Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiiin duranii Chaad ajjeechaa siyaasaa kuma 40 oliin yakkamaa ta'an hidhaatti du'an
Pireezidantiin Chaad duraanii bara bulchiinsa isaanii waggaa saddeet keessatti ajjeechaan siyaasaa kuma 40 ol raawwatameera jechuun yakkamaa ta'an hidhaan umrii guutuu itti muramee ture mana hidhaatti lubbuun darbe.
Maanguddoon ganna 79 Hissène Habré yakka namoomaan himatamanii balleessan irratti mirkanaa'ee jennaan hidhaan umrii guutuu irratti murtaa'e.
Koronaavaayirasiin qabamanii rakkoo isaan walqabatee dhalateef waldhaansarra akka turan ibsameera.
Bara 1982-1990 'tti pireezidantii Chaad wayita turan bulchiinsi isaanii yakka namoomaa raawwateera murteen jedhu kan irratti dabarfame bara 2016'tti ture.
Murteen Pireezidanti duraanii kanarratti murtaa'e dhaddachi Gamtaa Afrikaan deeggaramu murtee yeroo jalqabaaf aanga'aa biyyaa mirga namoomaa sarberratti dabarsedha. Dhimmi isaaniis Senegaalitti ilaalamaa ture.
Habré'n aanga'aa yakkoota dirqiin gudeeduu, qunnamtii saalaaf jecha gabroofachuu fi adeemsa seeraa malee nama ajjeesuu bara aangoorra turanitti raawwatame duuba jiru jedhaman. Pireezidantichi garuu yakkawwan ittiin himataman hunda hin raawwanne jechuun haalaniiru.
Pireezidantichi bara 1990 aangoorraa erga bu'anii booda kan hundaa'e Komishiniin qorannoo tokko waggoota saddeet aangoorra turan keessatti ajjeechaawwan dantaa siyaasa qaban 40,000 ol raawwatamaniiru, namootni 200,000 ammoo dararaa arganiiru gabaasa jedhu dhiyeesseera.
Poolisoonni iccitiin Hissène Habré akkaan sodaataman yakka sukkaneessaa raawwatan kanneen ijaan arganiifi dararaa argan dhaddacha irratti argamuun dhugaa bahaniiru.
Manni hidhaa akkaan hamaan magaalaa guddittii Chaad Nijaameenaa tures gara bakka itti bishaan daakanitti jijjiirameera.
Kanneen ijaan argan elektirika itti suuquun dararuu, tamboodhaan qaama gubuu, ijatti gaazii facaasuufi dararaawwan biroo kaan ragaa bahan.
Pireezidantichi bara 1990 finciltootaan aangoorraa fonqolfamnaan Senegaalitti baqatanii ture.
Waggaa 20 booda Manni Murtii Chaad jiru bakka namni kun hin argamnetti yakka namoomaan himatee adabbii du'aa irratti murteessee ture.
Namoota pireezidantichi akka himataman duulaa turan keessaa tokko kan ta'an Reed Brody '' seenaa keessatti abbootii irree hamoo keessaa akka tokkootti yaadatama, akka nama saba isaa qaleetti'' jechuun ibsan.
Murteen dhumaa Senegaalitti bara 2016'tti dabarfame duula waggootaaf miidhamtootniifi maatiin isaanii gochaa turanitti xumura godheera.
Gamtaa Afrikaatu aanga'aa duraanii kanatti faraduuf dhaddacha addaa tokko hundeesse.
Habré bara 1982'tti michuu isaanii filannodhaan aangoo qabatan irraa aangoo dhaalan.
Aanga'aan duraanii kun deeggarsa warra CIA argachaa akka ture himama. Sabbni ammoo lola Liibiyatti pireezidant Mo'ammar Gaadaafiirratti godhamu keessatti hiree qabaachaa waan turaniifi.
Ameerikaafi Firaans bara 1983 humnoota Liibiyaa Chaad keessaa ari'uuf jecha pireezidant Habré deeggaraa turan.