Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Indiyaa tuttuqqaa saalaa xiyyaara US keessatti raawwate hidhame
Manni murtii US namichi Indiyaa tokko osoo xiyaara US keessa imalaa jiranii dubartii teessuma isatti aanee jiru iirra raftee turte tokko yakka tuttuqqaa saalaa irratti raawwatee waggaa sagaliif akka hidhamu itti murteesse.
Namichi maqaan isaa Prabhu Ramamoorthy jedhamuufi umuriin isaa ganna 34 ta'e kun yeroo kachachala kana hojjetuttu haadha warraa isaafi dubartii tutuqqaa saalaa irraan geessise kana giduu taa'a ture. Akkuma ofii isaayyu jedhetti dubartiin miidhaan irra ga'e sun raafaa turte.
Dubartiin miidhaan tutuqqaa saalaa irra ga'e kunis akka jettutti yeroo hirribbaa kaatutti shaamiziifi Surreen iushee banamee akka argiteefi harka namichaa ammoo surree ishee keessa seenee argite.
Manni Murtii Federaalaa kan Detroit keessatti argamu akka jedhutti Ramamoorthy'n erga bara hidhaa isaa xumureen booda gara Indiyaatti deebifama.
Abbaan alangaa duraan hidhaa waggaa 11 akka irratti murtaa'u gaafatee ture. Garuu Abbaan Seeraa US Kutaa Biyyaa Terrence Berg adabbiin hidhaa waggaa sagalii "yakka baayyee cimaadha" jedhamaniif ga'aadhaa jedhan.
Yeroo himanni kun isarratti baname yakkamaan kun anis yeroo sanatti rafaa waanan tureef yakka kana hin raawwanne jechuudhaan haalee ture.
Abbaan alangaa Washington Post'tti akka himetti namichi kan himatame miidhaa miidhaa tutuqqaa saalaa cimaatiinidha.
Dubartiin miidhaan irra ga'e sunis osoo xiyyaarri abbaan qabeenyummaa isaa Spirit Airlines ta'e sun hin bu'iin dura garee hojjetoota/keessumeessitoota waan ishee mudate gabaaste.
Haati warraa Ramamoorthy ammoo dubartiin sun jilba abbaa manaa isheerra akka rafaa turte jechuun himattee turte.
Kana malees dhirsaafi niitiin kun keessumeessitoota dubartii rafaa turte sanaaf bakka biraa akka barbaadaniifii jijjiiraniif gaafatanii akka turan dubbatti haati warraa yakkamaa kun.
Keessumsitoonni xiyyaaraa sun garuu dubartii ishee midhaan tuttuqqa saalaan irra ga'e jedhamte qofatu akka teessumni jijjiiramuuf gaafate jedhan.
Keessumeessitoonni kunneen akka jedhanitti yeroo deemtee isaanitti himattu boo'aa akka turteefi shamiziifi surreen isheellee akka deebiyee hin cufamiin arguu dubbatan. Yeroodhuma sanas teessuma gara duubaarra jiru kan biraa kennaniif achitti jijjiiramuu ishee dubbatan.