Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miidhaa saalaatiin kan himatame R Kelly wabiin gadi dhiifame
Sirbituu colleen gosoota muuziqaa R&B jedhamaniin beekamu R Kelly maallaqa Doolaara Ameerkaa 100,000 qabsiisee mana amala sirreessaa Chikaagootii gadi dhiifame.
Namni kun kaleessa mana murtiitti dhiyaachuun himataawwan 10 irratti banaman, kanneen yakka miidhaa saalaatiin walqabatan haaleera.
Nmni kun dubartoota afur irraan miidhaa saalaa qaqqabsiiseera.
Namni umrii waggaa 52 kun wayita abukaatoo isaatiin dabaalamee mana hidhaatii ba'u miidiyaatti dubbachuufillee fedhii hin qabu ture, fuulasaa dhokfachaa ture.
Jimaata darbe poolisiitti kan harka kennate R Kelly'n, guyyoota dhuma torbee achuma mana hidhaa keessa dabarse.
Wallisaan kun waggoota kudhaniif miidhaa saalaa geessisuudhaan himatamaa tureera, garuu innis haalaa waan tureef osoo itti hin murtaa'in yoona ga'eera.
Kellyn dhaddachatti kan dhiyaate erga dookumantariin waa'eesaarratti xiyyeeffatu walitti fufiinsaan hojjetameeti.
Dookumanatarii sana keessatti dubartoota hedduurraan miidhaa saalaa akka geessise ni mul'isa.
Erga bara 1998tii as miidhaa saalquunnamtiitiin himatamaa jira.
Manni Murtii wayita wabiidhaan gadi dhiisu paaspoortii harkaa fuudhee, shamarran umurii waggaa 18 gadii waliin tuttuqqii akka hin uumnee akeekkachiiseeti.
R Kelly gaafa Bitootessa 22 mana murtiitti dhiyaata.