Loltoonni Itoophiyaa xiyyaara Keeniyaa dogoggoraan haleeluu amanan

Bakka xiyyaarri kun itti kufte

Madda suuraa, @HarunMaruf

Akka loltoonni kunneen jedhanitti xiyyeerri kun kaayyoo baddee balleessuutiif imalaa turte shakkii jedhuun xiyyaarattii haleelan.

Ergamni humna addaa nagaa eegsisuuf Somaaliyaa jiru, AMISOM, loltoonni Itoophiyaa qaama AMISOM hin taane xiyyaarri Keeniyaa kun balaa geessisuuf deemti jechuun shakkiidhaan rukutan.

AMISOM'tti QIndeessaan damee 'three force' jedhamuu Komaandar Alamuu Ayyanee loltoonni xiyyaaricha haleelan,sagantaa balaliinsa xiyyaaricha quba hin qaban ture jedhan.

Naannawa xiyyaarri kun itti rukutamee kufetti itti gaafatamaa kan ta'an Komaandar Alamuun kan naannoo kanatti baratame xiyyaarri bahaa gara dhihaatti balali'u wayita qubatuudha malee kan dhiharraa gara bahaatti osoo balali'uu qubate kun waan hin baratamneedha jedhan.

Kunimmoo loltoota biratti shakkii guddaa waan uumeef haleelaniiru jedhu.

Qabeenyummaansaa kan 'African Express Airways' kan ta'e Xiyyaarri Keeniyaa kun meeshaalee wal'aansaa baatee garasitti kan imale yoo ta'u, jalqaba qubachuuf yaalee erga yaalee deebi'ee booda ammas irra deebi'ee lammaffaarratti wayita qubachuuf jedhutti haleelame.

Balaa kanaan namoonni shan, lammiilee Keeniyaa sadii fi Lammiileen Somaaliyaa lama du'aniiru.