Xiyyaara WFP Harargeetti ooyruu jimaa keessatti kufe, namoonni argan maal himu?

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa, xiyyaarri namoota afur qabattee Dirree Dhawaa irraa gara Jigjigaa imalaa turte Godina Harardee Bahaa Aanaa Kombolchaatti kufuu ibseeraa.

Helikooptarri qabeenyummaan ishee kan Dhaabbata Biyyoota gamatoomaniiti tajaajila balallii Namoomaa (UNHAS) ta'e Kaleessaa, Roobii, galgala Godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaa bakka Gurraacha Gaara Arruu jedhamutti kufuun caccabe.

Xiyyaarri kun wayita kufu kan ijaan argan jiraataan ganda kanaa Obbo Siraaj Yusuuf, 'Xiyyaarichi Ooyruu Jimaa keessatti kufe,' jedhan.

''Namoota afran xiyyaaricha keessa turan keessaa nama tokko harki cabuu qofa argine malee sadan isaanii nagumaan bahani,'' jedhan.

Akkaataa kufaatii isaa yeroo himanis, "Gadi dhihaachaa deemeetuma, mukafaa tuqee booda lafumatti bashashaq jedhe" jechuun waan ijaan argan himan.

Namoonni afranis deeggarsa namoota naannooo fi aanichaatiin Ambulaansiidhaan gara bakka yaalaatti geeffamuu himan.

Sagantaan Nyaata Addunyaa ibsa baaseen xiyyaarri dhaabbata Tajaajila Balallii Abisiiniyaatiin balaliifamtu kun osoo imaltoota Jigjigaa fi Dirree Dhawaa gidduu deddeebisaa jirtuu kuftee caccabde jedheera.

Namoota xiyyaarittii keessa turan keessaa lama hojjettoota balallii yoo ta'an, namoonni lama ammoo hojjettoota gargaarsa namoomaati.

Namoota xiyyaaricha keessa turan irra balaan cimaan akka hin geenyee fi yeroo ammaas Hospitaala Dirree Dawaatti yaala argachaa jiraachuus Sagantaan Nyaata Addunyaa ibsa kana keessatti eereera.

Ka'umsi balaa kanaas dhaabbata Balallii Abisiinyaa, sagantaa Nyaata Addunyaa fi dhaabbata aviyeeshinii waliin ta'uun akka qoratamus ibseera.