Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoleen Affaar, Sidaamaafi Gambeellaa hoggantootasaanii filatan
Itoophiyaatti naannoo 10ffaa ta’uun kan hundaa’e Naannoon Sidaamaa mootummaa hundeessuuf yaa’ii yeroo jalqabaaf gaggeeffateera.
Filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa hordofuun yaa’ii hundeeffama mootummaa taa’amaa jiru kanaan Obbo Dastaa Leendamoo Pirezedantiin naannichaa gochuun muudeera.
Manni Maree naannichaa yaa’ii taa’aa jiruu kanaan Faantayee Kabbadaa af-yaa’ii gochuun wayita muudu, Obbo Zannabaa Zarfiin ammoo af-yaa’ii ittaanaa gochuun filateera.
Oduu walfakkaatuun, Manni Maree Naannoo Gambeellaas mootummaa haaraa hundeessuuf yaa’ii taa’aa kan jiru wayita ta’u, Obbo Umad Hujuluu Pirezedantii naannichaa gochuun muudeera.
Kanarratti dabaluun, Aadde Baanchii Ayyaawu Dingataa af-yaa’ii gochuun wayita muudu, Aadde Tihuut Awaariyaat ammoo af-yaa’ii ittaantuu gochuun muude.
Manni Maree naannoo Afaaris yaa'ii jalqabaa waggaa 1ffaa gaggeeffateen Obbo Awwal Aarbaa Preezdaantii naannichaa taasiisuun filateera.
Hoggantoonni haaraa muudaman itti-gaafatamummaa isaanitti kenname bahachuuf waadaa seenaniiru.
Yaa’iin mootummaa hundeessuu naannoolee Gaambeellaafi Sidaamaa kanatti aansuun miseensota kaabineefi muudama kan biraas akka raggaasisunitu eegama.
Itoophiyaatti Naannoon Sidaamaa kana hundaa’e namoonni miliyoona lamaa ol ta’an waggaa lama dura sagalee laatan keessa harki 98.5 naannoo akka ta’ee hundaa’u deeggarutu yaadatama.