Instaagiraamii irraa fayyadamtoonni akkamiin galii argachuu danda'an?

Instaagiraamii irratti namoonni suuraalee fi viidiyoowwan gaggabaaboo qooduufi ilaaluun namoota garaagaraa waliin hariiroo ittiin uumuuf fayyadamu.

Gama biraan carraa instaagiraamiin fide otoo hin qisaasessiin kan fayyadaman jiru.

Kunis namoota gariif madda galii yoo tahu, warra kaaniif ammoo carraa hojii biyya alaallee isaaniif argamsiiseera.

Carraa instaagiraamii kanarraa lammiileen Itoophiyaa fayyadamoo tahan jiru.

Kanneen keessaa dubartootni afur BBC waliin haasaa taasisaniiru.

Instaagiraamii attamiin madda galii gochuun danda’ama?

Namoonni instaagiraamii akka waltajjii beeksisaatti fayyadamuun daldala isaaniif maamila ittiin hawwachuuf fayyadamu.

Warri kaan immoo dhiibbaa miidiyaa hawaasaa irratti qaban fayyadamuun dhaabota dubartootaa fi dargaggoota irrattii xiyyeeffachuun hojjetaniin akka barbaadaman isaan godheera.

Ogeettii meekaappii kan taate Fitsuum Yilmaa fuula instaagiraamii ‘Makeup by Japi’ jedhuun hordoftoota kuma 70 ol kan qabdu yoo tahu, hojii ishee achi irratti qooddi.

Hojiishee waggaa jaha dura kan jalqabde yoo tahu, suuraa namoota miidhagsitee instaagiraamii irratti qooddi.

Kuni gabaashee akka ho’ise dubbatti. Namni baayyee instaagiraamii argeet na bira dhufa jetti.

Hojii harka 90 ol kan argattu karaa instaagiraamii akka tahe kan dubbattu Fitsuum, maamilooti biyya alaa jiraatan illee hojiishee arganii akka dhufan dubbatti.

Fuula ‘Inquu Dizaayin’ jedhamuun hordoftoota kuma 118 ol kan qabdu immoo Inquuxaaxaash Kibreet dha.

Uffata aadaa maxxansuunis maamiloota hedduu akka argatte dubbatti.

Isheenis uffata cidhaaf tahu qopheessuu kan jalqabde waggaa sagal dura yoo tahu, tahus waggaa shan dura fuula instaagiraamii bantee hojiishee qooduu erga jalqabdee lakkoofsi maamilootashee akka dabale dubbatti.

‘’Gabaan keenyi baayyee akka ho’u godheera, maamilooti hojii keenya akka hordofanillee godheera,’’ kan jettu Inquuxaaxaash, karaa instaagiraamii gatii uffataa dabalatee odeeffannoo dabalataa akka argatan himti.

Intaagiraamii irratti hordoftoota kuma 290 ol kan qabdu artiist Yoodaan Efireem miidiyaan hawaasaa kuni madda galiishee akka tahe dubbatti.

Ergaa ykn beeksisa dhaabota garaagaraa karaa fuula instaagiraamiishee maxxansuun qarshii argatti.

‘’Instaagiraamiin maallaqa akkan argadhu baayyee na gargaareera,’’ kan jettu Artist Yoodaan, beeksisa kallattiin maxxansuun alattis carraa hojii argachuu akka bal’ifattus ishee gargaaruu himti.

Yeroo dhiyootti instaagiraamii irratti hordoftoota miiliyoona tokko kan horatte artist Hanaan Taarik, miidiyaa hawaasaa kana waggaa torbaaf fayyadamteetti, haa tahu malee gara qarshiitti kan jijjiiruu jalqabde waggaa lamaan asitti dha.

Artistiin kun erga deessee booda ‘yeroo hojiin qabbanaa’ee jiru’ suuraa fi viidiyoo dhuunfaa qooduun alatti daldala ittiin hojjechuuf akka murteessite dubbatti.

Dinqisiifattoota koo waliin akka walin argu gochuun bu’aa jalqabaa instaagiraam irraa argadhe dha jetti. Kana malees namoota hojiif ishee kakaasan hordofuuf akka ishee gargaares himti.

Dhimma faashinii irrattis instaagiraamii irraa odeeffannoo akka argattus dubbatti.

‘’Instaagiraamii koo irratti beeksisa tajaajilaafi oomishaa maxxansuun maallaqa gaarii nan argadha,’’ jetti.

Oomisha akka addunyaatti beekamtii qaban akka beeksistullee carraa akka uumeef dubbatti.

‘’Dura baruullee fi TV irratti qofa dha kan of beeksisuu dandeenyu amma garuu bakka bu’aa tokko malee instaagiraamii keenya fayyadamuun of beeksisuu dandeenya jedheen amana,’’ jetti.

Haaluma kanaan Hanaan oomisha dhaabota gurguddoo sadii beeksisuuf waliigaltee mallatteessiteetti.

‘’Hojiin kuni haamilee fi abdii naa taheera. Lammata immoo dhaaboti gurguddoo addunyaa akka na arganis taheera,’’ jetti.

Instaagiraamii akkamiin bu’aa qabeessa taha?

Akka Hanaan jettutti yoo taheef namni instaagiraamii irratti bu’aa qabeessa tahuu barbaadu waan barbaadu baruufi dandeettii ofii adda baafachuu qaba jetti.

‘’Waan hunda qaqqabuu mannaa isa beekaniifi barbaadan irratti xiyyeeffannoo otoo godhanii bu’aa qabeessa tahu jedheen yaada,’’ jetti.

‘’Instaagiraamii fayyadamuun salphaa gatii taheef namni kamuu dandeettiisaa agarsiisuufi namoota kaan waliin quunnamtii uumuuf itti fayyadamuu danda’a,’’ jechuunis ibsiti.

Yaada kana Yoodaan Efireem illee ni deeggarti,’’ namni hundi kennaa gatii qabuuf isa hubachuun, maaliin jijjiirama uumuua akka danda’u barraan isaan jabaachuu dha,’’ jetti

Hirmaannaa dammaqaa fi walitti fufaa tahe goachuun tarkaanfii bu’uuraa akka tahe ibsiti. Hordoftoota gama maaliinan guddisa kan jedhu irratti hojjechuun barbaachisaa akka tahe himti

Carraa instaagiraamiin fide warreen fayyadamuun galii argachaa namoonni jiran kun hundi, dammaqinaan hirmaannaa gochuu, hojii koo jedhanii qabachuun haala salphaa taheen dandeettii fi humna ofii agarsiisuuf fayyada kana malees, gabaa addunyaa waliin wal arguuf dhimma ijoo kan jedhurratti waliigalu.