Afgaanistaan: Namoonni nagaan magaalaa hidhattoonni to’atan keessa akka baqatan gaafataman

Jiraattoonni magaalaa Afgaanistaan Lashkar Gah waraanni Afgaanistaan hidhattoota Taalibaanirratti tarkaanfii fudhachuu eegalu dursa magaalaa keessaa akka baqatan waamichi dhiyaate.

Kutaa Kibbaa biyyatti Heelmaad waraana Taalibanirratti gaggeeffamu kan hogganaan Jeneraal Saami Sadaat, jirattoonni saffisaan magaalaa Lashkar Gah akka gadhiisanii bahan gaafatan.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii guyyoota muraasa darbanitti lola magaalicha keessatti hammaateen yoo xiqqaate namoonni nagaa 40 ajjeefamuu ibse.

Hidhattoonni Taalibaan ammatti magaalicha harka caalu to’achuun gabaafamera.

Taatullee lolli humnoota mootummaafi hidhattoota giddutti itti fufeera.

Jeneraal Saami Sadaat dhaamsa jiraattota magaalichaaf wayita dabarsan’’ waraanni loltuu Taalibaan tokkolle jiraasaanitti dhiisuu hin qaban’’jedhan.

‘’Mana ofii dhiisanii baqachuun cimaa ta’uu nan beeka-nuttis akkanuma cima- garuu yoo guyyoota muraasaaf qe’eerra buqqaataan dhiifama nuuf godhaa’’ jedhe.

Jeneraal Sadaat loltoonni mootummaa wayita iddoo to’atanii turan gadhiisaa jiranitti, Taalibaan haleeluudhaan miidhuu BBCtti duraan dubbatanii turan.

Haleellaan Taalibaan kutaa Heelmaanditti qaqqabsise qaama haleellaa cimaan Afgaanistaan keessatti qaqqabaa jiruuti.

Hidhattoonni Taalibaan ji’oota muraasa humnoonni Ameerikaa ganna 20’f biyyatti keessaa turan biyyattii keessaa bahanitti saffisaan lafa bal’aa to’achaa jiru.

Heelmaand wirtuu duula humnoota Ameerikaafi Biritiish kan turte yoo ta’u, Taalibaan iddoo sana to’achuun mootummaa Afgaanistaaniif balaadha.

Magaalli Lashkar Gah hidhattoota Taaliban harka seenuun erga bara 2016 magaala Kunduuz to’atanii asitti magaalaa biroo hidhattootaan qabamte taate.

'Reeffi namaa karaa gubbaa jira'

Jiraattonni magaalaa Lashkar Gah hidhattoonni magaalicha haleelaa wayita jiranitti soda keessa jiraachuu himan.

‘’Mootummaanis haleellaa boombii nurraa hin dhaabu, hidhattoonnis nu hin dhiisan, reeffii nama daandiirra jira.

Reeffi sun kan namoota nagaa ykn Taalibaan ta’usaa adda hin baasne,’’jechuun jiraataan magaalichaa tokko BBCtti hime.

Jiraataan magaalicha kan biraan immoo ‘’essa dhaqu akkan qabu hin beeku, karaa magaalichaa iddoo hunda lolatu jira,’’jedhe.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti jaarmiyaan Gargaarsa kennu(UNAMA)akka beeksisetti, haleellaa xiyyaarafi haleellaa lafarraa Taalibaan gaggeessu miidhaa harka caala qaqqabsiisaniiru.

Gartuu mootummaa ta’e hidhattootaa namootaa nagaa eegumsa godhaniifi magaala keessatti lola akka dhiisan gaafatamaniiru.

Lola kana keessatti namoota du’aniin alatti hedduun isaanii miidhamuudhaan, kanneen kumaatamatti lakkaa’aman qe’eesaaniirra buqqa’uu UNAMA beeksisera.

Hakiimonni Lashkar Gaha hojjatan’’naannoo keenya hunda lolatu jira, muddama keessa jirra meeshaalee argachuu qabnu haphataa jira’’jechuun BBCtti himan.

Afgaanistaanitti humnoota Biritiish akka turjumaanatti afaan hiikuun namni gargaaraa ture tokko lubbuu isaatiif yaaadda’a jiraachuu himeera.

‘’Manni koo kaleessa keessa baqadhe hidhattoota Taaliban harka jira, mana koo jiru na barbaadaa jiru’’jedhe.

‘’Mana gara manatti deemanii namoota NATO’f hojjataa turan barbaadaa jiru, fuulduratti maaltu akka ta’uuf jiru hin beeknu’’jedhe.

Jeneraal Sadaat BBCtti akka himaniitti, Taalibaan hidhattoota gartuu Islaamistootaa biroon deegggaramaa jiru, kanaafu Afgaanistaanirra darbanii iddoo kaanif illee otoo hin hafiin yaaddoo uumu.

‘’Kuni leellistoonni muraasni magaalota Awurooppaa fi Ameerikaatti akka gurmaa’aniif abdiii ta’aaf, kunimmoo nageenyaa addunyaaf balaa guddaadha’’jedhan.

‘’Waraanichi waraana Afgaanistaan miti, waraana bilisummaafi abbaa irrummaa giddutti adeemaa jiru malee.’’

Maaltu biyya Afgaanistaanitt ta’aa jira?

Magaalli Lashkar Gah magaalota naannicha sadan haleellaan irra qaqqaba jiru keessaa tokko.

Hidhattoonni Taalibaan magaalaa Afgaanistaaan guddinaan ishee lammaffaa taate Kandahaar qabachuuf yaalaa jiru. Rokkeetti buufata xiyyaaraa Dilbata darbe erga haleelanii asitti haleellaa itti fufaniiru.

Kandahaar qabachuun Taalibaniif injifannooo guddaadha, sababni isaammoo Kibba biyyatti akka to’atan hiree kan isaaniif kennuudha.

UNAMA akka himetti guyyoota sadii keessatti namoonni nagaa shan wayita ajjeefaman, 42 ol kanneen ta’a miidhamaniiru.

Dhiha biyyattii keessatti magaala Herat jedhamutti loltoonni mootummaa loote seentota waliin waraanaa jiru.