Afgaanistaan: Erga Taalibaan aangoo qabatee baatii tokko keessatti jireenyi maal fakkaata

Daangaa Afgaanistaan fi Uzbeekistaan gidduu baaburri meeshaalee daldalaa fi kaan fe'e heddumminaan deddeebi'uu eegaleera. Alaabaan Taalibaan halluu adii fi gurraachaan faayames mirmarfamuu eegaleera.

Daldaltoonni hedduun aangootti deebi'uu Taalibaan gammachuun waan simatan fakkaatu. Daldalaan konkolaattota fe'umsaan qamadii hedduu fe'ee ture tokko kanaan dura matta'aa akka kennuuf dirqamsiifamaa turuu fi amma garuu homaa kaffalaa akka hin jirre hime.

"Amma akka durii miti. Hanga Kaabulitti wayitan oofu homaa namni na gaafate hin jiru,'' jedhe.

Erga Taalibaan Afgaanistaan to'atee ji'a tokko ta'eera, amma biyyattiin hanqina maallaqaan goolamaa jirti, diinagdeen waan daddaqameef deggersa gaafachuutti jiru.

Daldaltoonni Afgaanistaan yeroo ammaa meeshaalee gara biyya keessaa galchuuf humnasaa waan dhabaniif, daldalli akkaan gadi bu'eera jedha namni hojii biizinasii biyyattii keessatti beekamu tokko.

Gumruuka buufata Hairatan kan hoogganu Maulvi Saeed, daldala dandamachiisuuf jecha taaksii kaffalamu gadi buusuu, kana gochuudhaanis tujaaronni biyyattii hedduun gara biyyaatti akka deebi'an jajjabeessaa jiraachuu hime.

Buufata kanarraa fageenya sa'atii tokkoo qofa irratti kan argamu magaalaa Mazar-i-Sharif keessatti jireenyi akkuma durii fakkaata, garuu hanqinni maallaqaa mudateera.

Magaalattii keessatti akkaan kan beekamu Masjiidni bifa cuquliisaan faayame ''Blue Mosque'' jedhamuun beekamu bakka namni kamuu itti argamuu akka fedhetti daawwatee biratti suuraa ka'u ture.

Yeroo ammaa Taalibaan namoonni dabareedhaan akkaataa saalaan walqoodanii akka daawwatan murteesseera.

Dubartoonni ganama yoo daawwatan dhiironni ammoo yeroo biraa daawwatu malee yeroo walfakkaataatti hin daawwatan.

Duraan dubartoonni baay'inaan gara masjiida kanaa imalu, amma lakkoofsaan muraasa.

''Haalonni gaariidha. Garuu mootummaa haaraatti baruuf yeroo nu fudhata,'' jette dubartiin tokko.

Namni gameessi naannawa kan bulchuun beekamu Haji Hekmat, aadaa keenya saamamnee turretti lubbuu horaa jirra jedha.

''Warri lixaa waggoota 20 darbaniif nurra turan. waliigalatti Afgaanistaan waggoota 40 darbaniif humnoota alaan weeraramtee turte. Aadaa fi duudhaa keenya saamamne. Amma aadaa badde deebisaa jirra,'' jedhe.

Haji Hekmat Taalibaan deeggarsa uummataa qaba jedhee amana, achuma cinasaa dubartoota taa'an keessaa tokko garuu,'' Namoonni kunneen namoota gaarii miti,'' jechuun hiriyaasheetti hasaasti.

Gaazexeessaan BBC Secunder Karmani masjiida seena qabeessa kana daawwatee wayita ba'u fuuldura masjiidichaatti hoomaa namootaa, kaneen sagalee guddaan iyyan arge.

Xiqquma deemee ammoo namoota rasaasaan rukutamanii lafarratti gataman afur reenfa isaanii arge.

Haleellaawwan lubbuu dhala namaa gaalaafatan magaalota gurguddoo Afgaanistaan keessatti mudachuun waan haaraa miti.

Ammallee namoonni hedduun sodaa nageenyaa qabu. Barattuun seeraa Farzaanaa jedhamtu ''Yeroo hunda wayitan mana kiyyaa gadi ba'ee warra Taalibaan argu nan rifadha, nan sodaadha,'' jette.

Kan nisheen itti barattu dabalatee yuuniversitiiwwan dhuunfaa banamaniiru, kan mootummaa garuu ammallee cufaadha.

Taalibaan seera haaraa baase keessatti barattoonni shamarranii fi dhiironni kutaa tokko keessa taa'anii barachuu hin danda'an.

"Yeroo ammaa abdii kutadheen jira. Garuu egeree kiyya abdiidhaanin eega. Akka abdiin koo hin dukkanoofne cicheen hojjedha,'' jette Farzaanaan.

Taalibaan kanaan dura wayita aangoorra ture tarkaanfii yeroo ammaa fudhataa jiru caalaa hamaa ta'e fudhachaa ture.

Dubartoonni dhiira malee manaa ba'uun dhorkaa ture.

Seerri kun ammas hojjiirra ooluu mala sodaan jedhu ammas lammiilee Afgaanistaan bira jira.

Taalibaan yeroo ammaa guutuu Afgaansitaan to'atanii jiraatanis onnee uummataa keessa seenuuf garuu ammlee isaan hafa.

Haji Hekmat kanarratti wayita yaada kennan,'' Humna waraanaan biyya to'achuun cimaadha, olaantummaa seeraa hojiitti hiikuu fi biyya eeguun ammoo daran ulfaataadha,'' jedhan.