Dhiiga arjoomu: Baankii dhiigaa Baahirdaar kan teeknoloojiin dabalame

A.L.I Hagayyi 01, 2008 Baahirdaaritti guyyoota kaanirra adda ture. Muddamni hammaatera.

Guyyoota muraasaan dura mormiin mootummaa balaaleffatu Gondar ture, Baahirdaar qaqqabeera. Guyyaa saafaa ta'usaa dura kutaalee magaalichaa garaa garaatti dhukaasni dhaga'amaa ture.

Abbaayi Maadoo bakka maqa Masaraa Beezaawwit jedhamutti ammoo haalli caalaa hammaachuun rasaasni kallattii garaa garaarra dhukaafama.

Namoonni qaamolee nageenyaatiin ajjeefamanis turan. Namoonni miidhamanii dhaabbilee fayyaa geeffaman lakkoofsaan hedduudha.

Namoota kanneen miidhaman waliin hospitaala dhaqanii turan keessaa tokko jiraaata magaalaa Baahirdaar Heenok Daanyachooti.

''Battala sanatti haqina dhiigaa guddaatu ture'' jedhe Heenok waan yeroo sana ture wayita yaadatu. Ganna keessa garuu haalichi ni geeddarama jedha.

Sababni isaas barattootni yuunvarsiitii hin turre. Baankii dhiigaatiif barattootatu dhiiga gumaachuun jalqabarratti argama ture.

Barattoonni yoo hin jiraanne hanqina dhiigatu jira. Keessattu wayita dhiigni baayyinaan barbaadamutti hanqinni kun mudate.

''Jiraattoonni magaalichaa muuxannoo dhiiga arjoomuu hin qaban'' jedhe Heenok.

Innis akkasuma muuxannoo hin qabu. Rakkoon waan hin jijjirre qabaa jettuurree? Heenok guyyaa sana namoota miidhaman gargaaruuf jecha dhiiga arjoome.

Ana qofti kenneera ni gaha hin jenne, jiraattoonni magaalichaa dhiiga akka arjooman kakaasu eegale.

Bara 2012

Namoota dhiiga gumaachan barbaadu iddoo garaa garaa wayita deemu, kanneen dhiiga isaanii gumaachan ''dhiigni keenya eessa maalirra oole?'' jedhanii gaafatu jedhu Itti gaafatamaan duraanii Baankii Dhiigaa Baahirdaar Obbo Mikiruun.

Sirni odeeffannoo duraan ture booddetti hafaadha, gaaffiin namoota dhiiga arjoomaniis deebii hin argatu. Kanaafuu deebii kennuuf yaadun eegalame jedhu.

Afrikaa Kibbaatti bilbiluun, Awurooppaatti adeemsa dhaamsa barreeffamaatiin deebiin kennamu jiraachuun barame.

Baahidaaritti maaltu haa hojjatamu?

Dhimmicharratti namoota dhiiga arjooman waliin otoo mariyatanii oggeessi Erimiyaa jedhamu tokko dhimmicharratti yaadaa akka ture Obbo Mikiruutti hime.

Waliin ta'uun ragaalee garaagaraa dubbisuun qorannoonis gaggeeffame.

Dhaamsa barrreeffamaa fi sirna qabiinsa odeeffannoo karaa ammayyaa diriirsuun murteeffame. Gatiin isaa garuu mi'aa ykn qaalii ture.

Deeggarsa naannichaafi tola-ooltotaatiin garuu milkaa'era.

ALI bara 2012tti Baankiin dhiigaa Baahirdaar dhaamsa barreeffamaafi sirna qabiinsa odeeffannoo ammayyaatti gargaaramuun Itoophiyaatti baankiiwwaan dhiigaa 40 keessaa tokkoffaa ta'e.

Dhaamsi barreeffamaafi sirni qabiinsa odeeffannoo ammayyaa kan eegalame''namni dhiiga erga gumaache booda baankii dhiigaa qaqqabusaa dhaamsa barreeffamatu namoota dhiiga gumaachanitti qaqqaba'' jedhan Obbo Mikiruun.

Dhaamsi barreeffama gabaabaan kan qofaaan kan daangeeffame miti.

Itti aansuun gostii dhiigaa gumaachame maal akka ta'e dhaamsi barreeffama bilbila nama dhiiga gumaachetti ergama.

''Dhiigni arjoomame dhibeewwan tiruu, HIV fi dhibeeewwan daddarboo biroorra bilisa ta'uun ergam mirkanaa'e booda firiin qorannoo arjoomtooti waajira dhaqanii akka fudhatan dhaamsi isaan qaqqaba'' jedhan.

Namoonni dhiiga arjooman baankii dhiigaa dhaqanii firiisaa fudhatu. Ittaansuudhaan, namoota dhiigni barbaachisuuf dhiiga kennamutu adda baafama.

Sana booda baankiin dhiigaa Baahirdaar dhiiga gara dhaabbilee fayyaatti erga.

Namoota dhiiga gumaachaniif immoo ''jaalamaa/tu dhiiga gumaachite [maqaa nama dhiiga gumaache], hospitaala dhiiga itti gumaachame waliin, dhiiga keetiin lubbuun nama sadii baraarameera, si galateeffanna, Baankii Dhiigaa Baahirdaar'' jedhame dhaamsi ergamaaf.

Nama dhiiga arjoome waliin dhaamsa wal geeddaruun kana qofaan kan daangeffame miti.

Ji'a sadii boodammoo namni dhiiga arjoome tokko deebi'ee dhiiga arjoomu akka danda'u yaadachiisuf dhaamsi ni ergamaaf.

''Jaalatamaa/tu [dhiiga arjoomte], dhiiga erga arjoomte ji'a sadii waan guuteef deebitee arjoomuu dandeessa, galatoomaa, Baankii Dhiigaa Baahirdaar'' jedha.

''Dhaamsi barreeffamaa dhugaa dubbachuuf namoota ni dadammaksa, haala fayyaan kee irra jiru yeroo yeroon si beeksisa'' jedhe Heenok.

Sirni qabiinsa odeeffannoo baankii dhiigaatiif gatii kana caalu qaba.

''Mala kanaan gosotni dhiigaa filataman qofaaf dhaamsa barreeffama erguutu danda'ama. Gosa dhiigaa kamtu iddoo kamitti akka argamu ni agarsiisa'' jedhan Obbo Mikiruun.

Kana jechuun baankiichi salphaatti akka murteessuuf gargaare jira jedhan.

''11,000 irraa gara 20,000tti guddate''

Sirni haaraan kun baankii dhiigaa baayyee fayyadeera. ''Kanaan dura dhiigni dhukkubsattootaf kennamu dhiigni firoottan isaanii irraa fudhuun ture. Kaan isaanimmoo namoonni biroo akka dhiiga arjoomaniif maallaqa kaffalu. Adeemsi kun ammas kan jiru namoonni itti fakkaatu jiru'' jedhan Obbo Mikiruun.

Adeemsi haaraan garuu kanarra haala adda ta'een namoonni dhiiga arjooman baankii dhiigaa akka abadatan taasisera jedhu hogganaan baankii dhiigaa kun.

Dhiigni arjoomame essa akka qaqqabe beeksisuurraa kaasee, hospitaala kamitti akka ergame waan beksifamuufi jedhu.

Akkuma baankii dhiigaatti arjoomtonni adeemsitti gammadaniiru. ''Dhiigni koo hospitaala kamitti akka kenname wayitan baru, dhiiga akkan kennu haamileekoo dammaqsa.

Dhiiga gumaachutti dabalatan, lubbuu namoota akkan baraaru haamilee naaf kenna'' jedhe Heenok.

Bara 2011 Baaankiin Dhiigaa Baahirdaar arjoomtota dhiigaa 11,000 qaba ture. Bara sanatti dhaamsi barreeffama gabaaba ergamu hin turre.

Baruma sanatti dhaamsa barreeffamaatti gargaaramuun hojiirra oole, arjoomtonni dhiigaa 20,000 ol guddate.

''Baranammoo 24,000 qaqqabeera. Arjoomtoonni dhiigaa firii qorannoo dhiigasaanii fudhatanis lakkoofsaan dabalaniiru'' jedhan Obbo Mikiruun.

''Iyyee miirakoo ibsuun ni ulfaata. Dhaamsi wayita na qaqqabu nan gammada. Kana caala waanti na gammachiisu hin jiru.

Kun qabeenya ijaan mul'atuun olidha'' jedhe Henook, wayita dhaamsa lubbuu namoota sadii baraaruun isa qaqqabu ibsu.

Badhaasa sadiirratti badhaasa biraa

Itoophiyaatti baankoota dhiigaa 40 olitu jira. Tatullee adeemsa hojii kana hojiirra kan oolche Baankii dhiigaa Baahirdaar qofa.

Magaalaa Finfinnee dabalatee baankoota kaan dhiiga sassaabuurratti %160 dursa.

''Bara darbe badhaasa sadii fudhanne,'' jedhan hogganaa baankicha.Jalqabarratti dhaabbilee mootummaafi mit-mootummaatu ''magaalichaaf waan gaarii dalgan'' jechuun hawaasni filatee badhaafame.

Lammaffammoo naannichatu badhaase. Biiroon Fayyaa Naannoo Amaaraa baankichi raawwii mul'iseef naannichatu badhaase.

Sadaffaammo, akka biyyatti badhaafame.

Baankiiwwaan akka biyyaatti jiran keessaa sadarkaa jalqabaa argachuun badhaasa sadii gonfachuu danda'e jedhan.

Sirni qabiinsa odeeffannoo fi dhaamsa ergaa gabaaba baankicha keessatti qofa hin hafne baankoota dhiigaa naannicha keessatti argaman birootti hojiirra ooluu jalqabeera.

Baankoota naannichatti argaman 10 keessaa Godar,Dabra Taabor, Matammaafi Dabra Maariqoositti haalli qabiinsa odeeffannoo hojiitti hiikamuu eegaleera.

Baaankiiwwan dhiigaa naannichaatti haala kanaan erga hojiii erga jalqabanii booda sadarkaa biyyaatti bali'isuuf xiyyeeeffannoo ni kennama. Sadarkaa kanarra qaqqabuuf garuu bu'aa bahiin tureera.

''Yeroon abdii nama kutachiisan turaniiru. Namoonni waliin hojjannu otoo hin hafiin, waan hintaanedha jechaa turaniiru. Waanti abdii nama kutachiisan jiraatanilee amma as qaqqabneerra'' jedhan Obbo Mikiruun.

''Ittaansinee, Ministeerri Fayyaa sadarkaa biyyatti adeemsa hojichaa akka hojiirra oolchu barbaanna. Hoggantoonni kanaan dura waadaan seenan hojiitti hiikamee, ijaan arguu feena'' jedhan.

Arjoomtota dhiigaa haaraa 150

Heenok ganna sadan darban si'a 10 ol dhiiga arjoomera. Dhiiga arjoomu addaan hin kutne. Taatullee yeroo kennuu qaburraa barfate akka beeku himeera.

Arjoomni dhiigaa ta'iiwwaan yeroo kan akka injifannoo Aduwaa fi guyyaa goototaa fa'aa sababeeffachuun akka arjooomamu hime Heenok.

Taateewwaan yeroo akkasiirratti namoonni dhiiga arjooman haaraan kan argaman. Heenok guyyaa dhaloota weelliftuu Ijjigaayyoo Shibaabbaa sababeffaachuun sagantaa arjooma dhiigaa qindeesseera.

''Dinqisiifattoonni weellistuu kanaa 150'n sagantaa guyyaa dhaloota isheerratti hirmaatan haaraan dhiiga arjoomaniiru'' jedhe. ''Dhiigni arjoomte eenyu bira akka qaqqabe beektaa? jechuun kan gaafatama Heenok, ''hin beeku'' jedhee deebise.

Gama miidiyaa hawaasaatiin dhiiga namoonni akka gumaachan wayita kakasaa turetti namni tokko'' S'ia kudhan, kudhaan dhiiga, dhiiga kan jettan maal taatanitu'' jechuu isaa akka mudannootti kaase.

Haati warraan isaa deessee jennaan, daa'imasaa haaraa dhalatteef dhiigatu kennamu barbaachisa ture. Heenokitti bilibilee hime. Heenok tola-ooltota gaafachuun dhiiga barbaadamu akka argatu hubachiise.

Daa'imni namtichaas ni fayyite. Namtichi sana booda bilbilee ofiisaatii akka dhiiga arjoomu jalqabu itti himuu Heenok himeera.