Feesbuukiidhaan na hacuucaa jiru: Quuqamtuu mirga dubartootaa Somaliyaa

Dubartii kolfaa, kaameeraa ilaalaa jirtu

Madda suuraa, Hanna Paranta

Lammiin Somaaliyaa amma UK jiraattu Haannaa Paranta yaaliin ajjeechaa irratti raawwateera, ammammoo karaa onlaayinii haleellaan irratti raawwatamaa jira. Kun hunduu waan isheen dubartoota miidhamaniif dubbattuufi.

"Somaaliyaa keessatti si hin ajjeesin hafne. Amma UK keessa walabummaan sochoota. Garuu feesbuukiirratti inuma si callisiifna''- kun akeekkachiisa dhalattuu Somaaliyaa amma Uk jiraattu, quuqamtuu mirga dubartootaa Haannaa Paranta'f kennamaa jiruudha.

Haannaa Abuubakar Onlaayin jedhamuunis ni beekamti Hannaa Paranta.

Dubartoota yakki gudeeddii fi hacuuccaan saalaan walqabatu irra ga'e karaa feesbuukiishee gargaaruun beekamti.

Sababa kanaan waggaa darberraa eegalee ergaan doorsisaa ishee qaqqabaa jiraachuu himti.

Feesbuukiin walabummaan akka itti fayyadamnuuf uumame ammaa faallaasaa meeshaa ittiin nu haleelan ta'aa jira jetti.

Hordoftoota 130,000 feesbuukiirraa kan qabdu Haannaan, namoonni Somaaliyaa walqixxummaa dubartootaatti hin amanne irratti gabaasuun akka jalaa cufsiisuuf yaalaa jiran himti.

Doorsisa hanga nyaata ishee summeessuutti

Amma Uk kan jiraattu dubartiin umrii waggaa 44 Haannaa Parantaa jalqaba umriishee waggaa torbatti Somaaliyaarraa gara Siwiidiin imalte.

Achitti hojjettuu dhimma hawaasummaa taate, boodarra waa'ee mirga dubartootaa dhaadhessuu fi falmuu eegalte.

Dubartoota Somaaliyaa yakka gudeeddii fi hacuuccaa saalaan miidhaman gargaaruu eegalte.

Lammiilee Somaaliyaa hedduu biratti tola ooltummaan beekamti.

Hojiin ishee kun garee isheedhaan morman hedduu dallansiise.

Kanarraa kan ka'e wayita Somaaliyaa deemtu eegdotaan dabaalamti, yeroo xumuraaf bara 2020 wayita Somaaliyaa deemtu namni wayii hoteela isheen boqotte keessatti ishee hordofuun nyaata ishee summeesse.

Isheen odeeffannoon waan ishee ga'eef nyaaticha hin sooranne, boodammoo gareen haleeltotaa qindaa'uun isheen ukkamsuuf wayita yaalan eegdonni ishee irraa qolatan.

Wayita isheen deebitus doorsifni gama bilbilaan irraa hin citne.

Feesbuukiinshees takka ugguramaa takka deebi'aa yoona ga'e, namoonni isheerratti qindaa'uun cufsiisuuf akka hojjechaa jiran himti.

Ergaa feesbuukiin ugguramuu mul'isu

Madda suuraa, Faceboook

Ibsa waa'ee suuraa, Ergaawwan akkasii hedduun feesbuukii Haannaa Parantaa irratti deddeebi'anii mul'atu

Dhaabbati teeknooloojii guddichi feesbuukiin gabaasa fudhachuu malee, gabaasota sobaa akkasii hordofuun adda baasuu irratti hanqina qaba jette Haannaan.

"Feesbuukii Muddee darberraa kaaseen dubbisaa ture. Waan hundayyuu itti himeera. Gareen narratti qindaa'ee balaan narraan ga'uuf jiru akka jiru itti himeera, garuu namuu na hin dhageenye,'' jette.

Harka namaa keyboard irra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haannaa Paranta duula maqa balleessiif saaxilamuu himti

Kanneen isheerratti duulaa jiran mesanjarii feesbuukii miseensota 300 qabu hundeeffachuun akka ishee gabaasuu eegalan himti.

Namoonni kunneen gurmaa'anii nama gabaasu, garuu dabaan namarratti duulu jette Haannaa Paranta.

Garuu boodarra deeggartoonni ishee garee sanatti makamuun waa'ee ishee waan dubbatamu hunda suuraa kaasuun erguufii eegalan.

Komiin isheen poolisii UK'tti dhiyeeffatte hunduu qindeeffamuun gara feesbuukiitti darbeera.

Suuraan namoonni erganiif hedduun gareen kun feesbuukii ishee ugguruun milk'aauu fi YouTube isheef kaayyeffatee jiraachuu mul'isu.

BBC'n dhimma Haanna kana qabatee gara feesbuukii deemuun erga gaaffii dhiyeessee booda dhorkaawwan irra kaa'aman muraasni irraa kaafamuu himti Haannaan.

Dubbi himaan feesbuukii ,''ergaa miira namaa jeeqa jennee itti amanne haqneerra, kanarraa kan hafe feesbuukiin rogeettii kanaa cufamuu wanti mul'isu hin jiru,'' jedhe.

Haannaan garuu haalli feesbuukiinshee itti jiru cufamuurraan adda miti jetti, ergaanshee dafee hordoftoota bira akka hin geenye akkasumas hordoftoota haaraa argachaa akka hin jirre himti.