Dhaabbanni faashinii kofoo gadi siqee uffatamuun paantii mul'isu hojjete jibba sanyummaan irratti duulame

Madda suuraa, Balenciaga
Manni faashinii beekamaan Balenciaga jedhamu paantii doolaara 1,190'n gurguru aadaa warra gurraachaa cabse jedhamuun qeeqame.
Paantii gabaabaan kofoo jalatti uffatamu Trompe L'Oeil jedhamu mudhii irra ol butamuun, kofoon ammoo gadi siqii uffatamu weellistoota Hip Hooppiin ture kan akka faashiniitti beekame.
Maxxansi TikTok paanticha sanyummaa of keessaa qaba jedhe yeroo miliyoona 1.6 tahu ilaalameera. Ogeessotni aadaa gurraachotaa qoratan ammoo qeeqa irratti kaasan.
Balenciaga'n ammoo faashinii garaagaraa walitti fiduun akka hojjete hime. Fakkeenyaaf, jiinsii uffata ispoortii irratti uffatamu fi t-shirtii irra keessaa kan qabu'' of keessaa qaba jedhe hogannaan dhimma gabaa Luudiviin Poont.
''Kofoon Tiroompe L'Oeil itti fufinsa mul'ata sanaati,'' jette.

Madda suuraa, Getty Images
Kofoon ''sagging'' akka paantii jalatti uffatan mul'atu godhu bara 1990 keessa isketerootaa fi weellistoota Hip Hooppiin akka jaalatamu tahe.
Haa tahu malee bara 2000 keessa bulchiinsotni US tokko tokko uummata gurraacha akka malee kan qoollifachiisedha jedhamee ogeessotaan qeeqamnaan akka dhorkaman tahe.
Gariin isaanii ergasii irra deebi'anii kaasaniiru. Kan akka Shievepoort, Luusiyaanaa, ajaja seera kabachiisuu gara ''faashinii kofoo paantii gabaabaa jalaa mul'isu uummata gurraacha sakatta'uuf, hidhuuf akka haal-dureetti itti fayyadamu,'' jedhe American Civil Liberties Union.
'Sanyummaa mul'isa'
Namni TikTok fayyadamu Landan keessatti osoo kofoon Balenkiyaagaan gurguramuu argee viidiyoo namni tokko ''kun sanyummaa agarsiisa... paantii gabaabaa kofoo keessa galchanii hodhanii hojjetan,'' jedhu dhagahamu maxxanse.
Viidiyoon sun yeroo 243,000 tahu jaalatameera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa gariin, kun naamusa kan cabsedha yoo jedhan kaan ammoo faashiniin kun sanyummaa of keessaa hin qabu jedhan.
Paantii gabaabaan jalatti uffatamu kofoo waliin hodhamu ''bara 1990 keessa waanuma barame ture,'' jedhe.
Haa tahu malee Markuutaa Gammage, Yuunvarsiitii Kaalifoorniyaatti Qorataa Afrikaa kan tahan CNNtti akka himanitti ''agarsiiftuun aadaa hundi irratti barreffamaniiru.''
''Uffanni gadi butamee uffatamu lammiilee Ameerikaa hiddi isaanii Afrikaa tahaniif miidhaa qaba. Kaampaaniin akka Balenkiyaagaa sanyummaa gurraachummaa fi uffata guraachotaa yakka taasisu qolachuu irra gurraachotaa fi aadaa isaanii taphaan ala gochaa jiru.''
Bara 2018 Balenkiyaagaan viidiyoo tokko yeroo suuqii isaanii Paaris jiru keessatti lammiin Chaayinaa maamila isaanii tahe arrabsamu agarsiisu maxxanfamnaan dhiifama gaafatee ture.
Miidiyaa hawwaasaa Chaayinaa irrattis haleellaa lammiilee Chaayinaa irratti gootu dhaabi #BoycottBalenciagaDiscriminatesAgainstChinese jechuun kaampaanicha irrati duulamaa ture. Kun yeroo miliyoona 29 ilaalamee ture.














