Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattootni qe'ee ministira humna ittisa Afgaanistaan Kabul jiru haleelan
Hidhattootni qe'ee mana jireenyaa ministera ittisa biyyaa Afgaanistan haleelanii yoo xiqqaate namootni afur ajjeefaman.
Bismillaa Kahaan Mohaammad Kibxata kaleessaa yeroo haleellaan qe'ee isaa irratti gaggeefamu qe'ee hin turre. Hidhattootni naannoo qe'ee mana jireenyaa isaa eegumsa guddaa qabutti boobmii konkolaataa irratti hidhanii dhoosuun dhukaasa bananan.
Maatiin isaa karaa nagaa qabuun achii baafaman. Haleellaa erga bananii hidhattootni afur battala ajjeefaman.
Kun lolli cimaan magaalota murteessoo Afgaan keessatti hidhattoota Taaliibaan waliin yeroo gaggeeffamaa jirutti kan raawwate yoo tahu, Mootummoonni Gamtaaman jeequmsichi atattamaan akka dhaabbatu gaafateera.
Qondaalonni nageenyaa AFPtti akka himanitti yoo xiqqaate namootni afur haleellaa banamen ajjeefamaniiru.
Dhaabbata tola-ooltummaa tajaajila fayyaa kennu irra kan hojjetu lammiin Xaaliyaanii tokko namootni miidhaman 11 gara buufata fayyaa hojjetuu akka geeffamanii fi isaan keessaa afur kan du'an tahuu mirkaneessera.
Dabalataan gabaasaaleen akka jedhanitti, namootni haleellaa geessisan afur osoo mana jireenyaa ministerichaa galuuf yaalan ajjeefamaniiru. Qondaalonni nageenyaa ammoo gochaa badanii balleessuuti kan raawwatan jedhan.
Humni addaa naannoo eegumsi itti baay'atuu fi waajjiraaleen mootummaa gurguddaafi imbaasotni itti baay'atan keessaa gara ollaatti fiiguun dhukaasa banan. Dhukaasni hidhattoota waliin godhame gara sa'a sadii kan ture.
''Hin yaaddahiinaa, waan hunduu nagaadha!'' jedhe, Mr Mohaammad haleellichaan booda tiwiiterii irratti maxxansuun.
Sa'a muraasaan booda jiraattotni Kabuul daandiitti bahuun kaan ammoo baaxi mana isaanii irra bahuun 'Allahu Akbar' [Waaqayyo Guddaadha] jechuun iyyaa turan.
Kutaa biyyattii kaan keessatti maaltu tahaa jira?
Lolli hidhattoota Taaliibaanii fi humna nageenya mootummaa gidduutti magaalaa Lashkaar Gah, kutaa Helmaandi Kibba Afgaanistan keessatti gaggeeffamaa jiru itti fufeera.
UN, Kibxata kaleessaa yoo xiqqaate namootni nagaan 40 ol ajjeefamniiru jedhe.
Reeffi daandii irra jira. KAan namoota nagaa tahuu fi kan hidhattoota Taaliibaan tahuu walii hin beeknu,'' jedhe jiraataan tokko, nageenya isaaf maqaa isaa dhahuu hin feene BBC tajaajila Afgaanistaanitti akka himetti.
''Maatii hedduun qe'ee isaanii dhiisani baqachuun laga Helmaandi cina qubataniiru,'' jedhe.
Jiraataan biraas akkasuma reeffi namootaa daandii irra akka kufee jiru hime.
Humni waraanaa Afgaanistaan jiraattotni ariitiin magaalicha gadhiisanii akka bahanii fi Taaliibaan irratti haleellaa akka gaggeessu hime.
Taaliibaan waggaa 20 dura deeggarsa US'n aangoo irraa humnaan kaafame. Tibbana magaalicha keessatti lolli itti fufuun kan gaggeeffamaa jiru yoo tahu, Taaliibaan irra caalaa naannichaa akka to'ate gabaafamaa jiru.
Helmaandi gidduugala buufata humna waraanaa US fi Biriiteen kan ture yoo tahu loltootni alaa erga achii baafamanii saffisaan deebisanii qabachaa jiru. Kun humnootni fi bakkeewwan kunneen hammam murteessoo akka turan agarsiisa.
Xiyyaarotni waraanaa US fi Afgaanistaan hidhattoota haleelaa jiraatanis Taaliibaan ittuma cimuun bakkeewwan heduu qabataa jira. Torban darbe bulchaan kutaa Helmaand ''lolichi to'annoo keenya keessaa bahe fakkaata,'' jechuun dubbateera.