Qondaalli waraanaa Ruwaandaa yakka duguuggaa sanyiin adabame mana hidhaatti du'e

Koloneelli waraanaa duraanii Ruwaandaa, yakka sanyii balleessuu bara 1994 biyyattii keessatti raawwachuun lubbuu lammiilee 800,000 galaafatee keessaa harka qaba jedhamuun hidhame bakka itti hidhamee ture Maalii keessatti du'e.

Jaarsi umrii wagga 80 Théoneste Bagosora, bara ajjeechaan kun raawwate humna waraanaa biyyattii keessatti qondaala waraanaa olaanaa ture.

Qaamni dhimma yakka kanaa qoratu kan UN'n deeggaramu nama kana hidhaa umrii guutuun adabee turus, boodarra gara hidhaa wagga 35'tti geeddarameefii ture.

Ilmi isaa BBC'tti akka himetti abbaansaa hospitaala magaalaa Baamaakootti osoo dhibee onneef yaalamaa jiruu du'e.

Bara yakki sanyii balleessuu raawwatame sana gyyoota 100 keessatti lammiileen 800,000 ta'an-hedduunsaanii gosa Tuutsii kan ta'an ajjeefamaniiru.

Ebla 6, bara 1994 xiyyaarri pireezdantii yerosii Juvenal Habyarimana qabattee turte haleelamtee kufuun namoonni keessa turan hundi dhumuu hordofeeti haleellaan kan eegale.

Bagosora taateen sun raawwatee wagga lama booda Kaameeruun keessatti to'atame.

Qondaalli waraanaa kun erga paartiin Pool Kaagaamee Rwandan Patriotic Front jedhamu aangoo qabatee booda miliqee biyyaa baqate.

Bara 2008 keessa dhaabbanni yakka Ruwaandaa keessatti raawwate qoratu, International Criminal Tribunal for Rwanda jedhamu, namni kun dhala namaa dararuu fi Ministira Muummee Agathe Uwilingyiyimana dabalatee qondaaltota mootummaa hedduu ajjeesisuun yakkamaa ta'uusaa adda baase.