Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Morokootti dhiiroti 11 shamarree ganna 17 gudeeduun hidhaan waggaa 20 irratti murame
Manni murtii Morokoo dhiirota 11 bara 2018tti shamarree ganna 17 haala suukaneessaa taheen gudeeduu fi butuun balleessaa dha jedhe hidhaa waggaa 20’n adabe.
Shamarreen kadijjaa jedhamtu godaannisa, xalaa fi tumaa warreen ishee guddedan harkashee irratti qaqqabsiisan waliin uummanni ishee argeera.
Af-gaaffii 2018tti taasifteen warreen gochaa kana narratti raawwatan tasumaa ‘’dhiifama hin godhuufii’’ jette.
Dubbiin kunis akka biyyaatti dheekkamsa kaasuun duulli tiwiitarii JusticePourKhadija jedhu akka adeemsifamu taasiseera.
Abukaatoon shamarree kanaa ol iyyannoof akka deemu AFP’tti himeera.
Ibraahiim Hachaanee murtoon kenname ‘cimaa miti’ himatamtoonni yakka nama daddabarsuudhaan qofa hanga waggaa 30 adabamuu danda’u jedhe.
Akka Hachaaneen jedhanitti yakkamtoonni beenyaa doolaara 16,000 akka kaffalan irratti murtaa’eera.
Falmitoonni mirga namoomaa Morokootti haleellaan dubartootaa hammaataa dha jechuun akeekkachiisaniiru. Qorannoon biyyattiitti taasifames dubartoonni walakkaa ol tahan haleellaan saalaa irra gaha jedha.
Bara 2018tti mootummaan haleellaa saalaa dubartoota irratti raawwatu, gaa’ela dirqii fi qoccollaa saalaa addabaabaayitti taasifamu yakka jechuun yoo labsu, yakkoota gariiniif adabbii cimaa kaa’eera.
Haa tahu malee gudeeddii gaa’ela keessatti taasifamu ifatti yakka gatii hin jenneefi haleellaa saalaa mana keessaa sirnaan ijaa hin ibsineef falmitoota mirga namoomaan qeeqameera.
Akka AFP’n jedhutti kanneen haleellaa raawwatan biroo irratti hidhaa waggaa lamaafi adabbii yoo yakka dabalataa hojjetan kennamuun raawwate gabaasni jedhu bahaa jira.
Kadijjaan harka warreen ishee haleelan irratti gidiraa akka argite dubbatti. ‘’Na dararan’’ jetti.
‘’Yeroo baayyee jalaa miliquu yaaleera garuu deebisanii qabanii na dhaanan,’’ jechuun TV Morokoo Chouf jedhamutti af-gaaffii 2018tti kenname irratti himte.
‘’Na hiraarsaa turan, nyaataafi dhugaatii naa hin kennine, nafa koo akkan dhiqadhuuf naan eeyyaman ture,’’ jetti.
Lammiileen Morookoo baay’een dhimma kanaa rifatanillee, firoottan himatamtootaa garuu Kadijjaan miidiyaa Morokootti ni sobde, isheen ‘hamtuu dha’ jedhan.