Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisoonni Itoophiyaa dhalattoota Tigraay dararaa jiru jedhame
Dhalattoonni Tigiraay magaalaa Finfinnee keessa jiraatan qondaaltoota mootummaan dararamuu ykn doorsifni akka irra qaqqabu gabaasan bahan dabalaa jiru.
BBC’n namoota hidhamuufi doorsifamuu komataniirra dhugaa bahiinsa isaan himatan sassaabeera.
Mootummaan Federaalaa gartuu siyaasa naannicha bulchaa ture TPLF waliin Sadaasa bara darbeerraa egalee lola irra ture.
Gabaasni dhalattoonni Tigiraay dorsifamuu agarsiisu kunis erga loltoonni raayyaa ittisa biyyaa naannoo Tigiraay keessa bahuun gabaafamefi Magaalaa Maqalee dabalatee iddoowwan ijoo ta’an biroon to’annoo TPLF jala seenuun ibsameen booda dhaga’ame.
Dubbii himaan poolisii himanna kana’’ namni eenyummaasaaf jecha addatti irratti qiyyaafatamu hin jiru’’jedhan.
Kun otoo haala kanaan jiru, Bulchiinsi yeroo Mootummaa Naannoo Tigiraay TPLF namoota nagaa mootummaa waliin hojjatu jedhu iddoowwan heddutti ajjesuu himate.
Ammatti lolli Tigiraayitti gaggeeffamaa ture iddoon hedduutti qabbana’uutu himame.
Haata’u malee, gartuuwwan walwaraanaa turan lamaanu loltootasaanii Lixa Tigiraayitti gurmeeessaa jiraachuun tarii waraanni goolabamurraa ammas fagoo jiraachuu agarsiisa.
Fincitootni Tigiraay ‘gocha farra namooma dalaguun’ himatan
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniifi qaamoleen idil-addunyaa biroon ‘’gocha cubbuufi gocha sukanneessaa’’ finciltoota Tigiraayiin raawwatameera jedhan akka balaaleeffatan gaafate.
Bulchiinsi Yeroo mootummaa Federaalaa ijaarame kun erga TPLF waraanaan Sadaasaa darbe aangoorra buufame naannicha bulchaa ture.
Bulchiinsi yeroo naannicha ibsa baase keessatti akka jedhetti, magaalota akka Raaayyaa, Indartaa, Maqaleefi Addegiraat keessatti namoonni mootummaan deeggaruun shakkamanii, akkasumas baqattoota Eertiraa’’irratti qiyyaafatamuun jumlaan ajjeefaman’’ jechuun ibse.
Dubbiihimaan TPLF Obbo Geetachoow Raddaa ammoo Roobii darbe fincilli isaanii,’’aangoo ykn lafa kan isaa hin taane saamuuf fedha hin qabu’’ jedhan.
Obbo Geetachoow magaalaan guddoo naannichaa kan taate Maqaleen torban lamaan darbaniif to’annoo TPLF harka jiraachuu dubbatan.
Itti dabaluun toora tiwitaraa gubbaatti ‘’uummata keenya tiksuu waanti nu dhorku homtu hin jiru, kana hin shakkinaa’’ jedhan.
TPLF dhukaasa akka dhaabuu mootummaan Federaalaa waamicha dhiyeesseef diduun, sarbamiinsi mirgaa naannicha qaqqaban qaama walabaa ta’een akka qorataman gaafachuu dabalatee, haalduree dhukaasa ittiin dhaabu kan ofii baasutu yaadatama.
Lolli Tigiraayitti akkamittiin jalqabe?
Baatii Sadaasa 2020 ture humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa Maqalee jiru irratti erga haleellaa raawwatan booda lolli motummaa federaalaafii humnootii TPLF jidduutti jalqabame.
Mootummaan federaalaa torban sadii keessatti magaalaa Maqalee to'achuun injifannoo labsuus, yeroo garaa garaatti iddoowwan magaalarraa fagaatanitti lolli jabaachaa adeeme ture.
Lola kanaan lammiileen kumaataman lakkaa'ama lubbuu dhabuun, miiliyoona tokko ol kan ta'an immoo qe'eefi qabeenyarraa buqqa'aniiru.
Lammiileen 400,000 siqan Naannoo Tigraayitti beelaan miidhamaa jiru jechuun Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akeekkachiiseera.
Kana dura mootummaan Federaalaa naannichatti‘’beelli hin jiru’’jechuun himeera.
Gama biraatin, mootummaan Naannoo Amaaraa kan kana dura 'lafa humnaan nu duraa fudhatame humnaan deeffanne' jedhe lafa qabate hin gadhiisu jedhe.
''Dhimmi Walqaayit, Xagadee, Tsallamtiifi Raayyaa kan Amaaraa ta'un kan mirkanaa'e, faayilii cufame ta'u irra deebinee mirkaneessineera,''jechuun haleellaa raawwatu akka ofirraa qolatan Pirezidantiin naannichaa Obbo Aganyahuu Tashaagar tibbana himaniiru.
Mootummaan naannichaa bakkeewwan kun yeroo TPLF aangootti dhufe jalqaba bara 1990 keessa Tigraayitti makamanii jedhe ibse.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Taayyee Asqasillaasee, gaafa Jimaataa gaaffii gaazexeessitootarraa dhihaateef deebii walfakkaataa kennaniiru.
Yeroo ammaa magaalaa Maqalee dabalatee bakkeewwan naannichaa baay'een humnootii Tigraayiin kan to'atame yoo ta'u, mootummaan Federaalaa kanneen mootummaa waliin hojjetaa turan irratti ajjeechaan raawwataa jira jechuun himateera.