diinagdee hamaa akka uumu ifaa dha. Chaayinaan garuu badaa waan dhimmamte hin fakkaattu sababiinsaa immoo Indiyaa irraa oomisha harka 3 qofa galchiti.
Hanga yoonaa Chaayinaan komii Indiyaattii uumamaa jiruuf deebii hin kennine.
Haa tahu malee,Chaayinaan,''cal jennaan waan dadhabne akka hin fakkaanne,'' jechuun gaazexaa Giloobaa Taayims xiinxalli dhuunfaa baheera.
Indiyaan gareewwan farra-Chaayinaa tahan akka yaada mootummaa dabalanii dubbatan eeyyamuun gatii ishee kaffalchiisa.Kanarra diinagdee bayyannachiisuratti hojjeechuu wayyaaf jedha barreeffamichi.














