Afgaanistaan: Akeekkachiisni haleellaan shororkaa buufata xiyyaaraa Kaabulitti gahuu mala jedhame kenname

Madda suuraa, Reuters
Biyyootni garaagaraa haleellaan shororkeessummaa buufata xiyyaaraa Kaabul keessa jiraachuu waan danda'uuf lammiileen isaanii akka gara sana hin imalle akeekkachiisan.
Awustraaliyaa, US fi UK'n ergaa kana lammiilee isaaniif dabarsaniiru. Kanneen buufata xiyyaaraa ala jiran hatattamaan akka naannicha gadhiisanis dhaamaniiru.
Erga Kaabul guyyoota kudhan dura harka Taaliibanitti kuftee namoonni 82,000 tahan Kaabulii baafamaniiru. Biyyootni hanga Hagayya 31tti lammiilee isaanii baasuuf muddamaa jiru.
Namootni kumaatamni ammayyuu buufata xiyyaaraa keessaa fi alatti walitti qabamuun biyyaa bahuuf eegaa jiru.
Taaliibaan guyyaa biyyoonni alaa lammiilee isaanii baasan akka dheeratu kan jedhu mormeera. Garuu Hagayya 31 dursuun lammiileen alaa fi Afgaanistaan akka bahaniif Taaliibaan eeyyamuu ministeerri Haajaa Alaa US Antoonii Biliinken himaniiru.
Kamisa ministerri haajaa alaa Awustiraaliyaa Marise Payne, ''sodaan haleellaan shororkeessummaa akeekamaa fi itti deemamaa jiru jira'' jedhan.
Ibsi kun erga Ameerikaan warreen buufata xiyyaaraatti galma Abeey, Galma Bahaa yookaan Galma Kaabaatti walitti qabaman ''hatattamaan bahaa'' jettee dhagahame.
UK'n akkasuma ergaa wal fakkaataa namootni achi jiran ''bakka nagaa qabeessatti akka deemanii fi kallattii kennamu eegan'' dabarsite.
Ministerri Haajaa Alaa haalli nageenyaa Afgaanistaan keessaa jeeqamaa akka tahee fi ''sodaan haleellaa shororkeessummaa fi itti deemamaa jiru jira'' jette.
Biyyi kamiyyuu waa'ee yaaddoo nageenyaa kana ibsa gahaa hin kennine.
Kibxata darbe Joo Baayiden ibsa kennaniin sodaan haleellaa Taalibaan irraa dabalaa waan jiruuf Ameerikaan daftee namoota achii baastee ni xumurti jedhan.
Namoonni 19,000 tahan balalii Ameerikaan qindeessiteen sa'aa 24 darbanitti biyyichaa baafamaniiru jedhe Antoonii Biliinkeen Roobii kaleessaa.
Xumura ji'a kanaattis Ameerikaan oppireeshinii buufata xiyyaaraa Kaabul keessaa ni xumurti jedhan.
''Ameerikaa qofatu ergama guddaa akkanaa haala wal xaxaa keessatti qindeessuu fi hojiirra oolchuu danda'a,'' jedhan Waashingitanitti ibsa kennaniin.
Taalibaan lammiileen Ameerikaa nagaan akka bahaniif dhuunfaanis ifattis deeggarsa gochaa jira. Hagayya 31 booda garuu lammiileen biyya biraa fi Afgaanistaan rakkoo keessa galu.
Itti dabaluun Ameerikaan namoota Afgaanistaanii bahuu barbaadan ''yeroo amma ergama namoota baasuu fi bakka biraa qubachiisuu qofa osoo hin taane sana boodallee guyyaa hundaa ni deeggarti,'' jedhan.
Lammiileen Ameerikaa 1,500 tahan ammayyuu biyyicha keessa jiru. Bulchiinsi US eessa akka jiran adda baasuun biyyichaa baasuuf hojjechaa jira jedhan Biliinkeen.
CIA fi humni waraanaa US lammiilee Ameerikaa helikopteraa fi loltoota lafoon deeggaruun akka achii bahan hojjechaa jiraachuu US fi qondaalonni biroo 'Wall Street Journal'tti himan.
Oppireeshiniin kun Kaabulii fi Kaabuliin alattis ni gaggeeffama. Peentaagon ammayyuu namootni 10,000 tahan xiyyaara Ameerikaan biyyichaa baafamuuf eeggachaa jiru jedhe.
Sodaa namootni kumaatamni osoo bahuu barbaadanii achi gahuu hin dandeenye jedhus jira.













