Kubbaaniyyaan tamboo Biritish Mugaabeef matta'aa kennee akka ture ifa ba'e

Sagantaan BBC Panorama qorannoo gaggeessee ragaa argateen, kubbaaniyyaan tamboo oomishu ''British American Tobacco (BAT)'' jedhamu, pireezidantii duraanii Zimbaabwee Roobart Mugaabeef matta'aa kennee akka ture ibse.

Kubbaaniyyaan kun bara 2013 keessa paartii Mugaabee, Zanu-PF jedhamuuf matta'aa doolaara Ameerikaa 300,000 fi 500,000 kennuuf waliin dubbachaa akka ture hima dokumantiin kun.

Kubbaaniyyaan kun Afriikaa Kibbaa keessatti matta'aa kennuun, kaan basaasuun morkattoota callisiisaa ture akka ragaa kanaatti.

Kubbaaniyyichi waan raawwate hundayyuu akkaataa sadarkaasaa eeggatee fi karaa seera qabeessaan raawwachuu hima.

Pireezidant Mugaabeen waggoota 37 Zimbaabwee bulchan keessatti filannoo komiin itti baay'atuu fi hookkaraan guutame gaggeessaa turan.

Qondaalli siyaasaa gameessi kun bara 2017 aangoorraa fonqolchamanii bara 2019 du'an.

Paartiinsaanii Zanu'n yeroo ammaa bulchiinsa haaraadhaan hoogganamaa jira.

Panaroma'n Biiroo Gaazexeessummaa Qorannoo (Bureau of Investigative Journalism) fi Yuuniversitii Bath waliin qorannoo gaggeesseen dokumantiiwwan kumaatamatti lakkaa'aman baasuu ibse.

Dokumantiiwwan kunneen gareen namoota 200 ol of keessaa qabu iccitiidhaan biyyoota Afriikaa Kibbaa keessatti hojii basaasaa fi tikaa hojjetu.

Kubbaaniyyichi hojiisaa gara caalu Kubbaaniyyaa Afriikaa Kibbaa dhuunfaadhaan dhimma nageenyaa irratti hojjetu ''Forensic Security Services (FSS)'' kan jedhamutti kennee hojjechiisa.

FSS silaa hojiinsaa daldala seeraan alaa tamboo to'achuudha, hojjettoonni isaa garuu BBCtti akka himanitti kubbaaniyyichi seera cabsuun kubbaaniyyaa tamboo Biritish'f hojjetaa ture. Kanaanis morkattootasaa hacuuca jedhan.

Dokumantiiwwan sakatta'amanii baafaman keessaa tokko akka mul'isutti, kubbaaniyyaan oomisha tamboo Biritish, warshaaleen tamboo Zimbaabwee sadi akka cufamaniif FSS ajajaniiru.

Kontiraaktaroonni kubbaaniyyaa kana waliin hojjetan qondaaltota mootummaa dhoksaan dubbisuun warshaalee biroo cufsiisu.

Kubbaaniyyaan oomisha tamboo, Birtish American Tobacco jedhamu, addunyaarratti oomisha tamboon akkaan beekamaadha.

Kubbaaniyyaawwan gurguddoo UK'n qabdu kudhan keessaa tokkodha.

Gosoota tamboo bebbeekamoo kanneen akka Lucky Strike, Camel fi Pall Mall jedhaman oomisha.

Kubbaaniyyaan kun bara darbe keessa qofa tamboo biiliyoona 650 gurgure.

Kubbaaniyyaan kun Zimbaabwee keessatti namoota maallaqaan bitee warshaalee biroo hacuucuu waakkate, Roobart Mugaabee matta'aa nyaachisuu garuu hin haalle.

Akka seera UK'tti kubbaaniyyaan kamuu eessayyuu yoo jiraate matta'aa kennuun ni gaafachiisa.

FSS bara 2000 fi 2016 gidduu kubbaaniyyaa Biritish kanaaf hojjechaa ture.

Ragaan akka mul'isutti poolisootaa fi hojjettoota gumruukaaf matta'aa kennaa turan.

Kubbaaniyyichimmoo carraa kanatti fayyadamuun iccitii kubbaaniyyaa kaanii fi kan namoota dhuunfaa argataa ture.

Haala kanaan warshaalee biroo hacuuca.

FSS bilbila morkattoota Kubbaaniyyaa British cabsanii seenuu, konkolaattota isaanirratti meeshaalee odeeffannoo basaasan hidhuu fi hojjettoota matta'aa nyaachisuun odeeffannoo irraa guuraa ture.

Abukaatoowwan kubbaaniyyaa kanaa himati kun haaraa akka hin taanee fi yakkamtootarratti odeeffannoo walitti qabachuuf maddeeniif kaffaluun seeraan ala miti jehuun ofirraa ittisan.

Kubbaaniyyichi morkattoota isaa kanneen seera qabeessa ta'an hacuucuun dadhabsiiseera jechuun himata irratti baname kan hin fudhannee ta'uus himan.

Kubbaaniyyaan kun wayita himatu kun kan jalqabaa miti.

Bara 2015 Panaroma'n akka gabaasa baasetti, kubbaaniyyichi biyyoota lixa Afriikaa keessatti hojjettoota mootummaa matta'aa nyaachisuun seerri farra-tamboo aarsuu akka laaffatuuf gochaa ture.