Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siidaa: Virjiniyaan siidaa yaadannoo Roobert E Lii falmisiisaa turte kaaste
Siidaan jeneraala Konfedereeshinii Ameerikaa Richmoondi, Virjiniyaa keessa ture falmii irratti ka'aa tureen iddoodhaa kaafame.
Bulchaa Virjiniyaa Raalfi Noortaam erga Joorji Filooyid ajjeefamee siidaa kana irratti mormiin akka biyyaalessatti waan ka'ee tureef akka buqqa'u waadaa galanii ture.
Siidaan kun dhimma mormii tahuun kan ture yoo tahu, yeroo maashiniin siidaa kana kaasu namootni baay'een gammachuu isaanii ibsataa turan.
Siidaan yaadannoo gaggeessitoota konfedereeshinii garbummaa deeggaraa turanii kan teessoon isaanii Richmondi tahe dhimma wal mormii tahee ture.
Yeroo siidaan kun kaafamu bakka namootni muraasa jiranitti kan gaggeeffame yoo tahu, qondaalonni mootummaa akka siidichi kaafamu miidiyaa hawwaasaa irratti yeroo ibsan namootni baay'een bakkichatti argamanii gammachuu isaanii ibsatana.
Jalqaba torbee kanaa irratti ''siidaa konfidireeshinii hookkara kakaase'' jechuun Mr Noortam dubbataniiru.
Siidaan kun meetira 6.4 kan dheeratu yoo tahu, bara 1980 keessa dhaabbate. Siidichi maal haa tahu kan jedhu hanga murtaa'utti bakka naga qabeessatti geeffama.
Dhaabbiin siidichaa meetira 12 tahu ammoo fincila 2020 booda qalama garaagaraan dibamee balleeffamuun achuma jira. Qondaalotnis hanga naannichi irra deebiin ilaalamutti achuma tura jedhan.
Jijjiirama dhohe
Muddama siidaa waliin wal qabatee ka'een siidaan yaadannoo gaggeesitoota Konfedereeshinii magaala teessoo isaanii tahuun tajaajilte keessaa kaafamaa jira.
Gara Kibbaatti namoota baay'eef keessumaa warra adiif Rooberti E Liin gootadha. Gar tokkee isaaniif inni mallattoo naannichaa ittiin boonanidha jedha gabaasaan BBC Ameerikaa Kaabaa Antoonii Zarcher.
Isaan kaaniif ammoo fakkeenya fincilaati. Siidaan konfedereshinoota baay'ee yerosuma kan dhaabbate osoo hin taane jalqaba jaarraa 2ffaati.
Kunis yeroo ol aantummaa uummata adii Ku Klux Klan aangoo qabachuun manni maree Kibbaa seera Jiim Kiroo 'Jim Crow' kan warra gurraachaa beekkamtii dhowwatu bahe ture kan dhaabbatan.
Siidaan lii kun ka'uun ammoo jijjiirama si'ataa konfidereshinii Kibbaaf jiru geeddaramuu agarsiisa. Keessumaa Virjiniyaatti qubsumni uummataa fi ilaalchi siyaasaa itti jijjiiramuu agarsiisa.
Amma qondaalonni mootummaa bakka inni irraa ka'e maaliin guutna kan jedhuu fi bakka siidichi irra dhaabataa ture sanaho maal goona kan jedhu irratti murteessuuf jedhu.
Seenaa haaraa bakka isa kaafamee kana buusuu.
Karoorri mootummaa siidicha kaasuu bara 2020 keessaa himannaa seeraa jiraattota Richmondi lama irraa dhiyaateen kan tursiifame yoo tahu, torban darbe Manni Murtii Ol aanaa Virjiniyaa himannaa seeraa san kuffisuun akka siidichi kaafamu hulaa saaqe.
"''Kun tarkaanfii murteessaa eenyu akka taanee fi akka biyyoota 'Commonwealth' maaliif akka gatii kenninu agarsiisa,'' jedhan.
Siidaan jeneraal Lii fi hoggantoota konfedereshinii beekamoo kaanii hedduun Ameerikaa keessa jira.
''Adunyaa kanarraa biyyi gara biraa warra uummata biyya isaanii irratti waraana bobbaasaniif siidaa dhaabdu hin jirtu,'' jedhe kantiibaan magaalaa Richmondi.
Fincila Joorji Filooyid ajjeefamnaan ka'een booda siidaa hedduun Richmondi keessaa kaafameera. Doonaaldi Tiraampi erga siidichi ka'ee booda balaaleffachuun '' aadaan keenya barbadeeffame,'' jedhe.