Afgaanistaan: Baankiin Addunyaa Taalibaan Afgaanistaan to'achu hordofee biyyattiiirraa maallaqa dhaabe

Madda suuraa, Reuters
Baankiin Addunyaa erga Taalibaan Afgaanistaan to'atee booda maallaqa pirojetii biyyattii keessatti hojjetamuuf ramadamu adda kuteera.
Tarkaanfii kun Taalibaan biyyattii to'achuun ,''guddina biyyattii, keessattuu dubartootarratti'' dhiibbaa guddaa qabaachuu kan agarsiisuudha.
Baankiin addunyaa kana kan beeksise erga Dhaabbati Maallaqaa Idiladdunyaa(IMF) torbee darbe maallaqa Afgaanistaan irraa kutuu ibseeti.
Bulchiinsi Pirezidaant Joo Baayidan gamsaatiin qabeenya baankiin giddu galeessaa Afgaanistaan biyyasaanii keessaa qabu dhowwataniiru.
Dubbi himaan Baankii Addunyaa BBCtti wayita dubbatu, ''Maallaqa Afgaanistaan keessatti gadi dhiisuu dhaabneerra. Haala jiru imaammataa fi hojimaata keessoo keenyaa waliin ilaalaa kan deemnu ta'a,'' jedhe.
''Hawaasa idiladdunyaa fi jaarmiyaalee misoomaa waliin walitti dhihaannee dubbataa deemna. Haala itti lammiileen biyyattii gargaaramuu danda'an waliin mari'anna.''
Bara 2002 irraa qabee dhaabbileen maallaqaa Waashingtan keessa jiran Afgaanistaan deebisanii ijaaruuf maallaqa doolaara biiliyoona 5.3 ramaduun hojjechaa turan.
Jimaata darbe Baankiin Addunyaa akka hojjettoonni isaa Kaabul jiran maatii isaanii waliin Afgaanistaan keessaa baafamuun gara Paakistaan geeffamuu ibsee ture.
Murteen Baankii Addunyaa kun adabbiin maallaqaa mootummaa haaraa biyyattii mudate keessaa isa hamaadha.
IMF Afgaanistaan kana booda liqeessitoota addunyaarraa maallaqa akka hin arganne torbee darbe ibsee ture.
Biyyattiin bara kana Hagayya 23 maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona 440 hawaasa idiladdunyaarraa argachuuf turte.
Baankiin Afgaanistaan ,Da Afghanistan Bank, maallaqa biiliyoona sagal biyyoota alaatii qaba, hedduunsaanii US keessatti qabamanii jiru.














