Waraana Tigraay: Barreessaa ol-aanaan UN Itoophiyaatti dhukaasni atattamaan akka dhaabbatuuf gaafatan

Barreessaan ol-aanaa UN Antooniyoo Guutereez Itoophiyaatti nagaan akka bu'uuf dhukaasni atattamaan dhaabbatee waldhabdeen jiru marii siyaasaan akka furamuuf waamicha taasisan.

Guutereez haalli gargaarsa namoomaa Itoophiyaakeessa jiru haalaan hamaa akka ta'e ibsuun, dhiyeessiin deeggarsa namoomaa danqamuu akka hin qabneefi tajaajilli uummataa irra deebiin jalqabuu akka qabu gaafatan.

Barreessaa ol-aanaan UN kun, furmaatni akka dhufuuf mariin siyaasaa lammiilee Itoophiyaan durfamu gaggeeffamuu akka qabu himuun, haalotni kanaaf mijataa tahan uumamuu akka qabanis dhaamaniiru.

Mariin siyaasaa kun sababoota wal dhabdichaa kan adda baasuuf hiiku akka tahus dhaaman.

UN, dhaabbilee biroo akka Gamtaa Afrikaafi dhaabbilee gargaarsaa idil-adunyaa biroo waliin tahuun lammiilee Itoophiyaa deeggaruuf akka hojjettus himaniiru.

Guutireez viidiyoo fuula Tiwiiterii isaanii irratti maxxansan irratti kan dubbatan yoo tahu, kana duras waraannichi dhaabbachuun lammiilee nagaan deeggarsa barbaadan akka argataniif ulaan saaqamuu akka qabu waamicha gochaa turan.

Waraanni humnoota TPLF fi mootummaa Federaalaa Itoophiyaatti erga jalqabe amma ji'ootni sagal darbaniiru.

Waraanichi gara naannoolee hollaa jiran akka Affaariifi Amaaraattis babbal'achuun itti fufee jira.

Dhiyeenya haleellaa namoota nagaa sababa waraanaan naannoo Affaar bakka Gaalikoomaa jehamutti qe'ee isaaniirraa baqatanii dahoo keessa tursiifaman irratti raawwateen ijoollee 100 ol dabalatee walumaagala namootni 200 ol ajjeefamaniiru.

Mootummaan Federaalaa humnootni TPLF haleellicha akka raawwatan hima. Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa garuu haleellicha akka hin raawwanne himuun qaama walabaan qorannoon akka gaggeeffamu jedhu.

UNICEF dabalatee dhaabbileen gargaarsa godhan idil-audnyaa biroo haleellichaan guddoo yaaddahuu himan. Mootummaan Itoophiyaa humnootii TPLF waliin waraana godhu cimsee akka itti fufee jiru hima.

Humni addaa naannolee raayyaa ittisa biyyaa waliin qindaa'uun humnoota TPLF lolaa jiru. Dhiyeenya MM Abiy lammiileen biyyattii ''kan umuriin isaanii eeyyamuuf'' gara raayyaa ittisa biyyaatti akka makamaniifi kaanis deeggarsa danda'an akka godhaniif waamicha taasisaniiru.

Mootummaan Federaalaa gar-tokkeen dhukaasa dhaabuu erga labsee naannoo Tigraay keessaa humna isaa erga baaseen booda humnootni TPLF ammoo naannoo Tigiraay to'annoo isaanii jala galfataniiru.

Finciltoonni TPLF kun dhukaasa kan dhaabanis ulaagaa isaan tarreessan mootummaan Itoophiyaa yoo guuteef akka tahe qofa akka ta'e himuun, waraana itti fufanii jiru.

Waraanni naannoo Tigiraay erga eegalee lammiileen biyyattii miliyoonotaan qe'ee isaanii irraa buqqa'uun kumaatamnis ajjeefamaniiru.