Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: Lammiileen biyya alaa erga US Afgaanii baatee yeroo jalqabaaf Kabulii baafaman
Lammiilee UK 13 dabalatee imaltootni hedduun erga Ameerikaan Afgaanistaanii baatee yeroo jalqabaaf bahan.
Xiyyaarri daandii Qilleensaa Qaataar Imaltoota Afgaanistaanii bahan qabatee kaleessa magaalaa Dohaa qubateera. Yeroo lammaffaaf Jimaata har'aa garas imaluun lammiilee hafan ni baasa.
Ministerri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkeen yeroo dhiyeenya kana gara Qaatar dawwatan akka lammiilee hafan deeggarsa akka godhaniif waamicha godhanii ture.
Lammiileen Afgaanistaan humna waraanaa Ameerikaa deeggaran balalii ji'a darbe keessa xumurameen Afgaanistaanii osoo hin bahiin hafan.
Rooyitarsi akka gabaasetti balalii jalqaba kanaan namootni 113 tahan xiyyaara Qaataariin baafamaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa UK Doominik Raab lammiileen Biriiteen 13 tahan Dohaa galaniiru. Haalicha mijeessuudhanis Qaataar galateeffataniiru.
Waayit Haawus ibsa baaseen lammiileen US walumaan baafamaniiru. Qaatar deeggarsa gooteef galateffatanii bu'aan kun '' hojii eeggannoo fi dippilomaasii guddaati,'' jette.
Taaliibaan lammiilee Ameerikaa akka balaliin bahan gargaaruuf ''ogummaa fi faayidaan'' jedhe ibsichi.
Kanaadaa lammiileenshee 43 tahan balalii xiyyaarichaa keessa turan. Nezerlaandis akkasuma lammiileenshee 13 tahan balalii gara Dohaatti tahe kanaan bahaniiru.
Erga balalii lammiilee baasuu humna waraanaa Ameerikaan deeggarme xumuramee as balaliin kun kan jalqabaati.
Lammiileen biyyoota adda addaa 124,000 fi lammiileen Afgaanistaan Taaliban sodaatan erga Hagayya 15,2021 as achii baafamaniiru.
Lammiileen Ameerikaa 100 tahan ammayyuu Afgaanistaan keessatti hafaniiru jedhama.
Gaazexeessitoota reebaman
Suuraan miidhaa gaazexesitoota fincila Kaabul keessaa gabaasan irra gahe agarsiisu miidiyaa irratti maxxanfameera.
Gaazexeesitootni lameen Taaliibaaniin erga qabamanii booda akka malee reebaman.
"Taaliibaan keessaa tokko miila isaan mataakorra dhaabbate. Fuulakoo lafatti gadi na dhiite,'' jedhe ogeessi suuraa Nemattullaa Naqdi AFPtti akka himetti.
'' Mataa keessa na dhiitan. Na ajjeesuufan ture.''
Mr Naqdi fincila dubartootni Afgaan fuuldura buufata poolisiitti bahan miiltoo isaa Taaqii Daaryibay waliin gabaasaa ture.
Taaliibaan eeyyama ministera haqaa malee hiriira gaggeeffamu dhorkeera.
Garuu namootni hedduun ''bilisummaa barbaanna'' jechaa imbaasii Paakistaan Kaabul jiru fuulduratti bahan. Hidhattootni Taaliiban ammoo dhukaasuun isaan bittinsan.
BBC Dari lammiilee afgaanistaan hedduu irraa haala hiriirichaa iyyafateera.
''Finciluun mirga keenyadha,'' Haaseenii Kaabul. ''Amma Taaliibaan maal akka tahe kaabinee isaa haaraa irraa hubanneerra, kanaaf ni fincilla.'' Taaliibaan hanga kaabinee isaa ifoomsutti eeguu qabu jechaa turan. Kaabinee isaanii keessa dubartiin tokkollee hin jirtu.''
Alazaay bulchiinsa Kibbaa Helmaandi irraa biyyootni kaan bulchiinsa Taaliianiif akka beekamtii kennan gaafatte.
''Yoo akkas tahe, jireenyi keenya nuuf salphata. Yoo fincilli itti fufe ammoo Taaliiban isaan cunqursa, hawwaasni idil adunyaas bulchiinsa Taalibaniif beekamtii hin kennu. Eenyu akka miidhamu beektaa? Nuyi, uummatuma kana.''Roobii darbe dubartootni hedduun Kaabulii fi Kaaba Baha Badakshaan bulchiinsa yeroo dhiirota qofaan hundeeffame mormaa turan.
Gariin dubartootni bulchinsicha keessatti hammatamuu akka qaban gaafatan. Hiriirichi bittimfamuun kaan dhaanamaniiru.
Fincila Lixa Heerat keesatti gaggeeffameen ammoo namootni sadii ajjeefamaniiru. Yeroo kana Kabul keessaa tajaajilli interneetii cituunis gabaafamaa jira.