Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Reeffi Roobert Mugaabee bakka awwalamee bahee bakka biraatti akka awwalamu murtaa'e
Manni murtii Zimbaabuwee jaarroleen biyyaa komataman jennaan reeffi pirezidaantii duraanii Zimbaabuwee Roobert Mugaabee bakka awwalamee akka bahuuf murteesse.
Jaarroleen biyyaa sirni awwaalchaa gaggeeffameef akkaataa aadaa awwaalchaa hawwasichaa cabseera jechuun ture komii kan kaasan.
Mugaabeen bara 2019 ganna 95'n boqate. Reeffi isaas ooyiruu maatii isaa keessatti naannoma qe'eetti awwaalame.
Haa tahu malee adeemsichi sirna aadaa keenyaa cabseera jechuun jaarroleen biyyaa komatanii ji'a Caamsaa keessa mana murtiitti himatan.
'' Aangoo reeffa Mugaabee Kutaamaa bakka awwalamee baasuun bakka goototni itti awwalaman 'National Acre' keessatti awwaaluu warra seeraan eeyamameefif kennera,'' jedha murtiin darbe afaan Shoonaan barraa'e Rooyitarsi akka gabaasetti.
Maatiin Roobert Mugaabee murtoo kana mormanis manni murtichaa garuu hin fudhanne.
Maatiin ol iyannoo mana murti ol aanaatti fudhatu jedhamee amanama, gabaastuun BBC Shingaay Nyookaa akka himtetti.
Rooberti Mugaabeen yeroo biyyattiin birmadummaa ishee argatte 1980 jalqabee hanga bara 2017, aangoo irraa kaafameetti bulchaa ture.
Maatiin isaa ammoo erga aangoo irraa buqqaafamee mufatee waan tureef bakka awwalcha gootota biyyaalessatti awwalmuu hin barbaadu ture jedhan.
Roobert Mugaabeen osoo aangoo irra jiruu bara 2017 humna waraanaa biyyattiin fonqolchi irratti gaggeeffame. Garuu ergasii manuma isaa keessa tureen dhukkubsatees yaalamaa turee boqate.