Amala bineensotaa: Adurreen maaliif akka saree keessummaatti hin duttu?

Yoo keessummaan isin miidhe, sareen guddistan callisee hin ilaalu. Adurreen keessan garuu akka saree miti, dhimma hin qabdu. Garuu maaliifi? Sababa isaa Ali Booyil akkanaan ibsa.

Garaagartee sareefi adurreerratti yeroo baay'ee wanti akkanumaan dubbatamu jira. Saroonni nama ni jaalatu akkasumas amanamoodha adurreen immoo hammana akka saree nama ofitti hin dhiheessani ni jedhama.

Haa ta'u malee dubbii kana kanneen adurree caalsifatanii jaalatan ni mormu. Adurreen nama jala seentee 'korrrrr' jechaa korrisuun ishee kan gammachuufi jaalalaa malee kan jibbaa miti jedhu.

Akka waliigalaatti garuu qorannoon waa'ee adurree taasifame adurreen dhala namaa waliin walitti hidhinsa akka horatte agarsiisa.

Adurreen sagalee nama kamuu caalaa kan abbaa isaan guddise akka adda baastuufi yeroo waamanis deebii akka kennitu akkasumas yeroo rakkoo keessa jiran gargaarsa akka irraa eegdu agarsiisa.

Haa ta'u malee, qorannoo haaraa Jaappaanitti taasifameen hariiroo adurreen dhala namaa waliin qabdu walxaxaa ta'uu hubachiseera.

Maloota kana dura saree qorachuuf itti dhimma bahame fayyadamuun qorattoonni adurreen akka saree miti, nama abbaa ishee guddise gargaaru diderraa dhimma hin qabdu jedha.

Haala qorannichaa

Qorannicha keessatti abbaan ishee guddise yeroo sanduuqa wayii keessaa wayii fuudhu adurreen akka ilaaltu taasifame.

Abbaan adurree guddise kuni kessummoota lama bitaafi mirga isaa bira taa'anii turan akka isa gargaaraniif gaafate. Keessummaan jalqabaa yaalii jalqabaan akka isa gargaaru, yaali lammataan immoo akka isa hin gargaarre taasifame.

Keessummaan lammataa immoo osoo homaa hin dalagiin akka taa'u taasifame.

Achiiti kessummoonni lamaan akka adurritti ofitti waamanii nyaata itti kennan taasifame. Yeroo kana saayintistoonni nama kamitti adurreen kuni dursitee akka dhihaattu hordofu turan.

Yeroo malli kuni saroota irratti yaalame saroonni keessummaa abbaa isaan guddise gargaaru diderraa nyaata nyaachuu didanii turan.

Faallaatiin garuu adurroonni qorannoo haaraa kanaan amala adda ta'e agarsiisan. Isaan nyaatuma itti dhihaate nyaachuu malee keessummaa gargaarsa kenne irraa fudhatanii isa taa'ee ilaaleerraa nyaachuu hin dhiisne.

Qorannoo kanarraa maal hubanna? Adurreen ofittuu akka taateefi akkaataa keessummaan nama ishee guddise irratti raawwaturraa dhimma hin qabdu jechuutti nu geessa ta'a.

Haa ta'u malee, adurree sirriitti hubachuuf qixa dhalli namaa waa'ee isaanii yaadu osoo hin taane akkaataa isaan itti yaadan hubachuun barbaachisa.

Yeroo kana goonu adurreen akka qorannoo keessatti mul'ate ofittoodha jechuun nama dhiba.

Adurreen keessummonni gar tokko gargaarsa taasisanii kaanimmoo fuula dhowwachuu isaanii adda baafachuu hin danda'an.

Adurreen quba namni waan tokkotti qabu akkasumas miira namni keessa jiru hubachuu dandeessi. Ta'us, hariiroo hawaasummaa keenya garuu hamma saree waan xiyyeeffannoo itti kennitu miti.

Dhimma ijoo biroo

Wanti ijoo biroo adurreen akka saree osoo hin taane dhalli namaa booda kanadha kan isaan madaqsu eegale. Erga madaquu eegalani asiis hamma saree baay'ee hin jijjiiramne.

Sareen gosa bineensaa hoomaan adamsan keessaa dhufanis dudduubeen maatiifi sanyii adurree garuu gara caalu qofaa kan adamsanidha.

Tarii namni saree madaqsuun dandeettii hawaasummaa durumaa qabu qareeraaf ta'a. Faallaatiin garuu madaqoon adurree hamma saree hin gargaarre ta'a.

Sababa kanaaf adurreen guddisnu akka saree nuuf hin dhimmaman jennee murteessuuf jarjaruu hin qabnu.

Maalis ta'u waa'ee adurree baay'ee jedhamus akkaataa adurreen yaaddu wanti beeknu giddugaleessaan waanuma xiqqoodha.

Qorannoon gara fuulduraa taasifamuufi akkaataa adurreen nama hubattu murtaa'aa ta'uu hubachiisa ta'a.

Qorannoon maalis mul'isu garuu tilmaamni keenya duraa yookiin anthropomorphism hubannoo adurree irratti qabnuf bu'uura ta'u hin qaban.