Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigiraay: Ameerikaan haleellaa Itoophiyaatti lammiilee nagaarra gahuun yaaddahuu ibsite
Ameerikaan ajjeechaa tibbana naannoo Amaaraatti lammiilee nagaa irratti raawwate dabalatee haleellaa Itoophiyaatti lammiilee nagaa irra gahuun yaaddahuu ibsite.
Ibsa ministerri Dhimma Alaa US baaseen, Ameerikaan haleellaa Itoophiyaa kutaa garaagaraa keessatti raawwatuun yaaddahuu himte.
Dhiyeenya kana naannoo Amaaraa ganda tokko keessatti haleellaa raawwatee dabalatee qaama lolicha keessatti hirmaate hundaan sarbama mirga namoomaa fi ajjeechaawwan raawwataman gabaasaaeen agarsiisan bahaa jiru.
Kun ammoo akkaan yaaddessaa akka tahe himte Ameerikaan.
Ibsichi itti dabaluun daba akka kanaa lammiilee nagaa irratti raawwatu Ameerikaan karaa hundaanuu ni balaaleffatti jedha. Walitti bu'insicha keessatti hirmaattota kan tahan hundinuu mirga namoomaa akka kabajan seera namoomaa idil-adunyaaf bitamuu akka qaban waamicha gooteetti.
Walitti bu'insa Kaaba Itoophiyaa jiruuf tarkaanfiin waraanaa furmaata akka hin taanee fi furmaata waaraa fiduuf waamicha Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaan Afrikaa kaa'e akka fudhattu Ameerikaanis ibsiteetti.
Itti dabaluunis Ministeerri Dhimma Alaa US, mootummaan Itoophiyaa fi TPLF haal-duree tokko malee waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuun mariitti akka dhufuu qaban waamicha godhe.
Sarbama mirga namoomaa irra dedeebiin raawwataman gaabaasaalen agarsiisan qaama walabaa fi amanamaa taheen qorannoon gaggeeffamuu barbaachisa kan jette Ameerikaan, mootummaan Itoophiyaa fi walitti bu'insicha keessatti kan hirmaatan qaamni hundinuu qorannichaaf haalota barbaachisan hunda akka mijeessan gaafatte.
UNtti Komishiniin Mirga Namoomaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin tahuun bu'aa qorannoo sarbama mirga namoomaa Tigiraayitti raawwate ifoomsuuf deemanis akka hordofu ibseera ibsi Ameerikaan baaste.
Dabalataan qorannoo qaamni mirga namoomaa Gamtaa Afrikaa gaggeessuuf jedhus akka deeggaru himeera.
Itoophiyaatti baay'ee barbaachisaa kan tahe araara siyaasaaf jedhamee sarbama mirga namoomaa keessaa kanneen harka qaban akka itti gaafatamaniif karaan walabaa fi ifa tahe jiraachuu akka qabu himan.
UNtti Komishiniin Mirga Namoomaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin tahuun qorannoon naannoo Tigiraay, Amaaraa fi bakkee birootti taasisan xumuramee bu'aan isaa eegamaa jira.