Hogganaan deeggarsa namoomaa UN haaraan Itoophiyaa dowwachuu eegalan

Mootummoota Gamtoomaniitti Hogganaan Dhimmoota namoomaa fi Qindeessaa Deeggarsa Yeroo Balaa, Maartiin Giriifiitis dowwannaa guyyoota jahaa Itoophiyaatti taasisan har'a eegalan.

Giriifiitis aangoo kanaaf kan mudaman walakkeessa Caamsaa darbee keessa yoo ta'u, dowwannaan amma Itoophiyaatti taasisaa jiran kunis erga itti gaafatamummaa kana fudhataniin booda kan jalqabaa isaaniti.

''Hogganaa dhimmoota namoomaa mootummoota Gamtoomanii ta'ee ergama kiyya jalqabaa ifatti raawwachuuf gara Itoophiyaa imaluun anaaf hojii murteessaadha,'' jedhan.

Hogganaan kunis turtii guyyootaaf Itoophiyaa keessatti taasisaniin, aangaa'oota olaanoo biyyattii, bakka bu'oota dhaabbilee gargaarsaa fi hawaasa dhaabbilee arjoomtotaa waliin wal argu jedhameeti eegama.

Kana malees Giriifiitis imalasaanitiin, naannoo Tigraay deemuunis namoota nagaa sababii waraanaatii miidhaman akka dubbisanii fi danqaawwan qaamolee dhiyeessii deeggarsa namoomaa irratti hirmaatan mudatan bakkichatti argamuun ilaaluuf karoorfataniiru.

Motummooti Gamtooman akka jedheetti jiraattoota naannoo Tigraayiitti argaman miliyoona 5.2 ykn kanneen parsantaa 90 kan ta'an dhiyyeessitii deeggarsa namoomaatu isaan barbaachisa.

Hogganichi naannoo Tigraayiin alattis gara naannoo Amaaraas imaluun Baahir Daariitti aanga'oota naannichaa waliin marii taasisuuf karoora qabu jedhame.

''Dhaabbileen deeggarsa namoomaa dhiyeessan rakkina uumameef deebii kennuuf mootummaa fi ummata itoophiyaa waliin ta'uun hojjachuuf katatoodha,'' jechuun dubbataniiru hoggantichi.

Akkasumas hogganaan kunis motummaan gamtoomee haala fooyya'een attamiin ummata Itoophiyaa tajaajiluu akka danda'urratti aanga'oota motummaa Itoophiyaa fi dhaabbilee wal ta'an waliinis marii akka taasisan ibsameera.

''Dhiyeessii deeggarsa namoomaa biyyattii guutuu jiru haala fooyyessuun danda'amurratti marii ijaaraa ta'e nan taasisa,'' jechuun akka abdatan dubbatan.

Wayita ammaa kanattis Itoophiyaa keessatti dhaabbileen motummoota gamtoomanii 90 ol ta'an dhaabbilee idil-addunyaafi dhaabbilee mit-motummaa biyya keessaa waliin ta'uun dhiyeessitii deeggarsa namoomaa irratti bobba'aniiru.

Eejensiiwwan motummota gamtoomanii naannoo Tigraay kan waraanaan miidhamteetti sababii hanqina dhiyeessitii deeggarsa namoomaatiin Adooleessa 30 irraa kaasee deeggarsi namoommaa akka dhumu dunda'u torbanuma kana keessa akeekkachisee ture.

Sababii rakkoo nageenyaa naannoo Affaariitti mudateeniin konkolaatoonni deeggarsa fe'an akka Samaraa keessa turan taasifamunsaa ni yaadatama.