Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalattootni Tigraay 'eenyummaa keenyaan daraaramaa jirra' jechuun komatan
Dhalattootni Tigraay hedduun magaalaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiraatan jumlaan hidhamaa, miidhaan qaamaa fi doorsifni irra gahaa akka jiru himatu.
Torban dabre keessa BBC'n kan dubbiseen dhalattootni naannoo Tigraay magaalaa Finfinnee jiraatan ''hidhaafi dararaan eenyummaarratti xiyyeeffate nurra gahaa jira'' jedhan.
Mootummaan gama isaan himata dararaa fi hidhaa eenyummaarratti xiyyeefate jedhamu ilaalchisee deebii kenneen, namani eenyummaa isaan hidhames dararaan irra gahes hin jiruu jedha.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ALI Adoolessa 16, 2021 ibsa baaseen namoota nagaarratti dararaafii hidhaan akkasumas manneen daldalaa isaanii saamsuun raawwateera jedhee, namootni lakkoofsa isaanii hin ibsamne du'uu ibseera.
Jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu Aministii Intarnaashinaal ibsa amma dura baasee tureen, Poolisiin magaalaa Finfinnee dhalattoota Tigraay seeraan ala hidheera jechuun gochaan kun ''eenyummaarratti kan xiyyeeffate'' akka fakkaatu ibseera.
Namootni hidhamanii bahaniifi kanneen maatiin isaanii jalaa hidhaman erga dhuma ji'a Waxabajjiitii jabaatee kan itti fufe ta'uu himu.
Gariin isaanii mana murtii dhiyaatanii mirgi wabii eegameefii yoo gadhiifaman, kaan garuu mana murtiis akka hin dhiyaanne, bakka itti hidhamaniis beekuun rakkisaa ta'uu dubbatu.
Guyyootaaf buufataalee poolisii magaalaa Finfinnee adda addatti hidhamanii kanneen bahanii fi manneen daldalaa jalaa saamsaman, ''qaamoleen nageenyaa magaalichaa fi bulchitootni nu dararaa jiru,'' jechuunis komatu.
Hidhaan haarofniifi manneen daldalaa saamsuun kan mudate mootummaan federaalaa naannoo Tigraay keessaa waraana isaa erga baasee ta'uu kanneen BBC'f yaada kennaniifi dhaabbileen mirga namoomaaf dhaabatan ni himu.
Sadaasa darbe humnoota TPLF fi kan mootummaa Federaalaa gidduutti waraanni yeroo dhalatu, miseensonni Poolisii Federaalaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa dhalattoota Tigraay ta'an hidhannoo akka hiikaniifi hojiin ala ta'uu isaaniif sababni eenyummaa isaanii akka ta'e dubbachaa turan.
Kanneen Hidhaatii bahan maal jedhu?
Gooyitoom Mokonniin ALI Adoolessa 10, 2013 hiriyyaa isaa waliin naannoo Boolee Eednaa Mool osoo shaayee dhuganii qabamuu dubbata.
''Hin argineeni, garuu qaamolee nageenyaa 10 ta'antu bilbila keenya nurraa fuudhanii konkolaataa Poolisiin bakka ani hin beekne na geessan'' jedha.
Yeroo sanitti inniifi hiriyyoonni isaa bilbilli isaanii sakatta'amee sababni gara Finfinnee dhufaniif gaafatamee hiikamaniis, Adoolessa 11, 2013 manaa dhufanii isa qabuufi guyyoota afuriif hidhamee akka hiikames dubbata.
''Ganama sa'aa 12'tti dhufanii hirribaa na dammaqsanii na fudhatan. Laptooppiin mana keessa turan, bilbilaafi waraqaa jirus fudhatan. Yeroo sani buufata Poolisii Karraamaarraatti qorataan ture, warri Tigiree nu jeeqxan jechuun waan hedduu naan jechaa ture,'' jedha.
Miseensota maatii, firoota dhiyoo fi hiriyoota ishee walumaatti 20 ta'an jalaa hidhamuu kan dubbattu jiraattuun magaalaa Finfinnee biroon Hiwoot jedhamtu ammoo bakka isaan jiran hin beekuu jetti.
Hoteela maqaa isaa dhahuu hin feene tokko keessatti qacaramtee hojjechaa akka turteefi hoteelichis amma cufamee isheenis hojii dhabduu taatee akka jirtus himteetti.
''Herreegni baankii keenyas waan cufameef hanqinni maallaqaa na mudateera. Manneen daldalaa dhalattoota Tigraay hedduu cufameera. Hoteelli keenyas saamsameera. Miidhamni nurra gahaa jiru baayyeedha'' jetti Hiwoot.
''Amma dura anuu hidhameera. Ergasiis Poolisiin na hordofa. Bakka hojiitii ykn daandiirraa namni ni qabama. Yeroo kana reebichi raawwatamu jira, Juuntaa deeggartan jedhamuun dararaan qaqqabu jira.''
Gooyitoom yeroo hidhamee ture mana murtii dhiyaachuufi ''maallaqa fudhatee hokkora uumuuf yeroo socho'u harkaafi harkatti qabame,'' himatni jedhu irratti dhiyaachuu dubbata.
Gooyitoom hojiin isaa siyaasaan ala ta'uu himee, herreegni baankii isaa Tigraayitti kan baname waan ta'eef cufaa ta'uu dubbachuu himeera.
Poolisiif guyyaan qorannoo lama kennamuus beellama itti aanurratti himatni isaa kufaa ta'ee wabii qarshii 1000'n hidhaa akka bahu godhamuu himeera.
Bakka hedduutti irra deddeebiin waraqaa eenyummaa akka gaafatameefi sakatta'amuu kan himu Daawwit Haayiluu ammoo namoota maatiin jalaa hidhamuu himatan keessaa tokko.
Waxabajjii 29 bara 2021 Poolisiin gara mana jireenyaa eebbifamaa bara kanaa Yunivarsiitii Finfinnee kan ta'eefi dhaabbata gargaarsaa keessatti hirmaatu Tsaggaaze'aab Kidaanuu dhufuun kan qabe, fira dhiyoo isaa ta'uu hima.
Akka inni jedhutti Poolisiin ajaja mana murtii osoo hin qabatiin galgala sa'aa 2:30 tti manaa fuudhanii deeman, ji'a tokko guutus maatiin achi buutee isaa hin beekani.
''Gaafa qabame bulee qajeelcha qorannoo poolisii akka jiru dhageenyee dhaqnee argineen. Guyyaa sadaffaatti garuu hiikameera nuun jedhan. Hiikamee eessa dhaqe jennee yoo gaafannu garuu eessa akka jiru baruu hin dandeenye. Adeemsa kanaan ji'a tokkoof isa barbaadaa erga turree booda dhumarratti himata qaamaan argamuu galfanne. Kana boodadha poolisiin Awaash Arbaa akka jiru kan nu beeksise,'' jedha.
Yeroo kana gidduutti Poolisiin himatoota mootummaa humnaan kuffisuuf yaaluu, shororkeessitoota waliin hariiroo uumuu fi miidiyaalee hawaasaan odeessaalee sobaa raabsuu jedhaniin mana murtiitti dhiyeesseeras jedhe.
Maatiin garuu himatootni kun gonkumaa hidhaa isaa waliin walhin argan jechuun dubbatu.
Sababiiwwan kunniin sababa hidhaa dhalattoota Tigraay hedduuf dhiyaatan ta'uu namootni BBC'n dubbise ni himu.
''Eenyummaa kan bu'uureffate akka ta'e ifadha. Fakkeenyaaf naannoo Shawaa Daabboo namootni waraqaa eenyummaa gaafatamanii jumlaan qabamanii yoo hidhaman, naannoo 22 manneen daldalaa Tigirootaa addatti yoo saamsaman argeera'' kan jedhu Daawwit, ''haalichi na yaachisa,'' jedha.
Haati daa'imman shaniifi jiraattuun magaalaa Dassee maqaan ishee akka hin dhahamne gaafatte, abbaan warraa ishee torban sadii dura bakka hojetuu qabamuu fi hanga ammaa mana murtii akka hin dhiyaanne dubbatti.
''Ani Daseettin dhaladhee guddadhe, abbaan warraa koo garuu nama Tigraayi. Nama achi asiis jedhu ta'ee osoo hin taane, Tigraayii waan ta'eef hidhame jedheen fudhadha. Keenya dabalatee manni dhalattoota Tigraay hunduu sakatta'amaniiru.''
Ji'a Adoolessaa keessa hoogganaan dhaaba Baayitoonaa obbo Kibroom Barihee magaalaa Finfinnee keessatti kaafteeriyaa keessa osoo jiruu Poolisiin fudhatamee hanga ammaa eessa akka jiru kan hin beekmane ta'uu hiriyootniifi haati warraa ni dubbatu.
Ammas eessa akka jiru hin beeku kan jettu aadde Tizzitaan, meeshaan waraanaafi wantootni seeraan ala ta'an jiru sababa jedhuun manni isaanii irra deebiin sakatta'amuufi amma sodaa keessa galuu himu.
''Eessa akka geeffame yoo gaafannu ajajni olii dhufe waan jedhuun alatti kan biraa natti hin himamu. Garuu walumaagalatti namoota nagaarratti dararaan raawwatamu hanga hin qabu, hammaataadha'' jedhu aadde Tizzitaan
Poolisiin maal jedha?
Dalattootni Tigraay Finfinnee, naannoo Somaalee, Amaaraa, Dirreedhawaa fi magaalota biroo keessa jiraatan hidhaafi manneen daldalaa isaanii saamsamuu komachaa turan.
Komishiniin Poolisii naannoo Somaalee Adoolessa 15, 2013 namoota 28 TPLF deeggarsa gochaa turan jedheen to'achuufi qabeenya isaaniis qabuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Gargaaraa Komishinarrii Poolisii naannichaa Mohaammad Alii namoota 28, konkolaataa Siinootiraakii 10 fi qabeenya biroo odeeffanoo hawaasaarraa argataniin to'achuu ibsanii, namoonni kunneen jeequmsa uumuuf yaalaa turan jechuun himatan.
Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee ammoo Adoolessa 21, 2021 ibsa baaseen, qaamolee nageenyaa waliin ta'uun Waxabajjiifi Adoolessa gidduu kutaalee magaalitti hunda keessatti sakatta'iinsi godhamuu ibseera.
Bu'uuruma kanaan Komishinarri Komishiinii Poolisii Finfinnee Geetuu Argaaw, ''magaala keenya keessatti jeequmsaafi hokkora kaasuuf ergama fudhatanii osoo socho'anii namootni 325 karaa seeraan qabamanii qorannoon irrattii gaggeefamaa jira,'' jechuun ibsaniiru.
Dabalataaniis Poolisiin manneen dhugaatii, manneen shubbisaa, hoteelotaafi dhaabbileen daldalaa biroon walumatti 793 ta'an sakatta'iinsa godhameen shugguxiifi rasaasa akkasumas laptoopii, filaashii, mobaayilaafi meeshaaleen biroon egzibiitummaan qabamuu Poolisiin magaalichaa ibseera.
Poolisiin namootni eenyummaa isaanii irratti xiyyeefatee qabe, manneen daldalaa isaanii kan saamses akka hin jirre ibseera.
Dubbii himaan poolisii magaalaa Finfinnee Faasikaa Fantaa, namni hidhameefi manni daldalaa isaa kan saamsame jiraachuu quba hin qabu jechuun Rooyitarsitti himanii turan.
Dubbii himaan Poolisii Federaalaa Jeelaan Abdii gama isaaniin ''namoonni yakkaan shakkamanii to'annoo jala ooluu ni malu, haata'u malee namni eenyummaa isaa bu'uura godhachuun hin hidhamne'' jechuun Rooyitarsitti dubbataniiru.
Jiraattotni BBC'n dubbise garuu dhalattoota Tigraay boquu cabsuufi dararuuf haleellaan nurra gahaa jira jedhu.
Waldaaleen hawaasaa adda addaa kan saba Tigraayiif quuqaman wanna adeemaa jiruun yaaddoo keessa galuu ibsuun, gochi kun akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaa jiru.
Hoogganaan Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani'eel Baqqalaa, mootummaan qaamolee hawaasaa saaxilamoo ta'aniif eegumsa gochuuf gaafatama akka qabu himanii, namoota hidhaman dabalatee haala kana komishiniin isaanii hordofuu akka itti fufu dubbataniiru.
Aministii Intarnaashinaal gama isaan dhalattootni Tigraay dhibbaan lakkaawaman hidhamaniiru, mootummaan hidhaa seera malee akka dhaabuufi kanneen hidhee jirus akka gadhiisu gaafateera.