Seeraa Liyoon: Maatii chimpaanzii mukatti hidhamte arganii booda giddugala kunuunsaa hundeessan

Baalaa Amaaraasekaraanii fi haati warraasaa, ganda baadiyyaa Seeraa Liyoon keessa ilmoo chimpaanzii mukatti hidhame arganii jennaan bitanii isa kunuunsuuf waadaa seenan.

Jarri kuni mudannoon kun akkanatti jireenyasaanii geeddara jedhanii hin yaadne ture. Amma waggaa soddoma booda kunuunsa chimpaanziiwwan Western chimpanzee jedhamanii qabu.

‘’Yeroos reefu bultii ijaarranne ture, maal akka goonuyyuu hin beeknu ilmoo chimpaanziima kana argine jennaan manatti fudhanne kunuunsuu barbaanne,’’ jedha Baalaan.

‘’Takkaa erga isa duraa fudhannee hanga torba tahanitti ittuma fufnee chimpaanziiwwan kunneen baraaraa turre,’’ jedha.

Kunuunsi chimpaanziiwwanii isaanii Tacugama Chimpanzee yeroo ammaa chimpaanziiwwan 100 tahan qaba. Magaalaa Firiitaawun irraa kiloomeetira muraasa fagaateeti argama.

Chimpaanziiwwan kunneen baay’inaan Seeraa Liyoon, Giinii fi Laayibeeriyaa keessatti argamu. Akkasumas Ivoorii Koost, Gaanaa, Giinii Bissaawuu, Maalii fi Senegaal keessa illee jiru.

Chimpaanziiwwan kunneen lakkoofsi isaanii bara 1990-2014 gidduu harka 80 hir’isee 52,800 tahanii turan.

Kunneen jiran keessaa harka 17 qofaatu eegumsa qaba, kanneen hafan daggala jiraatu.

Akka Gamtaan Eegumsa Uumamaa Addunyaa jedhutti ‘’tarkaanfiin jabaa yoo fudhatame malee sanyiin bineensotaa kanaa baduu jala gaheera,’’

Baalaan, chimpaanziiwwan kunuunsa isaa keessa jiran waliin hariiroo addaa akka qabu hima. ‘’Hariiroo yeroo waliin hin geeddaramne qabna,’’ jedha.

Chimpaanziiwwan kunuunsa kana keessa jiran keessaa Seeliyaan yeroo baraaramtee dhufte kan baatii jahaa turte ,taa’uufi adeemuu hin dandeessu ture.

Yeroo bosonni gubamu irraa hafteeti harka adamsitoota irraa kan baraaramte.

Pooseh Kamaaraan itti gaafatama ishee kunuunsuufi qaruuraadhaan ishee obaasuu qabdi. ‘’Yeroo hunda ganama yoon ka’u natti tola, sababiisaammoo ilmoo chimpaanzii kana waliin dabarsa, hojiikoos nan jaaladha,’’ jetti.

Chimpaanziiwwan baayyeen huuqqataniifi dararamanii lafa kunuunsaa kana kan gahan yoo tahu, asitti bayyanatu.

Chimpaanziiwwan kunneen baraaramnii, guddatanii yeroo of danda’an warra kaanitti makamuun iddoo kana akka mana isaanitti ilaaluu jalqabu.

Tuuristoota dabalatee namoonni biyya keessaa fi ijoolleen bakka kunuunsa kana adeemuun chimpaanziiwwan kunneen waliin yeroo dabarsu.

Baalaan chimpaanziiwwan kunneen balaa baduurra akka jiran hubannnoo uumuun barbaachisaa gatii taheef hawaasa Seeraa Liyoon waliin hojjetaa jirra jedha.

Akka addunyaatti dhimmi kuni xiyyeeffannoo argachaa jira garuu waanti guddaa hawaasa as jiruuf hubannoo kennuu dha jedha.

‘’Takka takkaa biyya keenyarra alarraa beekamtii arganna,’’ jedha Baalaan.