Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sulula Afgaan keessatti ammalleen waraanni gaggeeffamaa jira
Afgaanistaan keessatti ammallee Taalibaan fi hidhattoota Taalibaaniin morman gidduutti lolaltu gaggeeffamaa jira.
Handaara magaalaa guddoo Afgaanistaan, Kaabulitti kan argamtu sulula Panjshir keessatti lolli hamaan gaggeeffamuun gabaafameera.
Taalibaan waraana kana irra aanuu fi garee ''National Resistance Front'' jedhamu dhabamsiisaa jiraachuu hime.
Gareen Taalibaaniin lolu kun gamasaatiin ulaawwan sulula Panjshir to'achuu fi loltoonni Taalibaan hedduun dhabamuu himu.
Kutaalee Afgaanistaan keessaa kan Taalibaan hin to'atin jiru Panjshir qofa.
Mormitoonni Taalibaan hedduun bakka kana riphanii akka jirantu himama.
Pirezidaantii Itti Aanaa duraanii Amrullaa Saaliih dabalatee miseensota humna nageenyaa duraanii Afgaanistaan hedduu kan of keessaa qabu gareen kun, bulchaa naannawa sanaa Ahmad Mas'uud jedhamuun hoogganama.
Abbaan Mas'uud bara 1980oota keessaa garee Sooviyeet Raashiyaa waraanaa ture, isa booda warri Taalibaan ammoo bara 1990oota keessa sooviyeet waraanuu eegalan.
Gareen amma Taalibaaniin haleeluu eegale kun garee Taalibaan dura hundeeffame jechuudha.
Rooyitarsi dubbi himaa Taalibaan Zabihullaah Mujaahid wabeeffachuun akka gabaasetti, loltoonni kunneen erga waliigalteerra ga'amuun dadhabamee booda gara sulula Panjshir imalanii achi maadheffatan.
Loltoonni kunneen Taalibaan waliin ejjennoo adda addaa waan qabaniif mormanii qabsootti seenan jedha dubbi himaan isaanii Faahim Dashti.
Dubbi himaan kun BBC Peerishiyaatti akka himetti, loltoonni Taalibaan 350 ta'an adda waraanaa lameen waraanni itti gaggeeffamaa jirutti ajjeefamaniiru.
ammoo dubbi himaa loltoota warra Taalibaan waraananii dubbisuun akka gabaasetti,