Chaayinaan lammii Awustiraaliyaa qoricha dadabarsa jettetti du'a murteessite

Qoricha sammuu adochuu 'Crystal Methamphetamine (crystal meth)' jedhamu harka namaa keessatti

Madda suuraa, Reuters

Chaayinaan namtichi lammii Awustiraaliyaa qoricha sammuu adoochoon daddabarsuun himatame tokko irratti murte du'aa dabarsuu ishee mootummaan Awustiraaliyaa mirkanneesseera.

Namni kun maqaansaa Kaarm ykn Kaam Gilespii kan jedhamu ta'u miidiyaan biyyatti himeera.

Namni kunis bara 2013'tti qoricha sammuu adoochu kg 7.5 waliin buufata xiyyaara Chaayinaatti akka to'atame amanama.

Gosti qoricha inni boorsaa keessatti qabatee turee kan 'methamphetamine' jedhamuun beekamu akka turees gaazexaan the 'Sydney Morning Herald' jedhamu gabaaseera.

Kutaan Dhimmoota Haajaa Alaafi Daldala Awustiraaliiyaa akka jedheetti, ''murticha dhagahuu keenyatti baayyee gaddina.''

''Awustiraaliyaan haala hundattuu murtee du'aa namootarratti dabarfamu ni mormiti. Addunyaa gutuutti addabbiin du'aa akka hafuufis ni deeggara. Kunis galma sana akka gahuuf kan nuuf danda'amee hunda ni deeggara,'' jedhera ibsa baaseen.

Bu'uurriisaa maaliidha?

Walitti dhufeenyi Chaayinaafi Awustiraaliyaa jiduu ture waldhabdee daldalaatiin kan gufataa jiru yoo ta'u, tibba weerara koronaavaayirasittiis lamaanuu wal qeeqaa jiru.

Awustiraaliyaanis Chaayinaan madda vaayirasii kan bara darbe keessa magaalaa Wuhaanitti argamee qaama walabaatiin akka qorachiiftu jechuun Chaayinaa mufachiiftee turte.

Kanumaan walqabatees, Chaayinaan lammiileen ishee gara biyya Awustiraaliyaa akka hin imalleef akeekachifte turte.

Kanaafi sababa wayita keessuu, Awustiraaliyaatti miidhaan namoota Ashiyaarratti raawwatamu 'haalaan dabalaa jira' jechuun barattoonni Chaayinaa achitti baratan balaa jiru akka hubataniif waamicha taasifte turte.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Kaaren Ji Meeyilaan irraa gara Chaayinaa deebii'uuf uggura Covid-19 Awustiraaliyaatiif jecha Baankook keessa guyyaa 16'f dabarsuuf dirqamtee

Akkasumas, Chaayinaan foon oolaa Awustiraaliirraa galchitu dhorkuun omisha garbuurratti ammoo taariifa dabalte.

Ministirri Mummee Awustiraaliyaa Iskoot Moorisan ''Awusitiraaliyaan gonkumaa doorsiisaan hin sodaachiifamtu,'' jedhanii ture.

Kaarm Gileespee kan amma murteen du'aa irratti murtaa'e kunis wayita Kibba Chaayinaatti Magaalaa Gunguzhuutti balaliinsa idil-addunyaa qabachuuf tureetti waggoota torbaan dura to'annoo jala oolfame.

Murteen du'aa kunis mana murtii Ummataa Jiddugalaa Guwaazhuutiin Waxabajjii 10, 2020'tti murtaa'uu midiyaan Chaayinaa gabaaseera.

Chaayinaan namoota hangam baay'atan du'aan adabdii?

Chaayinaan namoota meeqaa akka du'aan adabdee ifa taasisuu didee jirti. Haata'u malee, dhaabbanni Amanastii Intarnaashinaal waggaa waggaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman akka ajjeefaman amana. Ajjeechaan kunis karaa lilmootiin waraanuun ykn itti dhukaasuun raawwatama.

Yakka qoricha dadabrsuun walqabateen, lammiileen biyya alaa hedduun ajjeefamanii, kaan ammoo du'a eeggataa jiru.

Addabbii ajjeechaa nama beekamaa irratti raawwatame keessa tokko lammii Biritish kan ta'e Akmaal Shaa'ikh osoo dhukkubsataa sammuu ta'usaa himatuu bara 2009tti kan ajjeefameedha. Ministira Mummee UK'tti ol iyyannoo galfate ture.

Kana duras lammiin Awusitiraaliyaa Beengaalii Sheriif jedhamu qoricha sammuu hadoochu Chaayinaafi Awusitiraaliyaa jidduu dadabasuun bara 2015'tti to'atamee duutti irratti murtaa'eera.

Yeroodhuma santti murteen du'aa Sheeriif kuun amala gaarii inni mana hidhaa keessatti argasiisuurratti hundaa'ee gara hidhaa umurii guutuutti akka geedaramuuf midiyaan Awustiraaliyaa gabaasee ture.

Haata'u malee, lammiin Kaanaadaa Roobarti Scheelenbargi Amajjii 2019'tti murtee du'aaf dabarfamee wayita kennameetti Awustiraaliyaan yaaddooshee ibsitee turte.

Robert Schellenberg mana murtee Chaayinaatti bara 2019 keessa wayita dhiyyaate

Madda suuraa, Intermediate Peoples Court of Dalian via AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Robart Schellenberg garuu qoricha dadabarsuu ittiin himatamee haalaa ture

Abbootiin alangaa garuu qoricha gara kg 227 ta'u kaaba Chaayinaatii gara Awustiraaliyaatti dadabarsuuf ture jechuun himatan.

Inni garuu himannaa irratti dhiyaate hunda haalee ture.

Simoon Birminghaam kan yeroo sana bakka bu'aa Ministeera Haajaa Alaa turaniifi kan ammaa Ministira Daladalaa ta'an, dhimmicha biyyattiin ''baayyee yaaddofte' jirti jedhaa turean