Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Jarman Dr. Daani'eel Baqqalaa badhaasuun sirrii miti" HRW
Huumaan Raayitis Waachitti Daarektarri Gaanfa Afrikaa Latiishiyaa Baader Jarman Afrikaa Faawondeeshin (DAS) Komishinara Ol-aanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa (PhD) badhaasuuf murteessuun isaa," kan yeroo isaa eeggate akka hin taaneefi innumaattuu ergaa hin malle kan dabarsudha," jechuun qeeqxe.
Latiishiyaan kana kan jette gaggeessitoonni Afrikaa mootummaa haaraa Itoophiyaan hundeessuuf jetturratti hirmaachuuf jiran sarbama mirgoota namoomaa naannoo Tigraay keessatti uumame ilaalchisee dhiibbaa gochuudhaaf ibsa waamame irratti ture.
"Sa'aatii amma keessa jirru kana keessatti ulfaataa ta'uu sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessa jiru ilaalcha keessa yoo galchine, namni kun akka nama dhuunfaatti murannoo inni kabajama mirgoota namoomaatiif qabu ilaalchisee seenaan inni duraan qabu kan ragaa ba'amuuf ta'ullee badhaasa akka kanaa kennuufiin erga dippiolomaasii hin taane abarsa," jechuun dubbatte Latiishiyaan.
Daarektarittiin itti-dabaluun, "miidhamtoonni sarbama mirgoota namoomaas ta'e namoonni miidhaa sarbamaa irraa hafan dhaabbileen Federaalaa kanneen hin amanan.
Kun ammoo qorannoo bara darbe Oromiyaa keesatti dabalatee bara kana keessas hojjenne, akkasumas akka namoota miidhamtoota haleellaa naannoo Tigraay irraa hubannetti dhaabbileen Federaalaa irraa amantaa akka hin qabnedha," jette.
"Jarman sa'aatii kanatti haabbata Federaalaa tokkoof badhaasa akkasii kennuuf murteessuun ishee ergaa dogongoraa kan dabarsu ta'a," jechuun gaggessaa ol-aanaa duraanii dhaabbatuma ishee kan ta'e Dr. Daani'eel badhaafamuu isaa mormiteetti.
Faawondeeshiniin kun Dr. Daani'eel kabaja mirgoota namoomaatiif bara jireenya isaanii keessatti gumaacheef badhaasa ol-aanaa kana kennuufiif akka jiru torban lama dura ture kan ifa godhe.
Dr. Daani'eel kaadhimamtoota 30 keessaa sagalee guutuutiin kan filatame yoo ta'u badhaasa isaa kana ammoo Sadaasa dhufu fudhata jedhamee eegama.
Huumaan Raayitis Waach, "Ministirri Muummee Abiy Ahimad sarbama mirgoota namoomaa hanga ammaa itti fufee jiru osoo arguu akka hin argineetti darbuu hin qaban; innumaattuu aanga'oonni Itoophiyaa karaa naannawaa ta'een Tigraay marsanii karra itti cufuu akka kaasaniif hubachiisuu qabu," jechuun gaafateera.
Akkasumallee gargaarsi namoomaa akka qaqqabuufi sarbamni mirgoota namoomaa akka dhaabbatuuf akeekkachiisuu qaba jedheera.
Gamtaan Afrikaa waraana sana horodofee sarbamoota mirgoota namoomaa qaqqabaa jiran dhaabsisuudhaaf dhiibbaa taasisuun isaanirraa eegama kan jettu Latiishiyaan, waajirri bakka bu'aa Dhimma Gaanfa Afrikaa pireziantii duraanii Naajeeriyaa Oliiseegun Obasaanjoon durfamus hojii itti-gaafatamummaa irratti xiyyeeffate akka hojjetuuf gaafatteetti.
"Gamtaan Afrikaa carraa dippilomaasii sirna muudamaa Wixata dhufu gaggeeffamurratti jiru fayyadamuudhaan mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti tajaajilawwan bu'uuraa akka jalqabsiisuuf dhiibbaa umuu qaba.
Hunda dura garuu waa'ee haqaa, mirgoota namoomaafi itti-gaafatamummaa ilaalchisee fuulaafi fuulatti ba'uudhaan ifatti akka akka balaaleffatan ni gaafanna," jechuun Huumaan Raayitis Waachitti itti-gaafatamaa Adivookeesii Kaariin Naantuuliyaa gaaftaniiru.