Afgaanistaan: Seerri Shari’aa maali? Seera kanaan gochaawwan yakka tahan maal fa’i?

Shari'aan maddisaa Quraana haa tahuyyuu malee hiikaa isaa irratti garuu hayyoonni Islaamaa gurguddoon irratti hirmaatu. Adeemsi kunis 'Fatwaa' jedhamuun beekama.

Taalibaan kan dhiheenya Afgaan to'ate haala seera Isalaama ykn Shariyaanan biyyattii bulchaa jedhe.

Ofii Shaariyaan maal?

Shari’aan sirna seera Islaamaati. Maddi seera kanaas Kitaaba Qulqulluu Islaamaa kan ta'e Qur'aana fi gochaawwanii fi jechaawwan Ergamaa Rabbii Nabiyyuu Muhaammad (SAW).

Shari’aan maddisaa Quraana haa tahuyyuu malee hiika isaa irratti garuu hayyoonni Islaamaa gurguddoo irratti hirmaatu. Adeemsi kunis ‘Fatwaa’ jedhamuun beekama.

Dhimma tokko irratti deebiin yoo dhabamuutti, hayyoota amantiitu dhimma sana irrarti danbiiwwan akka qajeelfamaatti kennu.

Shari’aan kallattiin yoo hiikamu '‘qulqulluu’' karaa sirrii irra kan yaa’u jechuudha.

Shari’aan seera musilimoonni wayita salaataatti, soomaafi iyyeessaaf kennaa kennuutti hordofaniitti akka qajeelfama jireenyaatti kan gargaaruudha.

Shari’aan Musliimotaa jireenysaanii guyyaa guyyaa keessatti akka fedha Rabbiitti akka dedeebii'aniif gargaaru irratti kan kiyyeeffateedha.

Kun qabatamaan maal jechuudha?

Shariyaan jireenya kallattiii maraa keessatti Muslima kan hubachiisuudha.

Fakkeenyaaf, osoo hirriyyaansaa Musilima tokko mana dhugaatii akka waliin deemu affeerreenii garuu maal gochu akka qabu kan sirriitti hin beekne ta'e, hayyoota Shaariyaa gorsa gaafachuun akka nama amantii tokkootti maal gochu akka qabaatu hubachu danda'a.

Kana malees Musliimni gana seera maatii, maallaqaa fi daldala ilaalattuun illeen jireenya isaa guyyaa keessatti qajeelfamoota Shaariyaa yaadachuutuu irraa eegama.

Akkasumas haalli uffannaa dubartii fi dhiiraa seera Shari’aa jalatti akkam tahuu akka qabu ni tarreessa.

Haa tahu malee biyyooti addunyaa seera Shari’aa tokko osoo hordofanii sababa garaagarummaa hiikaatiin qajeelfamni isaanii wal-fakkaachuu dhiisuu mala.

Dubartoonni akka seera Shari’aatti uffatta qaama agarsiisu akka hin uffanne ni dirqamu. Haa tahu malee kun hiika tokkoofi wal-fakkaataa qaba jechuu miti.

Haaluma kanaan haalli uffannaa niqaabaa, hijaabaafi burqaa irratti biyyoota seera Shari’aa hordofan garaagaraaa keessatti jijjiiramni hiikaa akka jiraatu sababa taheera.

Fakkeenya biraan, seera Shari’aatiin dhugaatiin alkoolii dhorkaadha.

Dhugaatii qofa osoo hin taane, iddoo alkooliin itti gurguramutti argamuu, warshaa alkoolii qabaachuu, raabsuu, beeksisuufi toora daldalli alkoolii keessa darbuu hunda irratti hirmaachuun dhorkaadha.

Kun qajeefama dimshaashaa Shari’aati.

Haa tahu malee Musliimni tokko sababa hojiidhaan dukkaana alkooliitti argamuun dirqama yoo itti tahe maal gochuu akka qabu hayyoota Islaamaa mariisisuun irra jiraata.

Haalli akkasii kuni akkaataa Shari’aan itti hiikamu irratti biyyaa biyyatti gargarummaan akka jiraatu godheera.

Shari’aa keessatti dhimmoti gara hayyoota Islaamaa nama geessan biroon seera maatii, faayinaansiifi kan daldalaati.

Seera Shari’aatiin adabbiiwwan cimaa jedhaman kam?

Seerri Shari’aa dimshaashatti yakka bakka lamatti qooda, isaanis Haaddii fi Taaziir jedhamu.

Yakki Haad jedhamu hiikaaf banaa kan hin taane yoo tahu, Taazir immoo yakka abbaan seeraa akka murteessu itti dhiisamudha.

Fakkeenyaaf, hanni, sagaagaltummaa fi nama ajjeesuun Haadi keessatti hammatamu.

Hanni seera kanaan haala garagaraan wal-fakkaachuu baatus, harka bitaa yookiin mirgaa kutuudhaan adabbiin raawwachuu danda’a.

Namni sagaagale immoo haala tokko tokkootti gargara tahus, adabbiin inni guddaa dhakaadhaan tumamee ajjeefamuudha.

Tahus jaarmiyaawwaniifi qorannoowwan Islaamaa tokko tokko adabbii kana hojiirra oolchuuf adeemsa baayyee ijaa qabuuf balleessaan harka 100 sadarkaa jedhamuun mirkanaa’uu qaba jedhu.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, dhala namaa dhakaadhaan tumanii ajjeesuu akkaan morma.

Murteen attamiin kennamaa?

Biyyooti Shari’aa hordofanis adabbii yakka kanaa raawwachuu irratti garaagarummaa ni agarsiisu.

Akkuma seera kamiyyuu Shari’aanis bifa wal-xaxaa qaba.

Hojiirra oolmaafi hiiknisaa baay’inaan sadarkaafi gahumsa barnoota amantii hayyoota hiikaniin murtaa’a.

Hayyoonni seeraa fi haqaa Islaamaa yeroo yerootti qajeefamaafi danbii baasu, hiikni ijibbaataa isaan kennanis ‘Fatwaa’ jedhamuun beekama.

Shari’aan falaasama (doctrine) seeraa shan qaba. Barnoota Islaamaa Suuniidhaan immoo barsiisawwan ijoo afuriitu jira.

Warreen kunis Haanbaalii, Maaliikii,Shaafiiyii fi Hanaafii jedhamu. Barsiisa Islaama Shi’aadhaan immoo Jaa’afaarii kan jedhamu jira.

Falaasamooti amantii shanan kunneen Quraanas tahe, seera Shari’aa gama xiinxaluu, hiikuu fi raawwachiisuu irratti garaagarummaa dhiphaas tahes guddaa ni qabu.

Kanaafi egaa biyyoota seera Shari’aa hojiirra oolchan lama keessatti yakka wal-fakkaataa taheef adabbiiwwan garaagaraa kan kennaman.

Gareen Taalibaan dhiyeenya Kaabuul to’ate seera Shari’aatiin biyya bulchina, dubartoonnis seera Shari’aan hojii ni hojjetu jechuun isaanii maaliidha? gaaffiin jedhu, bal’inaan miidiyaa addunyaa irratti dubbii ijoo akka tahu kan godhe.