Loltoonni Hindiifi Chaayinaa Sikiim keessatti 'daangaa irratti walitti bu'an'

Loltuu Indiyaafi Chaayinaa daangaa biyyoota lameenuurra yeroo dhaabbatan, bara 2008

Madda suuraa, Getty Images

Loltoonni Hindiifi Chaayinaa naannoo daangaa irratti walitti bu'uun gama lamaanuurraa walumaagalatti lotoonni 11 mada'uu isaanii miidiyaan Indiyaa gabaaseera.

Loltoonni biyyoota lamaanii kunneen bakka itti waldaangessan irratti qaamumaan waliif bahan.

Loltoonni Chaayinaa torbaafi loltoonni gama Hinsiirraa ammoo afur walitti bu'insa kanaan madaa'aniiru jechuun qondaalli qaraanaa Naakuu La kan daangaa kutaa bulchiinsaa Sikiim keessatti argamuu dubbataniiru.

Walitti bu'insa Sanbata darbe uumame kana, ajajoonni naannoo waliin dubbachuun furaniiru jedhameera.

Biyyoonni lamaan daangaa kiiloomeetira 3, 400 ta'u waliin qaban irratti bakka gara garaa irratti naaf mala kan jedhuun wal gaarerfatu.

Daangaa sana irratti yeroo tokko tokko anatu jira jechuun walitti dhaadachuu, wal dhiibuufi darbee darbee ammoo dhakaallee walitti darbachuu dabalatee waliif bahuuf qophaa'uun ni mul'ata jechuun Ediitarri BBC Eeshiyaa Kibbaa Anbirasaan Etiraajaan gabaaseera.

Wal gaarerfannaan dhiyeenya kana uumame Sikiim keessatti qarqara Naakuu La, Himaalayaas keessatti safara galaanaan olitti (above sea level) meetira 5000 ol ta'erratti argamurratti.

Chaayinaafi Indiyaan daangaa irratti bara 1962 wal waraananiiru.

Bara 2017 keessa, biyyoonni lamaan naannoo sanatti walitti bu'anii turan. Sababiin walitti bu'insa isaaniis kan ture, Chaayinaatu karaa lafa wal falmisiisaadha jedhamee yaadamu tokkoon daandii daangaa bal'ifachuudhaaf dhiibuu yaaltee turtedha.

Biyyoonni lamaanuu humna loltootaa yeroo baayyee daangaa irra deemuun to'ataniifi qophaa'anii taa'an bobbaasanii qabu. Haata'u malee, waggoota afurtamaa oliif rasaasni dhukaafame hin jiru.