Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
WHOn qoricha busaa dhukkubsattoota Covid irratti yaaluuf
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n qoricha busaa, kan biqiltii Artemisia jedhamuraa hojjatamu dhukkubsattoota Covid irratti yaaluuf.
Qorichi biqiltuu Artemisia jedhamu irraa hojjetamu Maadaagaaskaar keessatti koronaavaayirasii ittisuuf faayidaarra oolera.
Biyyi odolaa Afrikaa Maadaagaaskar bara darbe dhugaatii biqiltuu Artemisia irraa hojjetame dhukkuba koronaavaayirasii ni ittisa jechuun namoonni akka fayyadaman jajjabeessuun qalbii uummataa hawwattee turte.
Hanga yoonaatti biqiltuun kun Covid-19 akka ittisuu danda’usaa irratti ragaan argame hin jiru.
WHOn waa’ee biqiltuu Artemisia maal jedha?
Qoricha gosa sadii dhukkubsattoota Covid irratti yaalamaa jiran keessaa tokko Artesunate isa jedhamudha.
Dawaan kun qoricha artemisinin fakkeessuun kan hojjetame yoo tahu, innis biqiltuu Artemisia dhukkuba buusaa wal’aanuuf fayyadurraa tolfama.
Qorichi kuni qaama yaalii qorattoonni namoota dhukkuba koronaavaayirasiin akka malee dhibaman wal’aanuuf taasisan keessaati.
Dawaan gosa afur kana dura yaalame namoota akka malee hospitaala jiraniif bu’aa qabeessa hin taane ture.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n ammaaf ragaan qorichi Artemisia irraa tolfame koronaavaayirasii fayyisa jedhu hin jiru jedha.
Dhaabbatichi Maadaagaaskar biqiltuu kanaafi kan biroollee fayyadamuun yaalii akka taasiftu deeggaraa akka jiru himuun, garuu immoo odeeffannoo argamu mara murteerraa gahamuun dura mala saayinsaawaan qoratamuu qaba jedha.
Biqiltuun kun eessaa dhufa?
Biqiltuun Artemisia annua jedhamu jalqaba kan argame Eeshiyaatti yoo tahu, kutaa addunyaa ifa aduufi ho’a qabutti ni biqila.
Qoricha aadaa Chaayinaa tahuun waggoota 2,000 oliif dhibee garagaraa fayyisuunis faayidaarra ooleera.
Kunis dhukkuba busaa, ho’a qaamaa gara malee fi dhukkubbii biroo fayyisuuf fa’iiif oolfamaa ture.
Aadaa qorichaa Chaayinaatiin maqaa "qinghao" jedhamu qaba. Dhugaatii alkoolii keessatti dabalamuun akka dawaatti gargaaraa ture.
Pireezidantiin Maadaagaaskar Raajooliinaa yaaliin bara darbe dhugaatii biqiltuu Artemisia irraa hojjetameen taasifame dhukkubicha irratti bu’aa qabeessa taheera jedhan.
Haatahu malee hammeentaan dhugaatii dhukkuba kana fayyisa jedhamee hin beekamu. Mootummaan harki 60 ol biqiltuu Artemisia dha jedha.
Akka Raajoolinaan jedhanitti biqiltuun ganamaa biraa Ravintsara jedhamus itti dabalameera.
Maadaagaaskaar qoricha liqimfamuufi lilmoon kennamu oomishaa jirti, yaaliin saayinsawaas irratti adeemsifamaa jira.
Saayintistoonni Jarmaniifi Deenmaark biqiltuu kanarratti qorannoo taasisaa jiran yaalii laaboraatorii keessatti koronaavaayirasii wal’aanuf bu’aa qabeessa akka tahu mallattoo argineerra jedhaniiru.
Qorannoon saayintistoota walaba tahaniin hin sororfamne kun akka himutti qorichi biqiltuu kanarraa hojjetame yeroo itaanoolii fi bishaan carii waliin fayyadamnu farra vaayirasichaa tahuu agarsiiseeraa jedhan.
Qorattoonni kunneen Yunivarsiitii Keentaakii waliin tahuun Meeksikootti namarratti akka hojjetu yaalaati jiru. Chaayinaan illee biqiltuudhuma kana fayyadamuun qorannoo gaggeessaa jirti.
Saayintistoonni Afrikaa Kibbaas biqiltuu gosa kanaafi kan biroo irratti qorannoo gochuun hojjechaa jiru.