Manni murtii bulchaan Dubaay bilbilli haadha warraasaanii duraanii akka bushiisan ibse

Bulchaan Dubaay Sheek Mohaammad Al Maaktuum bilbila haadha warraa isaanii duraanii Giiftii Jordaan Haayaan akka buchiisiisan manni murtii UK ibse.

Wayita gaa'elasaanii hiikaa jiraniitti bilbilli namoota gama Gifittiin turanii akka butamu taasisan.

Giftiittinis erga oduu kana dhagahanii booda ''akkan waan adamsamaa jiruutti natti dhagahama'' jedhan.

Bulchaan Dubaay gama isaanitiin bilbilli Giiftii kanaa butamuu odeeffannoo hin qabu jedhan.

Manni murtichaas bilbilli butamuu ilaalchisuun odeeffannoo kan ibse qorannoo isaanii hin hirmaachifneen ta'uu ibsanii, ''adeemsa haqa qabeessa miti'' jedhan.

Argannoon mana murtichaa bulchaan Dubaay kun Giiftii dabalatee miidhaa dubartoota miseensoota maatii kaan irraan gahan kan mul'isudha jedhe.

Manni murtichaa akka jedheetti, bilbila namaa buchisiisuun seera adaba yakkaa UK fi danbiiwwan biraatiin ni adabsiisa.

Giiftittiin alattis bilbilli hojjattoota ishee waliin walitti dhiheenyaan hojjatan biraas butameera. Hojjattoonni kutaa nageenyaa lama bilbila butuuf yaalii taasisaniiru.

Bilbila Giiftii kanaa butuuf appiin hojiirra oolfame Peegasas kan jedhamu.

Appiin garee NSO Israa'eeliin omishame kun kanaan dura gaazexessitoota dabalatee bilbilli namoota dhiibbaa uuman hedduu butuudhaaf yaayidaarra ooluun isaa ni yaadatama.

Appichi bakka abbaan bilbilichaa jiru adda baasuu, ergaa barreeffamaa gabaabaa dubbisuu, bilbila bilbilamu dhaggeeffachuu, iimeelii dubbisuu, suuraa ilaaluu, appiiwwan cabsanii seenuuf, paasword galmeessuufi ajandaawwan galmaa'an ilaaluu ni dandeessisa.

Appichi meeshaa basaasaa osoo abbaan hin qalbeeffannee sagaleefi suura waraaabuu dandeessisa.

Mootiin Mohaammad Biin Salmaan miseensoota maatii biyyoota garaa garaa keessa jiraatan hordofuuf appii walfakkaataatti fayyadamu turan.

Deeggartoonni gaazexeessaan Sa'udii Jamaal Kaashoogjii hordoonnii basaasaa kana keessa kanneen turan keessayi.

Mormiin Giiftii Hayaan fi Bulchaa Sheek Mohaammad jidduutti gaggeeffamaa jiruun oggeessoonni seeraa Giiftii Hayaan bakka bu'an akka jedhaniitti, Sheek Mohaammad bilbilli Giiftii akka butamuuf ajaja kennaniiru.

Bilbila ishee keessaas odeeffannooon meeggaa baayitii 265 hatamuu manni murtichaa ibseera.

Sheek Mohaammad gochicha hin raawwannee jedhanis, oggeessi tekenooloojii Dr Wiilyaam Maakzaak jedhaman, bilbilli Giiftiitti butamuu mana murtitti ragaa bahan.

Bilbilichi kan butames UAE irraa ta'uu akka danda'ulleen kaaseera oggeessi kun.