Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yugaandaa fi Ruwaandaan lammiilee Afgaanistaan keessaa baqatan simachaa jiru
Biyyoonni Afriikaa kanneen akka Yugaandaa fi Ruwaandaa lammiilee Afgaanistaan keessaa baqataniifi barattoota simachuun akka da'oo ta'aniif ibsaniiru.
Gareen Taalibaan erga Afgaanistaan to'atee booda barattoota shamarranii biyyattiidhaa baqatan hedduu simachuuf akka jirtu Ruwaandaan ibsite.
Hundeessaan mana barumsaa dhuunfaa Afgaanistaan, Shabana Basij-Rasikh, barattoonni 250 ta'an, miseensonni maatii fi hojjettoonni mana barumsaa Kibxata kaleessaa gara Ruwaandaa imaluu ibse.
Hawaasi mana barumsaa isaanii kun karaa Qataar gara Ruwaandaa imaluu kan ibse hundeessaan mana barumsaa kun, barattoonni isaanii barnoota semisteera lammaffaarraa eegalanii itti fufuuf jiraachuu hime.
Ministeerri Barnootaa Ruwaandaa barattoota mana barumsaa dhuunfaa SOLA hundaan baga nagaan dhuftan jechuun simateera.
Hanga haalli fooyya'utti barnoota samisteera kanaa Ruwaandaatti hordofuun isa booda gara Afgaanistaan deebi'uuf kaayyoo akka qaban dubbata hundeessaan mana barumsaa kun.
Gama kaaniin Yugaandaanis kanneen Afgaanistaan keessaa baqatan simachuu eegalteetti.
Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii namoonni 51 xiyyaara dhuunfaan Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Inteebee ga'uusaanii ibseera.
Namoonni kunneen Yugaandaa keessa qaxxaamuruun gara US fi biyyoota kaaniitti imalu jedheera ministeerichi.
Hagam akka Yugaandaa keessa turan garuu hin ibsamne.
Taalibaan erga Afgaanistaan to'atee booda mootummaan Ameerikaa adda durummaan namootasaa biyyattii keessaa baasaa jira.
Yugaandaanis akka buqqaatota biyyashee keessa tursiisuun gara US dabarsituuf gaaffii mootummaan US dhiyeesseef fudhachuun ture namoota kunneen kan simatteef.
Yugaandaan namoota Afgaanistaan keessaa baqatan 2,000 ta'an akkaataa gaaffii US dhiyeessiteefiin simachuuf akka jirtu qondaalli mootummaa biyyattii tokko torbee darbe BBC'tti himee ture.
Biyyi kun baqattoota sababa walitti bu'insaan qe'eesaanii gadi dhiisan, akkasumas sababa balaawwan adda addaan biyyoota Baha Afriikaa keessaa buqqa'an miiliyoona tokko keessummeessaa jirti.
Lammiileen Afgaanistaan hedduun bulchiinsa Taalibaan sodaachuun biyyattii gadi dhiisaa jiru. Kumaatamaan kan lakkaa'aman gara biyyoota birootti dabarfamaniiru.
Bara 2001 aangoorraa fonqolchamee moggaatti kan baafame gareen hidhattootaa Taalibaan, waggoota kurna lama booda torbee darbe keessa deebisee biyyattii to'ate.