Air India: Viidiyoon xiyyaara riqicha Indiyaa jalatti danqame agarsiisu akka ajaa'ibaatti qoodame

Viidiyoon xiyyaarri Air India tokko riqicha magaalaa guddoo Inidiyaa, Delhii keessa jiru jala galee danqame agarsiisu akka ajaa'ibaatti qoodame.

Xiyyaarri cabaadha jedhameefi akka gurgurameerutti gabaafame kun, wayita bakka tokkoo gara biraa geessuuf jedhametti kan riqicha jalatti danqame.

Viidiyoon kun akka agarsiisutti namaa-konkolaataa yeroo bira lufaa jiranitti kaattuun xiyyaarichaa ammoo waan cabeeru fakkaata.

Gaazexeessaan viidiyoo kana tiwiitaraan qoode tokko, ergaa Air India irraa argadhe jedhu waliin ture kan qoode. Ergaan Air India irraa argame ammoo daandiin qilleensichaa xiyyaara riqicha jalatti danqame kana waliin ammaan booda hidhata hin qabu, isas hin ilaallatu jedha.

"Kun xiyyaara Air India [galmee keessaa ba'ee] cabaa dabarfamee gurgurameerudha. Kun kaleessa galgala qaama bitateen [abbaa qabeenyaa haaraa]tiin gara biraa geeffamaa kan turedha. "Kan barbaade ta'eyyu haala kamiyyu keessatti Air India xiyyaara kana waliin wanti walitti isa fida hin jiru," jedha ibsi kenname.

Aanga'oonni buufata xiyyaaraa Delhii gaazexaa Taayims oof Indiyaatti akka himanitti "dhugumayyu xiyyaarichi kan buufanni xiyyaaraa Delhii bobbaasu miti," waan ta'eef "tarii konkolaachisaan yeroo fe'ee deemaa turetti dogongora uumeera ta'a."

Viidiyoon xiyyaara riqicha jalatti danqame agarsiisu kun si'a kuma hedduu Tiwiitaraa fi YuuTuub irratti daawwatameera. Namoonni daawwatanis xiyyaarri kun maaliif akka kanaatti danqamuu danda'e jechuun gaafatu.

Viidiyoon kun akka ajaa'ibaa akkuma hedduu faca'een, namoonni gariin xiyyaarri kun amma erga danqamee guyyoota muraasa lakkoofsisaa jira jechuun tiwiitaraan ergaa dabarsaa jiru.

Kanneen biroo ammoo osoo xiyyaara kana bakka tokkoo gara bakka biraatti geessuuf hin ka'iin dura daandiin ittiin geeffamu ilaalamuu qaba ture jedhu.

Namoonni baay'een ammoo taatee walfakkaataa kutaa bulchiinsa Bengaalii Lixaa keessatti bara 2019 keessa mudate waliin wal fakkeessu. Yeroo sanatti xiyyaarri Air India gatame tokko riqicha tokko jalatti danqameeru agarsiisa.

Kanallee daawwachuun isinitti toluu danda'a: