Moodelii sababa amantii hojii faashinii dhiiste, Haliimaa Adan

Madda suuraa, Getty Images
Maatii lammii Somaaliyaarraa kan dhalatte lammiin Ameerikaa moodeliin beekamtuun Haliimaa Adan dhiibbaa amantiirraa kan ka'e indastirii faashinii keessaa akka of baaste beeksifte.
Hojiin faashinii duudhaa amantii kiyyaan waan walitti bu'uufan murtee kanarra ga'e jetti Haliimaan.
Shamarreen umrii waggaa 23 Haliimaa Adan barruuwwan ykn gaazexeewwan bebbeekamoo addunyaa kanneen akka 'British Vogue, Arabia Vogue fi Alure' irratti maqaanshee ba'uun beekamuu dandeesseetti.
Barreeffama Inistaagiraamii isheerratti barreessiteen, koronaavaayirasiin hojiishee dhaabdee, dhaabbattee akka of ilaaltuufi akka dubartii muslimaa tokkootti duudhaa amantiishee akka yaadattuuf ga'ee gumaacheera jette.
Hojii moodeliingii duudhaa amantiisheetti bu'e hojjechaa turuushee irratti wayita yaada kennitu, carraa biraaf jedhee waan harka koo keessa jiru dhabuu kootti ofin ceepha'a jette.
Rakkoon kan dhalachuu jalqabu wayita dubartiin muslimaa haalaa fi amala amantiishee mul'isuu dhabduudha.
Sanuu Indastirii faashinii uffannaan hijaabii akkaan barbaachisaa ta'uu hubatu keessatti.
Moodeloota kanneen akka Bella fi Gigi Hadid akkasuma Rihaanaa irraa karaa oonlaayinii deggersa argachaa akka turte himti.
Haliimaan maatii lammii Somaaliyaa ta'an irraa mooraa baqattootaa Keeniyaa keessatti dhalatte.
Daa'ima umrii waggaa ja'aa taatee Ameerikaa seente.

Madda suuraa, Getty Images
Umriishee waggaa 18'tti wayita Miss Minisootaa taatee agarsiiftetti ija ejensii moodeliingii idiladdunyaa IMG seente.
Shamarree yeroo jalqabaaf hijaabii uffattee hojii moodeliingii hojjetteedha Haliimaan.
Boodarra uffannaa akkanaa hojii moodeliingii keessatti akka faashiniitti akka mul'atu gooteetti.















