Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taalibaan miidiyaa hawwaasummaa simachuun ‘Nutis ilaalcha namaa geeddaruu barbaanna’ jedha
Jalqaba Caamsaa irratti yommuu humnootni waraanaa US fi NATO biyya Afgaanistaan keessaa ba’uu eegalanitti, humnoonni Taliban humna ittisaa biyyaalessaa mootummaa irratti waraana banan.
Waraana isaanii kanaaf deeggarsa argachuuf ammoo haala seenaa gartuu kanaa keessatti hin baramneen, miidiyaalee hawaasummaa irrattis duula gaggeessaa turan.
Fuula miidiyaa hawaassummaa adda addaa irratti dadhabbii mootummaa Kaabul fi milkaa’ina Taalibaan wantoota himan maxxansu.
Fuula Tiwiitaraa irratti injifannoo gartuu kana himu – takka takka utuu hin milkaa’inis – maxxansu. Dhaadannoo adda addaa mootummaa Afgaan yakka waraanaan himatuufi deeggarsa Taalibaan dabaluu danda’us ni maxxansu.
Dhaadannoowwan isaanii tokko Afgaan keessatti hedduu qodamaa tureera.
Kanaaf, deebii yemmuu kennu, itti aanaan pirezdaantii duraanii Afgaanistaan Amrullaa Saaleeh, oduu Taaliban miidiyaa hawaasummaa irratti injifadheeraa jechuun maxxansu amanuuufi odeeffannoo sochii loltoota mootummaa maxxansuu irraa akka of qusataniif uummataafi humnoota waranaa gaafatanii turani.
Bara 1996tti yemmuu jalqaba Taaliban aangoo qabate, intarneeta dhorkanii, TV, kaameeraa fi, vidiyoo teeppi hunda barbadeessanii turani.
Bara 2005tti marsariitin Taaliban ‘Al-Emarah’ jedhamu banamee, amma afaan adda addaa shan – Afaan Ingilizii, Afaan Arabaa, Paahtoo, Daarii fi URdutiin maxxanfamaa jira.
Wantoonni sagalee, viidiyoo fi barreefamaan qophaa’an maxxanfamuu isaaniin dura komiishinii Islmaak Isteeti Afgaanistaan (IEA) kan dubbi himaa Zabihullaah Mujahiidiin hogganamuun gulaalama.
Zabihullaah Mujahiid Tiwiitara gubbaatti amma hordoftoota 371,000 ol qaba. Isa jalatti gartuun tola ooltota imaammata Taaliban intarneeta irratti lallaban jiru.
Hogganaan gartuu kanaa kan jedhamu- hogganaa miidiyaa hawaassummaa IEA kan ta’e Qarii Sa’iid Koostiidha.
Koostiin akka BBCtti himetti ergaa Taaliban dabarsuuf gartuuleen adda addaa Tiwiitara, jiru, akkasumas ergaa ergamu adda baasuufis WhatsApp fi Feesbuukii gubbaa qindaa’anii jiru.
“Diinoti keenya TV, raadiyoo, miidiyaa hawasummaa irratti fuulota raggaasifaman qabu, nuti homaa hin qabnu, ta’us Feezbuukiifi Tiwiitara irratti isaan lollee injifanneerra,” jedha Kootiin.
Hojiin isaan, namoota ergamaa isaa irratti hundaa’uun miseensa taalibaan ta’an, “gara miidiyaa hawaasummaatti fiduun ergaa keenya akka babal’isan taasisuudha,” jedha.
Afgaanistaan keessa rakkoon neetwoorkii jiraatus, namootni miiliyoona 8.6 ta’an intarneeta ni fayyadamu .
Gartuun miidiyaa hawaasummaa IEA, miseensota isaaf ji’atti fayyadama intarneetaaf, doolaara 11 kaffaluun, “waraana intaneeta gubbaa jiru,” akka lolan taasisa jedhu Koostiin.
Gartuun kun Tiwiitaraafi YouTube gubbaatti bilisaan ergamaa isaa maxxansus, Feesbuuk garuu “dhaabbata hamaa” jechuun, maxxansaa fi fuulota gartuu kanaan walqabatan yeroo hedduu ni haqa.
Taaliban Feesbuukii iratti waltajjii argachuun waan itti cimeef Tiwiitara irratti xiyyeefataa akka jiran Koostii BBCtti himeera.
“Lammileen Afgaan hedduun Afaan Ingilizii hin beekani, garuu hoggantoonni bulchiinsa Kaabul Tiwitara irratti Afaan Ingiliffaan haasa’u, sababiin isaa xiyyeeffannoon isaani lammilee Afgaan osoo hin taanee hawaasa idil addunyaadha,” jechuun miseensi gartuu miidiyaa hawaasummaa Taalibaan BBCtti himeera.
“Taaliban pirooppagaandaa isaanii labsuu barbaadu, kanaaf Tiwiitara irratti xiyyeeffanne.”
Kanaan dura Taalibaan eenyummaa hoggantootaa fi loltoota isaanii dhoksuun beekamu ture. Darbeeyyu suuraan hundeessaa Muulaa Oomer ifa ta’e hin jiru ture.
Har’a garuu, hawaasa addunyaa biratti beekkamti argachuuf, hoggansi isaani miidiyaa irratti argamuu qofa osoo hin taane miidiyaalee hawaasummaa irratti hedduu of beeksisaa jiru.
Lammileen Afgaan humnoota idil addunyaaf hojjachaa turan, dhabbileen, midiyaalee fi kaan kan Taalibaan qeeqaa turan amma sodaadhaan miidiyalee hawaassummaa irraa fuula isaani balleessaa jiru.
Gaaffiin guddaa amma jiru Taaliban adeemsa hameenyaa isaa duraan ittiin beekamu dhiiseeramoo hin dhiisne kan jedhudha. Lammileen Afgaanistaan hedduufi hawaasni addunyaa harki caalaan waada jijjiramaaf galame hin amanani.
“Miidiyaan hawaasummaa ilaalcha uummataa geeddaruuf mala cimaadha,” jedha miseensi miidiyaa hawaasummaa Taalibaan. “Nuti ilaalcha Taalibaniif jiru geeddaruu barbaanna.”