Eenyummaan namoota balaa Xiyyaara ET302'n du'anii adda bahe

qaama xiyyaara kufee caccabee

Madda suuraa, Getty Images

Hojiin eenyummaa namoota balaa xiyyaara Itiyoophiyaa [Boing 737 Max 8] Finfinnee gara Keenyaa Naayiroobii imaluu caccabe adda baasuuf hojjetamaa ture xumurame jedhe Komishiniin Poolisii Federaalaa.

Ji'oota jaha dura magaalaa Finfinneedhaa gara Keenyaa Naayiroobiitti balali'aa kan ture xiyyaarri Itiyoophiyaa ET 302 caccabuun namootni keessa turan hundinuu 157 tahan du'uun isaanii ni yaadatama.

Haala miidhaa dhaqqabee qorachuuf koreen MM Abiy Ahimadiin dhiyeenyaan hordofamaa ture hundaa'uun hojjechaa ture.

Akka gabaasa FBC'tti koreen hundaa'es of keessaa koreewwan xixiqqaa biroo afur kan qabu yoo tahu kana keessaa Poolisii Federaalaan kan durfamuu fi manneetii hojii saddet kan hammate eenyummaa namoota miidhamanii adda baasuuf hojjechaa kan turedha.

Koreen kun ibsa har'a kenneen bakka balaan itti dhaqqabe irraa haftee qaama namoota balichaan miidhamanii, borsaa, ragaalee imaltootaa fi meeshaalee kaan funaanuu Komishinerri Komishinii Poolisii Federaalaa Indeshaaw Xaasoo himaniiru.

Yeroodhaaf hospitaala Phaawuloositti qorannoo laabiraatoorii gaggeessuun qorannoo garaagaraas itti dabaluun ragaalee of eeggannoon qabuun eenyummaa miidhamtootaa adda baasaa akka turan himaniiru.

Kanaanis qorannoo qaccee fi ashaaraa qubaa fi barruu harkaa akkasumas qorannoo ilkaanii gaggeessuun eenyummaa namoota balichaan du'anii adda baasuu hojjetamuu himan.

Keessumaa qorannoon qaccee [DNA] ,qubaa fi ashaaraa barruu harkaa saamuda 8185 walitti qabuun gaggeeffame milkaa'aa tures jedhan.

Qorannichi dorgomee kan injifate dhaabbata laabiraatoorii biyya Ingiliz Seelmaak jedhamu, Interpoolii fi Poolisii federaalaan qindoominaan akka hojjetame ibsan.

Koreen poolisii federaalaan durfamus bu'aa qorannoo dhiyaate erga ilaalee irratti mari'achuun fudhachuu ibseera.

Itti aansuunis maatii miidhamtootaafi Imbaasiiwwaniif eenyummaa namoota du'anii kan ibsu xalayaadhaan gabaasa akka kennuufiif korichi himeera.