Naannoo Amaaraatti jiraattonni Walloo Kaabaa fi Waag Himraa rakkoo hamaaf saaxilamuun himame

Bakka hidhattoonni TPLF to’atan Walloo Kaabaa fi bulchiinsa saba Waag Himraa keessa, jiraattonni rakkoo guddaa keessa akka jiran dhalattoonni naannichaa BBCtti himan.

Naannicha keessa haala jiru gadi fageenyaan beekuuf akka cimaa ta’e namootni himan kun, maatiin isaanii naannoolee kana keessa jiran haala akkamii keessa akka jiran baruu dhabuun akka isaan yaaddesse himu.

Nannoo Amaaraatti Komishiniin Ittisa balaa fi Wabii Nyaataa akka BBCf ibsetti, naannolee TPLF to’ate Walloo Kaabaa fi bulchiinsa Waag Himraa keessa jiraattota jiran qunnamuu kan hin dandeenye ta’uu, garuu rakkoon hanqina nyaataa jiraachuu danda’a yaaddoo jedhu akka qabu ibseera.

Komishinichatti hogganaan daayirektoreetii of eeggannoofi deebii hatattamaa Obbo Jambaruu Dassee, sababa waraana kanaan namoota qe’ee isaanii irraa buqqa'anii naannolee ollaatti baqataniif gargaarsa namoomaa taasisaa akka jiran ibsuun, naannolee to’annoo TPLF jiran garuu seenuu waan hin dandeenyeef, haala jiraattotaa beekuun akka hin danda’amne ibsaniiru.

Ta’us garuu karaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa, Wiixata irraa eegalee gara Walloo Kaabaa fi bulchiinsa Waag Himraa gargaarsi geeffamuu akka jalqabe beeksisaniiru.

“Kaaba Walloo, Dalaantaa fi Dawuunti seenanii gargaarsa nyaataa raabsuun eegalameera. Bulchiinsa Saba Waag Himraa keessatti Saqoxaa fi Abargalleettis gargaarsa geessaa jiru, guyyaa lama ykn sadii booda gargaarsa raabsuun ni eegalama,” jedhu hogganaan kun.

Bulchiinsa Saba Waag Himraa, aanaalee Dahannaa fi Taahin jedhamaniin ala aanolee jiran hunda Sagantaan Nyaataa Addunyaa akka seenan itti himamuun hogganaan kun ibsaniiru.

Ji’oota dura mootummaan federaalaa qofaa isaa labsii dhukaasa dhaabuu labsee, naannoo Tigraay keessaa ba’uu isaa hordofee hidhattoonni TPLF naannoo Amaaraa fi Affaar seenuun waraana eegalaniiru.

Torban darbe naannoo Affaaritti bakkeen to’atamanii turan bilisa baafamuu mootummaan kan ibse yoo ta’u, dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa garuu, hidhattoota isaani kan Affaarii baasan mo’amanii osoo hin taane gara naannoo biraatti akka bobba’an barbaadameeti jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

Haata’u malee naannoo Amaaraaa, Walloo Kaabaa, Kaaba Gondarii fi bulchiinsa Waag Himraa keessatti naannooleen argaman hundi to'annoo TPLF jala jiru.

Sababa kanaanis namootni kumaatamaan lakka’aman naannoolee ollaatti baqatanii, buufata yeroofi keessa jiraachaa jiru. Ta’us garuu jiraattonni harka caalan naannolee kana keessaa hin baane.

Hanga ammaatti naannoolee kana keessa haalli jiru ifatti kan beekamu miti. Naannoo kanatti tajaajilli kominikeeshinii waan hin jirreef, haala jiru hubachuuf yaalii BBC’n taasise hin milkoofne.

Torban darbe Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa, naannoo Tigraay, Affaar fi Amaaraa keessatti namootni miiliyoona 7 ta’an rakkoo beelaaf saaxilamuu akka danda’an ibsuun isaa ni yaadatama.

Dhaabbatni kun akka jedhutti Kaaba biyyattiitti sababa waraana uumameen, naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti namootni miiliyoona 1.7 beelaaf kan saaxilaman yoo ta’u, namootni 300,000 ta’an ammoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Obbo Jambaruun, Walloo Kaabaarraa namootni 233,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’anii magaalaa Dasseetti mana firoottan isaanii fi buufatalee yeroof qophaa’an keessa akka jiran ibsanii, namoota 169,000 ta’aniif gargaarsa geessineerra jedhan. Lakkoofsi buqqaatotaa garuu ammayyuu dabalaa akka jiru ibsaniiru.

Jiraattonni kun gargaarsa jiraattota naannichaa fi mootummaa irraa argachaa kan jiran ta’us, gargaarsi wantoota nyaata hin taane garuu ga’aa waan hin taaneef, “keessumaa hadhoolii fi daa’immaniif gargaarsi dabalataa ni barbaachisa,” jedhaniiru.

“Godinaalee Gondar Kaabaa fi Goondaar Kibbaa gariin, Walloo Kaabaa fi bulchiinsa Waag Himraa keessatti ijaarsaaleen hedduu waan barbadaa’aniif, sababa waraana kanaanis jiraattonni hojii idilee isaanii gaggeessuu waan hin dandeenyee fi qonnaan bulaanis qotachuu waan rakkateef, lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii dabaleera,” jechuun Obbo Jambaruu BBCtti himaniiru.

Keessumaa Walloo Kaabaa fi bulchiinsa Waag Himraa keessatti ‘rakkoon hanqina nyaataa’ jiraachuu mala yaaddoo jedhu akka qaban ibsaniiru.

Hidhattoonni TPLF naannicha seenuu isaanii hordofee namootni 650,000 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu fi waluumaagalatti naannicha keessatti namootni gargaarsa barbaadan miiliyoona 4 ol ta’uu isaanii hogganaan kun dubbataniiru.

Dhalattootni naannichaa wa’ee maatii isaanii Walloo Kaabaa jiranii maal jedhu?

Jiraataa Waldiyaa kan turee fi amma baqatee magaalaa Dassee kan jiru, Teediroos, waa’ee maatii isaa Waldiyaa jiranii erga dhaga’ee ji’a tokko ol ta’eera.

Jalqabarratti namoota isa booda naannichaa irraa dhufan irraa odeeffannoo ni dhaga’a ture. Amma garuu erga homaa dhaga’ee torbanooti darbuu hima.

Akka Teediroos jedhutti qaala’iinsi jireenyaa fi hanqinni nyaataa jiraachuun dabalatee tajaajilli fayyaa waan hin jirreef namootni dhibee akka dhiibbaa dhiigaa, sukkaara, HIV, TB fi kan biroon hubaman lubbuun isaanii rakkoof saaxilameera.

Godina Walloo Kaabaatti hoggantuun Waajjira Fayyaa Aadde Saamraawit Ayyaaleew, godinicha keessa wal’aanamtoonni dhibee sukkaaraa 18,000 ol, kan dhibee HIV 20,000 olii fi kan TB ammo 1,145 akka turan BBCtti himaniiru.

Hidhattoonni kun “dargaggoota gara waraanaatti galchu'' sodaa jedhuun dursee nannichaa akka baqate kan himu Teediroos, maatiin isaa haala akkamii keessa akka jiran akka hin beekne dubbateera.

“Waa’ee isaanii yaadaan oola, yaadaan bula, maal nyaatanii laata? Akkam ta’anii laata? Utuu hirriiba tokkittii hin argatiin guyyaan itti bari’u baayyeedha,” jedha.

Teediroos akka jedhutti umuriin kan dullooman harmee fi abbaan isaa, obbolaan isaa dubaraa xixiqqoo waliin Waldiyaa kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti waa’ee isaanii dhaga’uu dhabuun isaa caalaatti isa yaaddeesseera.

Baadiyyaa Walloo Kaabaa keessa harmeen ishee akka jiraattu kan himtu jiraattuun magaaaa Baahir Daar maqaan ishee akka himamuu hin barbaanne tokko ammoo, harmee ishee erga bilbilaan haasofsiistee ji’a lama akka ta’e himti.

Akka isheen jettutti oolmaa harmee ishee qofaa jiraattu beekuu amaleeffannaa godhattee turte. Amma garuu kun hin jiru. “Akkam taate laata?” yaadni jedhu ishee boochisa.

“Harmeenkoo dheekkamtuu, kan fuulleetti dubbattu, mooraa isheen qofaa jiraattu keessa eeyyamashee malee simbirallee nama hin seensisnedha, gama biraan ammoo keessummaa tokkoof buddeena sadii ittoo bareedaa waliin dubartii dhiyeessitudha,” jechuun haala amma harmeen ishee keessa jirtu beekuu dhabuun akka ishee yaaddesse himti.

Waraanni kun kallattiinis ta’e karaa biraan nama hin miine hin qabu kan jettu jiraattuun Baahir Daar kun, waraanichi dhaabbatee sagalee harmee ishee akka dhageessu abdii akka qabdu dubbatti.